Guyyaatti maal fa'a nyaachuu qabna, yeroo meeqa haa nyaannu?

Sooratni gahee guddina sammuu fi qaamaa lubbuu qabeeyyiif qabuun cinaatti biyyoota akka Itoophiyaa keessatti walitti dhufeenya hawaasummaa cimsa. Gaheen isaa inni guddaan garuu qaamaaf humna kennuufi dhibee ofirraa loluuf gargaaruu erga ta'ee guyyaatti si'a meeqa nyaachuu qabna?

Akkuma guyyaatti yeroo meeqa nyaachuu qabna jennu, wantoota akkamii soorachuu qabna kan jedhuus gaaffii ijoodha. Gaaffiin kun yaada gosa nyaataa adda addaatti nu geessa.

Fakkeenyaaf Avokaadoofi killee nyaachuun qabiyyee isaaniirraa kan ka'e hedduu barbaachisoo ta'aniis yeroo hunda isaan nyaachuunis gahaa ta'uu dhiisuu mala.

Kanaaf guyyaatti gosa soorataa adda addaa nyaachuun qabiyyeewwan qaamaaf barbaachisan akka argannu gargaara.

Yunivarsiitii Finfinneetti gargaaraa piroofeesaraa gidduugala Saayinsii Soorataa fi Sirna Nyaataa kan ta'an Dr Qaal'aab Baayyuu addunyaarratti qajeelfamni soorataa ogeeyyiin qophaa'an adda addummaa qabaatanis soorata gosa danuu nyaachuurratti hunduu haala jedhamuun ejjennoo walfakkaatu qabuu jedhu.

Akka Dr Qaal'aab jedhanitti hanga danda'ametti gosti nyaataa soorannu dabaluun isaa carraan qabiyyeewwan barbaachisoo argachuuf qabnu dabala.

''Nuti namootni waan soorannu fakkaanna'' kan jedhan barsiisaa Saayinsii Soorataafi Sirna Nyaataa Dr Yiheennee Ayelee ammoo, qaamni keenya sirna uumamaan qabuun hojjechuuf yoo xiqqaate miniraalota fi Vaayitaminoota 53 argachuu qabaa'' jedhu.

Gosti nyaataa qabiyyeewwan barbaachisoo kana hunda of keessatti qabate tokko argamuu hin danda'u, kanaaf haala danda'ameen sooratni keenya gosa adda addaa of keessaa qabaachuu qaba jedhu.

Raafuu fooniin makaa

Dr Yiheennee soorata gosa adda addaaf fakkeenya yoo kennan akka fakkeenyaatti kan ibsan makaa kuduraafi bu'aa beeladaati. Itoophiyaatti kan baratamee ittoon raafuufi foon irraa hojjetamu addunyaaf fakkeenya ta'aa jedhu.

Akka isaan jedhanitti Ayaraniin foon keessaa %70 kuduraalee keessaa ammoo %17 ni argama. Haalli kun Fooniin ''arjaa'' kuduraaleedhaan ammoo ''doqna'' jechisiisa jedhu. Kanaaf yeroo walitti dhufan fayidaan isaanii ni guddataa jedhu.

Kuduraaleen, bu'aan beeladaa, gosti midhaanii, muduraaleefi midhaan zayitaa qajeelfamoota sirna nyaataa Dhabbatni Fayyaa Addunyaafi Dhaabbanni Qonnaa Addunyaa tarreessan 10 keessatti argamu. Ogeeyyiin kan gorsan gosoota nyaataa kana walkeessa makuun soorachuun gaarii ta'uu gorsu. Gaaffii guddaan soorata keenya guyyuu keessatti qabiyyeewwan kanneen guutuuf humni isaa dhufa kan jedhu? Dr Yiheennee yoomiyyuu guutuuf kan cimu bu'aa beeladaa argachuudha jedhu.

Bakka fooniifi bu'aawwan beeladaa biroo gosoota nyaataa kaan bakka buusuun filannoo ta'uu dubbatu. Shiroo keessa killee ykn qoonxaa keessa buufachuu jedhu. Kunis yoo hin dadhabama ta'ewoo?

Mulluufi akaawwii

Dr Yiheenneen Itoophiyaa keessatti kan baratame mulluufi akaawwiinis waan gaariidhaa jedhu.

Fakkeenyaaf akaawwii garbuu yeroo hojjetan lawuzii, nuugiifi kanneen biroo itti makuun saayinsii soorataan kan jajjabeeffamuudha jedhu.

Foon bira gahuun yoo rakkisaa ta'e kuduraalee, muduraaleefi midhaan dheedhii walitti makuun soorachuun bu'aa qaba jedhu.

Dr Qaal'aab ammoo gosootni soorataa keessa isaaniitti qabiiyyeewwan halluu qoodaman waan qabaniif sooratni keenya halluu akkamii qaba? jedhanii gaafachuun sooratni keenya qabiyyee adda addaa qabaachuu isaa agarsiisuu danda'a jedhu.

Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti daayireektara qo'annoo Sirna Nyaataa kan ta'an Dr Maarisheet Tasammaa ''quufuun'' qabiyyeewwan guyyaatti argachuu malle argachuu keenyaaf ragaa hin ta'uu jedhu.

Kanaaf qajeelfama sirna nyaataa Dhaabbatni Fayyaa baase keessaa yoo xiqqate gosa nyaataa 10 keessaa shan guyyaatti argachuun barbaachisaadha jedhu.

Qajeelfama kana Itoophiyaan akka fudhattuufi Ministeerri Fayyaa biyyattiis akka gorsu himaniiru.

Akkamitti haa soorannu?

Gosa nyaataa soorannu baayyisuun cinaatti akkamittin soorachuu akka qabnu beekuunis murteessaadha. Itoophiyaa keessatti yeroon soorachuuf kaahamee jiru jajjabeeffamuu kan qabuufi barmaata amma dura jiruun faallaa haalli soorataa dhiyoo baratamaa dhufe hafuutu irra jiraa jedhu Dr Qaal'aab.

Konkolaataa oofaa, hojii hojjechaa, bilbila fayyadamaa ykn xiyyeeffannoon ofii bakka biraarra ta'ee soorachuun hamma barbaadamuun ol akka soorannu sababa ta'uu danda'aa jedhu.

''Tasgabbaa'anii taa'anii soorachuun bu'aa akka qabu adeemsa saayiinsiin hubachaa jirra'' kan jedhan Dr Qaal'aab, waliin ta'uun soorachuun hanga soorannu to'achuufis ni gargaara jedhu.

Dr Yiheenneenis gama isaaniin qo'annooleen dhiyeenya hojjetaman waliin taa'anii soorachuun bu'a qabeessa ta'uu agarsiisaa jiruu jedhu. Namoonni waliin taphachaa soorachuun gosa nyaatan akka bal'isuufi haala tasgabbii qabuun akka sooratan gargaara jedhu.

Dr Qaal'aab ''osoo walirraa hin citiin saffisaan soorachuun'' hin gorfamuu jedhu. Akka kanatti soorachuun garaa nama afuufuu dabalaee jeeqama sirna soorotaa fiduu danda'a jedhu.

Guyyaatti yeroo meeqa soorannu?

Gaaffiin kun falmisiisaadha. Ogeeyyiin BBC'n dubbise garuu gaaffiin kun hedduu hin yaachisuu jedhu. Dubbii ijoon guyyaatti gosoota soorataa qaamaaf barbaachisoo argachuudha jedhu. Kun ammoo yeroo adda addaafi hangi isaas adda adda ta'uu mala jedhu.

Yaadni kun kan ilaallatu namoota gaheeyyii rakkoo fayyaa jabaa hin qabneedha jedhu. Daa'imman addatti garaagarummaa yeroo murtaaheen irr deddeebiin soorachuu qabuu jedhu.

Kanaafuu akka ogeeyyiin kun jedhanitti namootni yeroo eeganii ciree, laaqanaafi irbaata osoo bira hin darbiin soorachuun saayinsummaarra gara barmaatatti waan siiqudha.

Saayinsiin ''qabiyyeewwan guyyaatti argachuu qabnu lafa kaaha'' jedhu Dr Qaal'aab. Kanaafuu kan ilaalamu hanga qabiyyee malee sa'aa soorataa ykn marsaa soorataa guyyuu waan hin taaneef si'a meeqa haa sooratnu kan jedhu banaadha jedhu. Ta'uus miira beelaa dagachuun sirrii akka hin taaneefi deebii itti kennuun akka barbaachisu himan.

Ta'uus garuu guyyatti si'a sadii nyaachuun sirna nyaataaf mijataadha jedhu. Dr Maasreshaan guyyaatti yeroo sadii ol nyaachuun ulfaatina qaamaa dabaluuf sababa ta'a jedhu.

Umrii fi fayyaa irratti hundaa'uun garaagartummaa qabaatus sooratni garaacha keessa sa'aa afuriif turuu akka danda'u kan himan ogeessi kun, garaachi akka hin muddamneef garaagartummaa sa'aa afuriin(sooratni garaacha keessaa daakamee erga qama guutiitti deemee booda) soorachuun ni gorfama jedhu.

Bu'uura kanaan guyyaa tokko keessaa sa'aa saddeet hirribaaf dhiifnee yeroo isa hafe afuriin osoo qoodnee yeroon nyaataa amma baratamee jiru sirriidha akka jechisiisus himan.

Namni hedduu socho'uufi kan waajira keessa ta'aa oolu hangi soorachuu qabaniifi yeroon itti sooratan qixxee ta'uu hin danda'us jechuun hojii fi sochii qaamaarratti hundaa'uun garaagarummaan jiraachuu himaniiru.