Daa'ima nyaanni ho'aan miilarra bu'ee gubnaan beenyaa doolaara 800,000 argatte

Dhaddachi Ameerikaa bulchiinsa Filooriidaa jiru, daa'ima ganna saddeetii foon handaaqqoo waadamaa ho'aan dukkaana nyaataa McDonald's irraa bitameefi miilarra bu'ee miidhaa dhaqqabsiiseef doolaara 800,000 murteessef.

Foon handaaqoo waadamaa Maaknaageetis jedhamuufi baay'ee ta'e kan ishee gube bara 2019tti ture. Yeroo sana isheen daa'ima ganna afurii turte.

Maatiinishee miidhaa irra gaheef doolaara miiliyoona 15 gaafatanii turan.

Caamsaa darbe dhaddachi miseensota hawaasaa hirmaachisu McDonald's miidhaa daa'ima kanarra gaheef gaafatamaa dha jedhe.

Gaazexaan SunSentinel akka jedhutti dhaddachi kuni murtii irra otoo hin gahiin Roobii darbe yeroo sa'atii lama hin caalleef marii'ateera.

Daa'imni Oliiviyaa Kaaraabaaloo jedhamtu nyaatni gubaan miilasheerra bu'e ishee dhukkubsuu fi miidhama sammuu waggaa afran darbe irra gaheef doolaara 400,000 akka kaffalamuuf akkasumas miidhaa gara fuulduraaf ammoo adabbii dabalataa doolaara 400,000 dhaddacha kanaan murtaa'eraaf.

Gareen seeraa maatii daa'ima kanaa murtoo kenname ''akkaan murteessaa'' jedhe.

''Sagalee Oliiviyaa dhagahuu isaaniitti akkaan gammadeera, dhaddachi hawaasaa kunis murtoo haqa-qabeessa tahe kenne,'' jedhan haati daa'ima kanaa Fiilaanaa Hooms.

''Waan tahetti gammadduu dha. Kuni ni taha jedhee hin yaanne, isan eegeen ooli dha anaaf,'' jedhan.

BBC'n dhaabbata daldala nyaataa McDonad's dhimma kanarratti dubbisuuf yaalus hin milkoofne.

Haati daa'ima kanaa mucaanishee gubaa sanarraa godaannisa akka qabdu gaazexaa SunSentinel'tti himteetti.

Dhaddacha irratti abukaatoowwan maatii daa'imaa suuraa gubaa qaamaa daa'ima kanaafi yeroo isheen iyyitu sagalee waraabame dhageessisaniiru.

McDonald's maatiin daa'imaa doolaara 150,00 qofa argachuu qabu jechuun falmaa ture. Sababiin isaas gubaa qaamaa kanarraa fayyuuf torban sadii qofa itti fudhate jedhe.

Daaa'imni kuni, ''ammallee McDonald's deemtee nyaata kana bitachaa jirti, '' jechuun abukaatoon dhaabbatichaa falmaa ture.