Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Beeksisi qabduu harmaa Adidas qaama qullaa waan mul'iseef dhorkame
Jaarmiyaan qabduu harmaa dhiyeesuun beekamu 'Adidas sports' beeksisa waa'ee oomisha isaa hojjeterratti suuraa harma qullaa waan mul'iseef beeksisichi uggarameera.
Suuraan dubartoota bifa, dhaabbii qaamaa fi guddina qaamaa adda addaa qaban heddumminaan tiwiitarii irratti fi beeksisa barjaan maxxanfame mufii guddaa kaaseera.
Ejansiin hojii beeksisa sadarkeesuun beekamu- Advertising Standards Agency jdhamu dubartoota haala kanaan filatanii suuraasaanii beeksisaaf fayyadamuun namoota hedduu waan dallansiisuuf yakkatti ilaalama jedhe.
Adidas gamasaan beeksisichi ''harmi gosa garaagaraa jiraachuu fi qabduu harmaa sirrii akkaataa danaa fi dhaabbii qaamaan oomishuuf/ qopheessuuf kan kaayyeffateedha jedhe.
Kubbaaniyyaa adidas UK jirutti dubbi himaa kan ta'e waa'ee oomisha qabduu ergaan miidiyaa hawaasummaarratti barreessan sirrii ta'uu fi ejjennoosaas akka hin jijjiirre ibse.
Ergaan kun tiwiitarii irratti kan barreeffame Guraandhala darbe ture, innis akkas jedha: "Harmi dubartootaa danaa fi hanga adda addaa qaba, kana hundaaf oomishi ta'u qophaa'uu qaba. Kanaaf oomishi keenya akkaataa hanga qaama dubartootaan kan qophaa'uuf. Oomisha qabduu harmaa gosa 43 qabna. Waan kana ta'eef namuu kan isaaf ta'u argachuu danda'a.''
Beeksisoonni barjaa lameen maxxanfaman tokkorra suuraa dubartoota 62, kaanirrammoo 64tu jira. Barreeffamni irra jirus akkas jedha: ''Sababni nuti qabduu harmaa gosa tokko qofa hin oomishneef kanaafi.''
Qaamni beeksisarratti hordoffii gaggeessu kun namoota 24 irraa iyyannoo/ komiin isa ga'uu ibse.
Namoonni kunneen wayita komiisaanii dhiyeessan, adidas oomishasaa beeksifachuuf jedhee dubartoota qullaa dhaabaa jira jedhan. ''Dubartoonni qaama guutuun osoo hin taane kutaalee qaamaatti qoqqoodamanii akka hubataman gochaa jira,'' jechuun yaadoosaanii ibsan.
Namoonni gariin suuraaleen beeksisarratti ba'an kan daa'immaniti mul'achuu hin qabneedha jedhanii amanu.
Tiwiitariin gamasaan namoonni waa'ee suuraa maxxanfamee komii dhiyeessuu amanee, garuu wanti maxxanfame seerasaa kan hin cabsine ta'uu ibse.
Ejensiin Sadarkeessaa Beeksisaa suuraan dubartootaa tiwiitarii irratti baafame qaama salaa qullaa kan mul'ise yookiin ammoo akka meeshaatti kan isaan agarsiiseda jedhanii dubbachuuf rakkisaa ta'us, garuu qullaan harmaa dhiyaachuun namoota hedduu waan dallansiisuuf of eeggannoo gochuu qabu jedhe.
Adidas UK jiru garuu inumaa harma dubartootaa hangaa fi gosa garaagaraa qabu dhiyeessuun, garaagarummaa qaama dhala namaa hunda gidduu jiru keessummeessuun bakka kennuufii waan ta'eef yaadasaa akka hin jijjiirre hime.