Hogganaan Hamaas fageenya dhihootii ajjeefaman jette Iraan

Hogganaan Hamaas Ismaa'il Haaniyaa sirna muudama pirezidantii haaraa Iraanirratti hirmaachuuf Teehiraan osoo jiranii ajjeefaman

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaan Hamaas Ismaa'il Haaniyaa sirna muudama pirezidantii haaraa Iraanirratti hirmaachuuf Teehiraan osoo jiranii ajjeefaman

Hogganaan siyaasaa Hamaas Ismaa’il Haaniyaa mana keessa qubatanirraa osoo hin fagaatin meeshaa waraanaa dhukaafameen ajjeefamuu Iraan beeksiste.

Humni Eegumsa Warraaqsa Iraan (IRGC) jedhamu akka beeksisetti pirojektaayiliin itti dhukaafame kuni 7kg kan ulfaatu yoo ta’u ''dho’insa jabaa'' uumuun Haaniyaafi eegduu isaanii ajjeese.

Hogganaan Hamaas sagantaa muudama Pirezidantii haaraa Iraan Masuud Pezeshikiyaan irratti hirmaachuuf magaalaa guddoo Iraan, Teehiraan turan.

IRGC ajjeechaa kana Israa’el karoorsuun raawwachuufi Ameerikaan immoo tumsuu ibse. Waa’ee du’a Haaniyaarratti Israa’el hanga amma homaa hin dubbanne.

Wanti IRGC dubbate gabaasota miidiyaalee lixaa tiki israa’elii bombii mana Haaniyaan keessa qubatan keessa ka’amuu gabaasaniin wal darba.

Guyyaa eegumsi cimetti ajjeechaan Haaniyaarratti raawwate Iraaniifi dhaabbata IRGC qaanesseera.

Eega ajjeechaan raawwate booda qondaaltonni IRGC danuu hidhamaniiru yookiin hojiirraa dhorkamani jechuun Niiw York gaafa Dilbataa gabaase.

Akka gabaasa kanaatti eejansiin tikaa dhaabbaticha qorannoo gaggeessuu eegaleera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mana keessummaa Haaniyaan keessatti qubatan keessa kanneen hojjetan qoratamaniiru, bilbilli fi meeshaan isaanii elektironiksii qaban duraa fudhatameera jedhe.

Akkasumas eegumsa namoota siyaasaa Iraan irratti jijjiiramni taasifamaa jira.

Ibsi Humni Eegumsa Warraaqsa Iraan (IRGC) kan dhagahame erga guyyaa Sambataa Deeyilii Telegiraaf Haaniyaan bombii mana keessa tika Israa’eliin owwaalamen akka du'an erga gabaase boodadha.

Gaazexaan Biriiten kuni qondaalota Iraan waabeffachuun akka gabaasetti taanaan tiki Mosaad lama mana keessummaa Haaniyaan keessa qubatan seenuun boombii kutaa sadii keessa owwaalan.

Viidiyoon qondaalonni bombii yoo owwaalan mul’isu kan argame yoo ta’u sadii isaanii keessaa lama Iraan erga gadhiisan booda boombicha dhoosan.

Gaazexaan US Niiw Yoork Taayims boombiin kuni tarii baatii lama dura owwaalameera ta’a jechuun gabaase. BBC dhimma kana mirkaneessuu hin dandeenye.

Garuu mana keessummaa kana keessa kana duras Haaniyaan qubatanii akka turan jalqaba torban kana qondaaltonni Hamaas BBC’tti himaniiru.

Haaniyaan erga bara 2017 hogganaa siyaasaa Hamaas ta’anii si’a 15 gara Iraan imalaniiru.

Gabaasi gaazexaa kanneen yoo mirkanaa’e dhaabbata Iraan nageenya biyya keessaa to’atu, IRGC’f, kufaatii guddaadha.

Akka ekispartoonni jedhanitti, taateen kuni tiki Israa’el Mosaad jedhamu akka fedhe Iraan keessa sosso'uun tarkaanfii fudhataa akka jiru agarsiisa jedhu.

Ajjeechaa Haaniyaa booda Iraaniifi Hamaas haaloo bahachuuf dhaadataniiru.

Humni Eegumsa Warraaqsa Iraan (IRGC) Israa’el ‘’yeroo, bakkaafi haala barbaachisutti Israa’el adabbii cimaa argatti,’’ jedheera.

Milishaan Iraaniin deeggaramu, garee siyaasaa ta’eefi Libaanositti argamu Hezbollaanis haaloo bahachuuf dhaadateera.

Ajajaa gameeyyii garichaa keessaa tokko kan ta’e Fu’aad Shuukir torbanuma kana gaafa Kibxataa haleellaa qilleensaa Israa’eliin ajjeefameera.

Ministirri Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahu ‘’guyyoonni ulfaatoo fuula dura keenya jiru… gama hundaatii doorsisa dhagenyeerra.

''Haala kamiifuu qophoofneerra,’’ jechuun lammiilee isaanii akeekkachiisan.

Ministiroonni Israa’el xumura torban kana yoollee caasaa kominikeeshinii biyyattiirratti haleellaan raawwate jechuun bilbila saatalaayitii fudhatanii manatti deebi’an.

Israa’el eegumsa olaanaarra kan jirtu yoo ta’u balaliin idil-addunyaa baay’ee gara biyyattiitti taasifamu haqameera.

Iraaniifi muchoonnishee yoo Israa’el haleelan Israa'el gargaaruuf Ameerikaa doonii waraanaafi jeettii waraanaa dabalataa gara Giddugala Bahaa ergiteetti.