Yukireen meeshaalee USn Raashiyaa akka haleeltu Baayidan hayyaman

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Yukireen meeshaa Ameerikaarraa argatteen iddoolee filatamoo Raashiyaa akka haleeltu hayyaman.

Iddoo hayyamni kennameef adda kan bahe yoo naannoo Karkiiv qofa akka ta'e qondaaltotnihimaniiru.

Gareen waraanaa Yukireen tokko meeshaalee US irraa arjoomameen iddoowwan Raashiyaa irratti xiyyeefataman hanga ta'e irratti ''haleellaan ofirraa faccisuu'' ykn humna Raashiyaa isaan haleelu deebisanii haleeluu ykn kan isa isaan haleeluuf qophaaye dursee haleeluu akka danda'u'' ajajni kennamuu BBCttu himeera.

Qondaalli US tokko yaada BBC kenneen fayyadama meeshaa Army Tactical Missile System [ATACMS] jedhamu dachee Raashiyaa keessatti fayyadamuu dhabuurratti wanti jijjiirame hin jiru jedhan.

Ammoo Yukireen xiyyaara waraanaa Raashiyaa isaan haleeluuf qajeele achuma Raashiyaa keessatti kuffisuu hin dandeessan jedhamanii akka beekne qondaalli US'tti dhiyaatu tokko himeera.

Humnoonni Raashiya yeroo dhiyoo keessa naannoo Karkiiv keessatti haleellaa tasaa eegalan hordofee bakka hedduu to'achaa jiru.

Biyyoonni michuu US ta'an heddu Yukireen deeggarsa meeshaalee argatte fayyadamuun daangaa Raashiyaa akka haleeltu hayyamuuf mallattoo agarsiisaa jiru.

Biyyoonni kun deeggarsa meeshaalee kennaniin Yukireen daangaa Raashiyaa akka haleeltu hayyamuuf fedha agarsiisun isaanii haleellan Raashiyaan Yukireen irratti gaggeessitu jabaataa dhufuu hordofeeti.

Pirezidaantin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin garuu, keessumaa "biyyoonni xixiqqoon Awurooppaa" akka gaabban akeekkachiisan.

Ministiirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan, haala dirree waraanaa irratti hundaa'un ejjannoon Washingtan keessa deebi'amee akka ilaalamu ibsanii turan.

Yeroo ammaa wal-gahii ministiirota dhimma alaa biyyoota NATO ta'anii gaggeeffamu irratti hirmaachuf Cheek Rippaabilik, magaala Piraagitti argamu.

Dubbi himaa Nageenya Biyyaalessaa Waayit Haawus kan ta'an Joon Kirbii Roobii, Caamsaa 30, ibsa akka kennanitti deeggarsi US Yukireenif taasiftu dabalaa dhufuu himanii, garuu ammatti tarsiimon US akka hin jijjiiramne beeksisan.

Yukireen karaa bahaan haleellaa Raashiyaa dandamachuu dadhabdee duubatti foqoqaa jirti; karaa Kaabanis magaala guddinaan lammaffaa taata, Kaarkiv guyyaa guyyaan misaa'ela Raashiyaatin haleelamaa jirti.

Torbee kana pirezidaantin Faransaayi Imaanu'eel Maakron Yukireen meeshaalee waraanaa biyyoota lixaatin daangaa Raashiyaa akka haleeltu hayyamamuufii akka qabu dubbatanii tutan.

Antoonii Biliinkanis Cheeck Rippaalikirraa ibsa kennaniin US haala dirree waraanaa jiru irratti hundaa'un "ejjannooshee deebistee ni ilaalti" jedhan.

Pirezidaantin Faransaay Imaanu'eel Maakroon yeroo heddu waraana Yukireenitti gaggeeffamaa jiru kallattiin biyyoonni lixaa akka harka keessa galfatan yaada dhiyeessaa turan. Biyyoonni lixaa kaan garuu yaada liqimsuun itti ulfaate.

Torbee darbe ammoo gaggeessan NATO Jeens Istoltenbarg biyyoonni lixaa Yukireen buufataalee waraanaa Raashiyaa keessatti argaman akka haleeltuf meeshaalee waraanaasaanii akka fayyadamtu hayyamuufii qabu jechuun the Economistitti dubbatan.

Ministiirri Dhimma Alaa UK Loord Kaameruun ji'a kana gara jalqabaa, Yukireen meeshaalee waraanaa UK irraa argatte akka barbaaddetti itti fayyadamuun murteeshee ta'uu dubbatanii ture. Torbee kanammoo Minitiira Ittaanaa Ministeera Ittisaa Pooland, Yukireen meeshaalee waraanaa Pooland irraa argatte akka isheedhaa mijatetti itti fayyadamuu dandeessi jedhan.

Pirezidaantin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin biyyoonni lixaa akkaataa itti fayyadama meeshaalee waraanaasaanirratti daangeffama kaa'un sirrii miti jedhanii ture.

Meeshaalen waraanaa biyyoota lixaa daangaa Raashiyaa haleeluf Yukireenif hayyamamuu qaba oduu jedhu gaafa dhageessu Raashiyaan baay'eedhuma dheekkamte.

"Awurooppaa keessatti, keessumaa biyyoonni xixiqqoon, eenyu wajjin akka taphatan baruu qabu," jedhan Vilaadmiir Puutin.

Dabaluunis, Yukireen meeshaalee waraanaa biyyoota lixaan daangaa Raashiyaa yoo haleelte itti biyyoonni lixaa itti gaafatama jalaa akka hin baane dubbatan.

Biyyoonni miseensa NATO kanneen akka Xaaliyaanii ammoo daangaa Raashiyaa haleeluu kan jedhu hin fudhatan.

Haa ta'u garuu, Yukireen meeshaalee waraanaa biyyoota lixaan Raashiyaa akka haleeltee beektutu himama.

Yukireen hanga ammaa daangaa Raashiyaa keessatti haleellaa gaggeessuf dirooniwwan fayyadamaa turte.

US meeshalee waraanaa of-ittisuuf gargaaran kanneen akka taankii, misaa'eloota farra haleellaa qilleensarraafi kaan heddu Yukireenif laattetti.

Erga ji'a Eblaatii ammoo misaa'eloota fageenya dheeraa imalan Yukireenif ergiteetti. Misaa'eloonni kun hanga km300 deemuu kan danda'aniidha.

Jalqaba torbee kanaa Yukireen diroonii fayyadamuun daangaa Raashiyaa km1,500 seenun raadarii dursee akkeekkachiisa kennu haleeluu dandeessetti.