Nyaati haati coommee irraa qopheessite soddootashee galaafate

Torbee lamaan dura namoonni shan Awustiraaliyaa magaalaa xiqqoo keessatti laaqana nyaachuuf walgahan.

Torbee tokko booda sadii yoo du’an arfaffaan lubbuuf wixxifataa jiru, namni shanaffaan ammooo keessummootashee nyaata summaa’aa soruun shakkamtee qoratamaa jirti.

Dubartiin ganna 48 laaqana tolchite kuni waan tahe akka hin beekneefi maatii ishee akka jaalattu, akka isaan hin miines dubbatti.

Mudannoon kunis xiyyeeffannoo biyyaalessaa kan argate yoo tahu poolisiif immoo hibboo taheera.

Yakka moo muddannoo?

Mudannoon kuni kan jalqabe Geel fi Doon Paatarsan ijoollee ijoollee isaanii wajjin mana haadha warraa ilmasaanii Eriin Paatarsan, Meelbarn irraa sa’atii lama fagaattu laaqanaaf gaafa walgahani dha.

Isaan wajjin obbolettiin Geel, Heezar fi abbaan warraashee Ayaan turan.

Afran isaaniyyuu jiraattota jaalatamoo magaalaa Koramburraa yoo tahan Ayaan immoo achitti paastarii waldaati.

Tahus laaqanni gaafasii laaqana qaraa hin turre. Laaqana nyaatanii sa’atii muraasaan booda garaacha waan isaan dhukkubeef hospitaala deeman.

Battalatti garuu waan dhukkuba garaachaa caalu tahee argame, gara hospitaala Meelbarn jiruu, wal’aansa fooyya’aa akka argataniif geeffaman.

Dubartii ishee laaqana affeerteefi ijoolleeshee lamaaniin alatti namni inni kaan haala hammaataa keessa waan jiruuf tiruun isaa geeddaramuu qaba jedhamee eeggataa jira.

Ijoolleen ijoolleen isaanii fayyaa tahuusaanii ilaalamuuf hospitaala geeffaman nyaata addaa akka sooratantu barame.

Kanaan alatti dhimma kanarratti waan addaa beekame hin jiru.

Dubartiin soddootasheef laaqana qopheessite Eriin nyaata keessummotasheef kennite nyaachuufi dhiisuunshee waan barame hin jiru.

Kana malees dubartiin kuni abbaa waraashee, ilma Paatarsan waliin adda bahuun barameera. Garuu adda bahuun abbaa warraashee wajjiin ture lola guddaa hin qabu ture jedhame.

‘’Ammatti sababni du’a namoota kanaa hin ibsamne,’’ jedhan hogganaan poolisii garee qorannoo ajjeechaa Toomaas.

‘’Dubbiin hammina qabaachuus, dhiisuus mala, garuu hin beeknu,’’ jedhan.

Aadde Paatarsan waan tahe kana,‘‘amanuu hin dandeenye,‘‘ jette.

Nyaata kam, keessumaa kamiif akka kennite, coommeen soorataaf oole eessaa akka dhufe irratti dubbachuurraa of qusattus, boo'aa, ''maatii koo nan jaaladha homaa hin goone,'' jechuun qulqulluu tahuushee himteetti.

Dhimma hawaasa rifachiise

Oduun kuni naannoo jiraattota magaalattii waliin gahuurra darbee, jeeqamuunis akkasuma babal'ateera.

Kantiibaan magaalattii Naataan Hersee, ''kuni ni taha jedhee namni eege hin jiru,'' jedhan.

Maatiinis akkasuma firoota isaanii jalaa du'aniif ergaa gaddaa dabarsaniiru.