Iraan odeeffannoo duula filannoo Tiraamp hatte oduu jedhu FBI qorataa jiraachuu beeksise

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Iraan duula filannoo Tiraamp gaggeessu irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo jalaa hatte kan jedhu himanni garee duula Doonald Tiraamp irraa dhiyaate ilaalchisee Biiron Qorannoo Federaalaa US (FBI) qorannoo gaggeessuu eegaluu beeksise.
"Ejansichi dhimmicha qorataa akka jiru mirkaneessuu barbaanna," jechuun FBI ibsa gabaabaa kenne.
Haa ta'u garuu, himannaa ka'erratti qorannoo gaggeessuu jalqabuusaa malee Iraanis ta'e pirezidaantii duraanii US, Donaald Tiraamp maqaa hin dhoofne.
Dubbi himaan duula filannoo Tiraamp BBCtti akka himanitti "sanadoonni duula filannoo Tiraamp qaamolee alaa diina US ta'an harka galeera."
Mootummaan Iraan gamasaan waa'ee himannaa hanna sanada duula filannoo Tiraamp gaggeessaa jiruu keessaa akka hin qabne waakkatteetti.
Mootummaan Ameerikaas ifatti Iraantu kana godhe jedhee waan himate hin qabu.
Doonald Tiraamp qofa osoo hin taane, paartii Dimokiraatotaa bakka bu'uun kan filannoof dorgoman Kamaalaa Haaris illee hanna ofeeffannoo duula filannoo Iraanif saaxilamuufi dhiisuu akka qoratu beeksise FBI.
Gareen duula filannoo Tiraamp Iraan komachuu kan eegale dhaabbanni Microsoft haakaroonni Iraan kaadhimamaa pirezidaantii Ameerikaa irratti xiyyeeffataniiru jechuun ji'a Waxabajjii keessa erga beeksisee booda.
Sambata darbe ammoo Tiraamp odeeffannoon haakaroonni argatan kan icciitii akka hin taane himan.
Miidiyaan CBS akka gabaasetti kaadhimamtoonni pirezidaantummaa US lamaanuu odeeffannoo duula filannoosaanirratti yaalin hannaa ykn haak gochuu irratti yaalameera oduun jedhu erga dhagahamee booda qorannoo gaggeessuu akka eegale beeksise.
Miseensonni garee duula filannoo Baayidan-Kamaalaa Haarsi sadi karaa imeelin yaalin haak gochuu akka isaan mudate Washington Post gabaasera.
Kuni kan ta'e Baayidan dorgommii pirezidaantummaa keessaa bahuusaanii beeksisuu guyyoota muraasa dursee kan mudateedha.












