Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Parlaamaa keessatti dudduuba koo taa'ee morma kootti gadi jedhee hafuura baafata, na qoccola' - MP Awustiraaliyaa
Awustiraaliyaatti qondaalli siyaasaa beekamtuu taate parlaamaa biyyattii keessatti waayillishee miseensa parlaama ta'e yeroo hunda dudduubashee taa'ee akka ishee qoccoluufi mormashee jalatti gadi jedhee hafuura itti baafatu himte.
Duraan kaabinee mootummaa kan turte Karan Andiriwus akka jettetti, miseensi parlaamaa tokko parlaamaa keessatti dudduubashee taa'ee akka 'mormaashee jalatti' hafuura baafatuufi ishee qoccolu dubbatte.
Parlaaman Awustiraaliyaa yeroo heddu qoccolloon keessatti gaggeeffama jedhamuun hamatama.
Manni maree olaanafi gadaanan Awustiraaliyaa ji'a Guraandhalaa keessa dambii namuusaa mana mareewwanii haaresuurratti walii galanii turan.
"Ani [parlaama] keessa taa'ee osoon jiruu jiruu dudduuba kootii morma koo jalatti gadi jedhee hafuura natti baafata. Maal taate jedhee yoon gaafadhe: "Gaaffii ajaa'ibaa ture jedhee natti qoosa,"' jechuun miidiyaa ABC jedhamutti himte.
Qoccolloo isheerra gahu namoota kaanitti yoo himtu, "Ati maal qoosaa hin beektuu?" akka jedhaniin fa'aa dubbatti.
"Yeroo tokko tokko sagalee koo ol kaasen [maalif akkas goota] jedhee dubbadha, garuummoo yeroo kaan calliseen dhiisa; sababni isaa yeroo hunda namaan wal-lolee hin danda'u waan ta'eef," jetti.
Karan Andiriwu kaabinee mootummaa Iskoot Morisan keessatti Ministiira Industiriifi Ministiira Dhimma Biyya Keessaa ta'uun tajaajilteetti.
Dhaabbilee federaalaa keessatti qoccolloo dubartootarra gahu ira deddeebin kaasaa turte. Filannoo Awustiraaliyaa bara 2025 gaggeeffamu keessattis akka hin hirmanne beeksifteetti.
Ogummaa injinara makaanikaalaan industiriiwwan garaa garaa keessa hojjataa kan turte Karan, qoccolloo hamaan kan irra gahe parlaamaa keessatti ta'uu himte.
"Dubartii ta'uu koo qofaan dhiibbaa narra gahu dura dhaabbachuu akka qabu kanan murteesse siyaasa keessa galee qoccoolloo narra gahe ergan argee booda," jetti.
Bara kana miseensa parlaamafi miseensa Liberaal Paartii kan ta'e Senaatar Deevid Vaan himanni qoccolloo saalaa sadi irratti dhiyaatee ture.
Himata kana sadan keessaa lama hiriyootuma paatiisaa kan ta'an Liidiyaa Torpifi Amaandaa Istookar iratti qoccolloo saalaa raawwate jedhamus, inni ni haale.
Himanni deddeebin ka'u kun dubartoota biirolee mootummaa keessa hojjatan irratti qoccoolloo saalaa gaggeeffamuu falmii guddaa kaasee ture.
Bara 2021tti hojjattuu Liberaal Paartii kan taate Biritanii Higinsi biiroo ministeera muummee cinaatti nama waliin hojjataniin gudeedamuu himattee turte.