Iraan waamicha warri Lixaa 'Israa'eliin hin haleeliin' jedhanii dhiyeessaniif fudhachuu didde

Magaalaa Tehraan

Madda suuraa, EPA

Iraan ofiin ykn karaa michootashee ''tarii torban kana keessa'' Israa'eliin haleeluuf qophaa'aa jiraachuu Ameerikaan akeekkachiifte.

Israa'iliin gargaaruufis humna waraanaa Baha Giddugaleessaarraa qabdu jabeessiteetti.

Iraaniin kan deeggaramuufi Libaanos keessatti humna jabaa kan ijaare Hezbollaan erga qondaalli waraanaasa ajjeefamee booda haaloo bahuuf dhaadachaa jira.

Wiixata galgala bulchitootni UK, Faransaayiifi Jarmanii ibsa waloo baasaniin Iraaniifi michootnishee haleellaa muddama naannichaa ittuu hammeessurra akka of qusattu'' gaafataniiru.

''Carraa nageenyaafi tasgabbiitti gochaa danqaa uumu kamiifuu gaafatama ni fudhatu'' jedhan Seer Kiir, Pirezidant Maakrooniifi Chaansilar Ulaaf Shiluuz.

Boodas Ministirri Muummee Biriteen kallattiin Pirezidnatii Iraan Masuud Pezeekshiyaanitti bilbiluun yaaddoo isaanii ibsaniiru.

MM Biriteen yeroo dhumaaf kallattiin pirezidantii Iraanitti kan bilbile bara 2021 ture.

Seer Kiir ''amma dura balaan waa madaaluu dhabuu mudateera, amma ammoo yeroo itti tasgabbaa'anii, hubannoon ilaalanii'' jechuusaanii waajirri isaanii beeksiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Iraan Israa'eliin haleeluurraa booda akka jettu gaafataniiru, waraanni fedha eenyuuyyuu akka hin taanes ibsaniiru'' jedha.

Kibxata ganama ammoo ejensiin oduu biyyaalessaa Iraan, Irna jedhamu akka gabaasetti pirezidantiin biyyattii Pezeekshiyaan deeggarsi warra Lixaa Israa'el ''ajjeechaa raawwachuu akka ittifuftu, nagaafi tasgabbiittis yaaddoo akka taatu jajjabeesse'' jechuun Saar Kiiriitti himaniiru jechuun gabaase.

Pirezidantichi ilaalcha Iraaniin waraanni fedha qaama kamiiyyuu miti jedhanii akka amanan ibsaniiru jedha.

Ammoo ''deebii barsiisaa ta'e weeraraadhaaf kennuun mirga seera qabeessa biyyaati, karaa itti yakkaafi weerara itti dhaabaniidha'' jechuus gabaase.

Ministirri Haajaa Alaa Iraan ammoo addatti yaada kennaniin waamicha Landan, Paarisiifi Barliin irraa ''Israaliin hin haleeliin'' jechuun godhame kuffisan.

''Gaaffiin akkasii loojikii siyaasaan kufaadha, qajeeltoofi seera, seera idila addunyaas ni faalessa,..'' jedhan dubbii himaan waajirichaa Naasir Kanaanii.

Humni waraana Isra'el ammoo Wiixata darbe ibsoota Iraan irraa kennaman laayyootti akka hin laalle beeksise.

''Sadarkaa olaanaatti ittisuufi haleeluuf qophoofneerra, akka qajeelfama mootummaan kennuun tarkanafii fudhanna'' jedhan dubbii himaan waraan biyyattii Reer Admiiraal Daani'eel Hagaarii.

Dubbii himaan mootummaa Israa'el ammoo addatti Iraaniifi michootashee yoo akeekkachiisan kallattii kamirraayyuu weerarri isaanirratti raawwatamu ''gatii guddaa'' akka baasisu dubbatan.

Dubbii himaan Koree Dhimma Nageenyaa Ameerikaa Joon Kirbii, haleellaan Iraan raawwachuuf dhaadatte torban kana ta'uu akka maluu, fi akkuma michootni Israa'el jedhan balaa sochiin kun qabaatuun yaaddahuu dubbatan.

''Ammatti haleellaa Iraan ykn michootnishee raawwatuuf jedhanirraa wanti ifatti beeknu hin jiru. Waan ta'uu maalus hin beeknu, garuummoo qophaa'uu qabna'' jedhan.

Ministirri Ittisaa US Looyid Oostin garee doonii waraanaa kan xiyyaara baatu isa lammataa gara Gidddugala Bahaa erganiiru.

Waajirri ittisaa US, Pentaagoon ammoo Israa'eliin balaa irra gahurraa ittisuuf murannoo qabaachuu ibseera.

Iraan hogganaan siyaasaa Hamaas Ismaa'el Haniyaa daangaashee keessatti ajjeefamuu hordofee haleellaan haaloo bahuu waan hin oolle ta'uu irra deddeebiin ibsaa turte.