Iraan Israa’elirratti haleellaa banuuf qophaa’aa jirtii?

Madda suuraa, EPA
Tumsi dhaabbata Islaamaa (OIC) biyyoota 57 of jalatti hammate yaa’i atattamaa akka taa’u Iraan gaafachuu hordofee, Sa’ud Arabiyaa magaalaa Jiddaatti Roobii darbe yaa’ii taa’e.
Iraanitti ajjeefamuu qondaala Hamaas Ismaa’el Haniyaa dabalatee dhiimmoonni biro ajandaa marii kanaa turan.
Iraan yaa’ii kanarratti sababii haaloo baatuuf ibsitetti.
Gaggeessaa olaanaan Iraan Ayatolaa Alii Kamenii ajjeechaa Haniyaaf Israa’el ‘’ haleellaa haaloo bahiinsa jabduutu eeggata’’ jedhanii itti dhaatanii turan.
Iraaniif fi Hamaas Haniyaa kan ajjeese Israa’eli jechuun himatan, Israa’el garuu dhimma kanarratti yaada hin kennine. Garuu qondaala Hamaas ajjeesuu keessaa qooda qabdi jedhamee amanama.
Akka Ministira Dhimma Alaa Iraanitti tajaajilaa kan jiran Baqeri Alii Bagherii Kaani, ''Iraan haaaloo bahuu malee filannoo biraa hin qabdu, yeroo sirriitti deebii kennina’’ jedhan.
Kaanin deebiin Iraan ''walabummaa biyyattii eeguuf qofa miti, nageenya biyyattii eeguufi, akkasuma nageenyaa fi tasgabbii naannichaa guutuu eeguuf'' jechuun ibsan.
Qondaalli olaanaa Hamaas Ismaa’el Haniyaan keessummaa itti simatan, kan humnoota eegduu warraaqsaa Iraaniin garmalee eegamutti ajjeefaman.
Haniyaa sirna kakuu Pirezedantii Iraan haaraa Masuud Pezeshkiyaan irratti argamuuf Teheraan dhaqanii ajjeefaman.
Ajjeechaan Haniyaa kun tika Iraaniif gocha qaaneessadha.
Hamaas gaggeessaa haaraa filachuu duuba maaltu jira?
Hamaas gaggeessaa haaraa erga filatee asitti Iraan yoomii fi akkamitti haaloo akka baatu baruuf haasaan, mallattooleen ykn ibsi Iraanii bahu xiyyeeffannoon hordofamaa jira.
Sababni isammoo haaloo bahinsi kun Baha Giddugaleessaatti waraana guddaa fiduu mala jedhamee sodaatama.
Akka Ministira Dhimma Alaa Iraanitti tajaajilaa kan jiran Kaaniin yoom haleellaan kun akka raawwatame hin akeekne.
Odeeffannoon basaasa biyyoonni Lixaa xiqqaa ta’e qaban akka ibsutti Iraan haleellaan karoorsaa jirtu ifa miti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ebla 2024 keessa haleellaan mooraa dippilomaasii Iraan magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo irratti raawwatameen qondaaltota Eegudota Warraaqsa Iraan (IRGC) saddeet kan ajjeese yoo ta’u, haleellaan biraa Israa’eliin raawwatame jedhamee amanamu fi Iraan qaanesse.
Iraan misaa’elaa 300 oli fi diroonii Israa’elitti furguggifte; hundi isaa haala jechuun danda’amuun Israa’elii fi gartuun Ameerikaan durfamuu ofirra qolatan.
Haleellaan haaloo-bahinsa sun miidhaa guddaa hin qaqqabsiifne.
Torban darbe qondaaltonni Ameerikaa amma Iraan tarii taateen walfakkaatan akka deebi’ee hin mudanneef halleellaa waraanaa guddaa qopheessaa jiraachuu malti jedhan.
Gabaasni miidiyaalee dhiheenya kana ba’e garuu, akkaata Haniyaan itti ajjeefame bal’inaan gabaasan.
Haniyaan halleellaa biyya alaarraa kallattiin isarratti xiyyeeffateen otoo hin taane deeggarsa Iraan keessa argameen ajjeefamuu hin oolle jedhame.
Lammiileen Iraan tokkollee halleellaa sanaan waan hin ajjeefamnee fi tattaaffii dippilomaasii biyyoota Lixaa fi biyyoota Arabaatiin, Teheraan karoora ishee irra deebitee ilaaluu malti.
Ministirri Dhimma Alaa Joordaan jalqaba torban kanaatti Iraan daawwataniiru.
Roobii darbe ammoo Pirezedantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Pezeshkian waliin erga haasa’anii booda “waraanni haaraan akka hin uumamneef waan danda’an hunda akka godhan” itti dhaaman.
Gama biraatiin ammoo garee hidhattoota Libaanos Iraaniin deeggaraman Hezbollaan, Israa’el haleeluu mala jedhamee eegama.
Gareen Hezbollaa ajjeechaa Israa’el ajajaa olaanaasaanii Fu’aad Shukri ajjeeste haaloo bahuuf dhaadateera.
Fu’aad Shukrii ajjeechaa Haniyaa sa’aatii muraasa dura, naannoo kibba Beerutitti ajjeefame.
Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’elirratti raawwate hordofee Hezbollaan Hamaas deeggaruuf Israa’el haleelaa ture.
Lolli Israa’eli fi Hamaas ammaaf naannoo daangaa Israa’eli fi Israa’elirratti daangeffame.
Hezbollaan ammaaf bu’uuraalee misoomaa Israa’el haleeluurratti xiyyeeffate, garee hidhattoota Hezbollaas ta’e Israa’el ammaaf waraanatti humna guutuun seenuu hin barbaadan.












