Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Awustiraaliyaatti qurruun namoota kabaluun hiraarsan
Isin cululleen ykn allaattin biroo kan akka qurruu fa'aa isin kabaltee beektii? Keessumaa kun baadiyaatti baramaadha. Awustiraaliyaatti ammoo kun ni hammaata.
Allaattiin qurruu (magpie) jedhamuun beekamu keessumaa waktii kana namoota baay'ee hiraarsiti. Kanarraa kan ka'e biyyattii keessatti akeekkachiisni garaa garaa karaarratti maxxanfamee mul'ata.
Hin fiiginaa, yeroo deemtan gareen deemaa. Dibaabee qabadhaa kan jedhu baay'inaan mul'ata.
Awustiraaliyaa keessatti waggaa waggaan waktii birraa kana namoonniifi allaattiwwan kun baay'ee walitti bu'u.
Daandii gubbaafi paarkiwwan keessa deemun rakkisaadha. Akkuma culullee buutee yeroo isheen nama kabaltu ykn fuula nama moccoortu hin beekan.
Allaattiwwan kun waktii birraatti cuucii horatu waan ta'ef nama karaa deemus ta'ee bineensota biroo akka waan cuuciisaanii jalaa fudhatuutti yaadda'uurraa kan ka'e nama haleelu.
Nama kabaluusaanirraa kan ka'e namoonni saayikii oofan fa'aa kufanii miidhan qaamaa cimaan irra gaha. Mataa keessa qeenasan moccooruun dhiigsun baramaadha.
Allaattii sammuu cimaa qabdu
Qurruun allaattiwwan dandeettii yaaduu cimaa ta'e qaban keessayi. Awustiraaliyaa keessatti akkuma jibbaman akka mallattoo biyyaalessaatti ilaalamu.
Allaattin kun sammuu cimaa qabaachurraa kan ka'e meeshaa qorannoof jecha itti hidhame fa'aa yeroo ofirraa hiikan ni mul'atu.
Akkuma nama lolan, nama waliinis walitti dhufeenya cimaa qabu. Bara 2018 Awustiraaliyaatti allaattiwwan keessaa kam akka jaalatan qorannoon gaggeeffamee, namoonni heddu qurruu filatan.
Inumaayyuu magaalota Awustiraaliyaa lama keessatti kabaja allaattii kanaaf jecha siidaan gurguddaan dhaabateefira.
Akkasumammoo namoonni heddu kaballaa allaattii kanaa yaadatanii itti aaru. Tiyoon Zilastra buufata baabura yaabbatutti qurruu baay'ee arga. Keessumaa waktii birraa yeroo cuucii yaasanitti nama tokko bira hin darban jedha.
"Dhuguma dubbachuuf yaadda'eera ani," jedha yeroo baabura koruufi irraa bu'u kaballaa qurruutin dararamuu yoo ibsu.
"Allaattiiwwan osoo sagalee hin dhaggessisin nama haleelaniidha...kanuma isaan mataa koorra gahanin arga.
"Asmaan qaba, kanarra qurruu dheessee yeroon baabura seenu asmaa kootu natti kaa. Maalif [allaatin kun] akka na jibbitu hin beeku. Dhugaa Rabbii waan isaan miidhu tokko godhee hin beeku!" jedha.
Qurruun (magpies) maalif nama kabalti?
Awustiraa keessatti simbirroonni nama qoccolan danuutu jiru. Qurruun garuu addumatti "allaatttii abbaa humnaa" jedhamuun beekamti.
Namni allaattin kun hin kaballe ykn qeensaan hin moccoorree qubaan kan lakkaa'amuudha.
Allaattin kun osoo namni hin eegin dagachiftee kan nama kabaltuuf ji;a Hagayyaa hanga Sadaasatti yeroo cuucii yaastudha waan ta'eef balaa irraa ittisuufi.
Oggeeyyiin akka jedhanitti allaattiwwan kun lafaa ka'anii osoo hin taane mallattooleefi sochii garaa garaa kan akka fiiguufi harka facaasuu fa'aa namoonni agarsiisan akka waan balaan irra gahuuf jedhutti fudhachuuni kan nama qoccolan jedhu amala bineensotaa kan qoratan Pirofeesar Giseelaa Kaaplan.
"Sochii akkasii akka waraana banuutti lakkaa'u. Waggaa waggaan yeroo cuucii yaastu, mallattoo akkasii nama agarsiisu dursitee qolachuuf jecha kabaluun nama ariiti," jedhan.
Keessumaa namoota saayikilii oofaniifi ijoolleerratti xiyyeeffachuun haleelu. Sababni isaa ammoo jara kana hin amanan jedhu ogeessi kun.
Namoonni allaattii qurruu kanaan kabalaman yeroo baay'ee dhiiguu ykn qeensan boccooramuutu isaan mudata. Kan balaan cimaan ijarra gahee waldhaansa baqaqsanii hodhuun waldhaanamanis jiru.
Namni osoo saayikilii oofuu allaattii kanaan dhahame Kiristiyaan Neeysan jedhamu, "Allaattin kun na dura gortee ija keessa kallattiin na kabalte" jedha.
Bara 2021tti achuma Awustiraaliyaatti haati mucaa baattee deemtu allaattii kana ofirraa hari'iuuf osoo jettuu mucaan harkaa lafa du'ee ture.
Waggoota muraasa dura ammoo manguddoon tokko osoo allaattii kana baqatuu saayiliirraa kufee miidhaa cimaa irra gahen du'e.