Lolaa Libiyaatti namootaa kumaatama galaafateen wal qabatee bulchaan Deerna to’annoo jala oole

Lolaa Liibiyaa

Madda suuraa, AFP

Bulchaan Dernaa, magaalaa Liibiyaa balaa lolaan miidhamtee, balaa kanaan wal qabatee to’annoo jala oolfamuu angaa’oti ibsan.

Balaa ji’a kana namoota kumaatamaan lakkaa’aman galaafateen wal qabatee angaa’ota hedduu himataman keessaa tokko bulchaa magaalicha Abdulmenaam al-Gayiitidha.

Torban darbe, jiraattonni Dernaa dheekkamuun hiirira mormii ba’uun mana jireenyaa bulchaa kanaa gubanii turani.

Waajjirri abbaa alangee walii galaa, magaalaa guddittii Tirippooli keessa jiru Wiixata ibsa kenneen, angaa’ooti kunneen “hidhawwan biyyattii to’achuun itti gaafatamummaa isaanii ture,” kanaaf himata yakkaa irrati baneera.

Aab al-Gayiiyii dabalatee, angaa’onni tokko tokko dhadachi gaggeeffamuun dura to’annoo jala oolfamaniiru.

Hidhaa Dernaa keessatti jiguun balaa lolaa guddaa fidan kana suphuuf fandii ba’u qisaaseessuu dabalatee Waajjirri Abbaa Alangee waliigalaa angaa’oota kana yakka hedduun himateera.

Dabaluunis, angaa’oti kun of eegganoo dursa barbaachisu maal nagalche kan jedhuun dhiisuun isaanii, Libiyaatti lolaa lubbuu namoota hedduu galaafatee fi kufaatii diinagdee uumeera jedha Waajjirii Abbaa Alangaa walii galaa.

Aab al-Gayiitiin dabalataan aangoo isaa seeraan ala fayyadamuun himatameera.

Liibiyaan bulchiinsa wal morkatan lama – tokko Bahaan tokkommoo Lixaan- bakka lammatti hiramtee jirti.

Waajjiri Abbaa Alangaa Tirippoolii, lixa keessa waan jiruuf, ajaji to’annoo jala oolfachuu kun baha biyyattii keessatti hangam hojiirra ooluu akka danda’u ifa miti.

Waajjirri Abbaa Alangaa Walii galaa angaa’otaa biroo irratti qorrannoon dabalaa gaggeefamaa jiraachuu fi namootni dabalataa to’annoo jala oolfamuu akka malan ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama biraan namoota balaa lolaa kanaan du’an keessaa %10 kan tahan baqattoota jedhe Jaarmiyaan Dhimma Baqattoota Idil-adunyaa [IOM].

Liibiyaan biyyoota Afrikaa keessaa kan baqattoonni itti heddummatanidha.

Akka ragaa Jaarmiyaa Dhimma Baqattootaa qaama UN tahe, IOM'tti, ji’a Guraandhalaa darbe keessa baqattootni 706,000 tahan biyyattii keessa jiraatu.

Gariin isaanii waggoota dheeraaf Liibiyaa keessa hojjechaafi jiraachaa turan.

Gariin isaanii gara ardii Awurooppaatti ce’uuf akka hulaa ce’umsaatti itti fayyadamu.

IOM akka jedhetti baqattootni 400 tahan balaa mudateen du’uun isaanii galmaa’eera.

Ammayyuu reeffi namootaa argamaa waan jiruuf lakkoofsi isaa dabaluu akka danda’us eereera.

Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa fi IOM, hanga ammaatti namootni 3,900 tahan du’uu mirkaneessaniiru.

Haatahu malee qondaalonni mootummaa tooftaalee qorannoo adda addaa fayyadaman lakkoofsa namoota balichaan du’anii adda adda tahe kennaa jiru.

Fakkeenyaaf kantiibaan magaalaa Dernaa lakkoofsi namoota balaa lolaan du’anii tilmaamaan gara 20,000 tahu jedheera.

Dilbata darbe, mootummaan bahaa ammoo lakkoofsi namoota balaa lolaa kanaan lubbuun isaanii darbee 3,868 gahuu ibsee ture.