Awustiraaliyaatti magaalli tokko hantuutan weeraramtee jiraattonni yaaddoo keessa galan

Awustiraaliyaa bulchiinsa Kuwiinsilaand keessatti kan argamtu magaala Normantan keessatti hantuunni lakkoofsan heddu ta'e mul'achuun jiraattota rifaasisee jira.

Magaalan kun qarqara bishaanitti kan argamtu yoo taatu, hantuunni kumaatama heddu ta'u du'afi jiraansaa magalaattii keessatti argame.

Bulchiinsi Kuwiinsilaand ji'ootaf weerara hantuutafi fuliyootin rakkataa kan ture yoo ta'u, ammayyuu weerarri kun biraa hin hafne.

Lakkoofsi hantuutaa heddummachuurraa kan ka'e nyaata barbaacha gara bakkeewwan qarqara bishaanitti akka godaananiif dirqamuufi hedduunsaanii karaatti du'uu miidiyaan bibyya keessaa gabaase.

Jirataa magaala Normanton kan ta'e Deerek Loord, "Hantuunni bakka hunda weeraree jira" jechuun madda oduu AFPtti hime.

Torbonaoota muraasa duras magaala Normantonitti dhiyoo kan taate magaala Karumbaa keessattis weerarri hantuutaa mudatee turuufi turizimii naannichaarratti dhiibbaa fida jechuun jiraattonni yaadda'aa turuu miidiyaan biyyattii gabaasee ture.

Karuumban magaala omisha qurxummiin beekamtuufi simbirroota heddu daawwachuuf turizimii hawwaattuudha.

Akeekachiisa: Suurrifi qabiyyee armaan gadii isin jeequu mala.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfame tokko akka agarsiisutti, hantuuti heddu bishaan walirra tuulee jira. Ilbiisonnifi raammmon heddus irra uursu.

Viidiyoo biraarratti ammoo reeffa hantuuta du'ee heddu bishaanirraa mul'ata.

Haalli qilleensaa jiidhinsa qabu ammoo hantuunni wal-horuun lakkoossisaanii akka dabaluuf haala mijataa uume jedhame.

Awustiraaliyaa bulchiinsa Kuwiinsilaanditti haalli qilleensaa kun waan itti fufuuf hantuunni ammayyuu kanarra heddummachuun weerarri kana caalu akka isaan eeggatu jiraattonnin nannichaa yaaddoo qabna jedhu.

Awustiraaliyaa keessatti bara 2011 as baay'inni hantuutaa sadarkaa weeraraa irra gahee hin beeku ture.