Iraan Israa'eliin haleeluu malti jechuun Baayidan nageenya biyyaalessaa mariisisan

Madda suuraa, White House/ X
Pirezidantiin US Joo Baayidan aanga'oota buleeyyii nageenya biyyaalessaa waliin mari'atan. Kunis erga Iraan haleellaa Israa'el irratti raawwachuun haaloo ba'uuf dhaadatteeti.
Dhimma kanarratti Ameerikaan akkaan yaadda'uu ibsiteetti.
Pirezidanti Baayidan yoo Iraan Israa'eliin kan haleeltu ta'e akkaataa itti Israa'el gargaaruu danda'an irratti ibsa bal'aan akka kennameef ibsan.
Ministirri dhimma alaa US Antonii Bilinkan ammoo, aanga'oonni nageenyaa dhibdeen uumame kun gara hamaatti akka hin deemne gama hundaan hojjetaa jiraachuu ibsan.
Iraan fi Israa'el durumaanuu michummaa cimaa hin qaban, garuu dhiphinni guddaan kan uumame torbee darbe wayita qondaalli siyaasaa olaanaan Hamaas Ismaa'il Haniyaa Iraan keessatti ajjeefamedha.
Ajjeechaa kanaaf Israa'eliin kan himattu Iraan tarkaanfii jabaa fudhachuun akka haaloo baatu dhaadachaa jirti.
Israa'el haleellaa ajeechaa qondaala Hamaas kanaaf sababa ta'eef itti gaafatamummaa hin fudhanne.
Hezboollaan Libaanus keessa socho'uu fi deeggarsa Iraan qabu gamasaan Israa'el waliin waraana guutuutti seenuuf qarqara irra jira.
Sodaa kanarraa kan ka'e UK fi US dabalatee biyyoonni hedduun lammiileensaanii Libaanus keessaa akka ba'an ajajaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Marsariitiin US Axios jedhamu akka gabaasetti haleellaan Iraan haala kamii fi yeroo akkamiitti akka raawwatu ifa miti.
Guyyaa tokko dura ministirri dhimma alaa Antonii Bilinkan, Iraan fi Hezboollaan sa'atii 24 hanga 48 gidduutti Israa'el haleeluu malu jechuun kora G7 irratti dubbatanii ture.
Pirezidant Baayidan walga'ii garee nageenya biyyaalessaa waliin taasisan booda ''doorsisa Iraan fi tumsitoonni isaa fageenyarraa dhaggeessisan irratti odeeffannoo argataa jirra. Rakkoon akka hin babal'anne hojiin dippiloomaasii hojjetamaa akka jirus quba qabna. Yoo Israa'el haleelamte bira dhababachuuf qophiin jiraachuus beekna,'' jedhan.
Baayidan itti dabaluun haleellaawwan humnoota waraanaa US irratti raawwatamaniifdeebii kennuuf ''haala kamii fi eessatti raawwachuu akka qabnu'' irratti hojii eegaluu ibsan.
Wiixata kaleessaa haleellaa rookeetii buufata waraanaa US kan dhiha Iraaq keessatti argamurratti raawwateen loltoonni US hedduun madaa'aniiru.
Baayidan boodarra wayita gaazexeessitootaaf ibsa kennan qaamoleen dhimmi ilaallatu hundinuu dubbii hammeessuun gara waraanaatti seenuurraa of qusachuu akka qaban dhaaman.
''Dubbiin yoo hammaate kan fayyadamu hin jiru, kan haala kanaan fedhii guuttatus waan jiru miti. Waraana, jeequmsa fi tasgabbii dhabuu isa hamaatti nu geessa,'' jechuun akeekkachiisan Baayidan.
Ajjeechaa qondaala Hamaas Ismaa'il Haniyaa, kan dhiphina kana hammeesse, ilaalchisee Pirezidantiin Filisxeem Mahmuud Abbaas gaaffii fi deebii miidiyaa Raashiyaa RIA Novosti jedhamu waliin taasisaniin, ajjeechaan sun ''adeemsa marii nagaa irratti dhiibbaa hamaa qaba,'' jedhan.
Israa'el hanga yoonaa waa'ee ajjeechaa qondaala siyaasaa Hamaas homaa hin jenne.
Garuu Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Neetaniyaahuu taateen kun akkuma mudateen as ba'anii wayita dubbatan, ''Israa'el diinotashee michuu Iraan ta'uun hojjetan barbadeessite,'' jedhan.
Ajjeechaa Iraan fi Libaanus keessatti raawwate, kan Israa'el itti komatamtu, hordofee Iraan mufannaa guddaa keessa seente.
Jaarmiyaan eegdota warraaqsaa Iraan- IRGC jedhamu Israa'el ''adabbii sirrii, yeroo isaatti akkaataa barbaachisuun ni argatti,'' jechuun ibsa baase.
Hoogganaan Hezboollaa Hasan Nasrallaa ammoo lolli Israa'el waliin taasisan bifa haaraa qabachuun as ba'uu ibsan.
Qoccollaa fi lolli gareewwan kunneen gidduutti kan hammaate erga Iraan Ebla darbe diroonii fi misaa'eloota 300 ta'an Israa'el irratti dhukaasteeti.
Iraan tarkaanfii sana kan fudhatte, haleellaa Israa'el qonsilaa ishee Siiriyaa jiru irratti raawwachuun qondaalota waraanaa buleeyyii hedduu alaa ajjeeste haaloo ba'uuf ture.












