McDonald's fi Wendy's beeksisaan hanga bargarii arbeessan jechuun himataman

Namtichi Niiw York keessaa kaampaaniiwwan bebbeekamoo McDonald's fi Wendy's, beeksisa isaaniirratti bargarii dhiyeessan caalaa guddaa fakkeessanii mul'isan jechuun himate.

Himannaa kanaan dhaabbilee nyaata dhiyeessuun beekaman kunneen, barmaata daldalaa haqa-qabeessa hin taanefi sobaan himate.

Isaafi namoota gowwoomfaman biroof beenyaa doolaara miiliyoona 50 gaafachaa jira.

Dhaabbileen lamaan kunniin ammatti himannaa kanarratti wanti jedhan hinjiru.

Dhaabbanni walfakkaataa biroo Burger King ji'a Bitootessaa keessa himannaan walfakkaatu Filooridaa keessa irratti dhiyaatee ture. Himannaa kanas kan dhiyeessan dhaabbilee seeraa Justin Chimienti amma bakka bu'anidha.

Burger King haga ammaa mana murtiitti kan hin dhiyaanne oggaa tahu, ergasii garuu maamiltoonni komii walfakkaataa qabna jedhan himannichatti dabalamaniiru.

Beeksisni dhaabbilee kanaa ''sirrii kan hin taanefi maamiltoonni nyaata isaaniif waadaa seenameen gadi kan tahe argachuun miidhamaa jiru,'' jedha himannaan dhiyaate.

Himannaan dhaddachatti dhiyaate waan jedhu, bargaroonni McDonald's fi Wendy's beeksisarratti mul'atan harka 15n kan isaan dhiyeessan caalu.

''Waan xiqqoo gadde fakkaata... akka waan suuraa irratti mul'atu miti,'' jedhe fayyadamaan YouTube irratti meeshaalee madaalu. Kana kan jedhe waa'ee bargara Wendy's Bourbon Bacon Cheeseburger jedhamu ture.

''Jarana bargarii bicuudha. Waanum jiru sinitti himaan jira, booda akkakoo akka hin gaddineef,'' jedhe namni biraa.

Yaadota qeeqaa akkasiin mana murtii UStti falmanii mo'achuun waan danda'amu miti, jedhu piroofeesarri seeraa Mark Bartholomew.

Akka isaan jedhanitti, manni murtii maamiltoonni kun dhugumatti gowwomfamaniiruu kan jedhu ilaala. Akkasumas beeksisoonni kunniin murtee jarri waan kana bituu isaaniirratti dhiibbaa godheeraa kan jedhus ni qorata jedheera.