Paarisitti dorgommii Olompikii dursee weerarri geergoo yaaddoo guddaa uume

Weerarri geergoo magaalaa Paarisii fi magaalota Faransaay kaan mudate waa’ee fayyaa biyyichaa fi nageenya dorgommii Olompikii bara dhufu magaalichatti qophaa’uuf yaaddoo uume.

Yaaddoon weerara geergoo sadarkaa kanatti yaadessaa tahuun amma miidiyaalee idil-adunyaafuu ijoo dubbii taheera.

Gam tokkoon dhugumadha, gama biraan ammoo hangas yaadessaa miti. Dhimmichi akkasi. Iddoowwan geergoon kun itti argame isa kan torbanoota duraa irra babal’ateera.

Sadarkaa akkasiin kan dabalaa ture waggoota dheeraa dura ture.

''Yeroo bonaa facaatiin geergoo kun haalaan dabala,'' jedhe Jiin Mikaa’el Berenger, Hospitaala Maarseetti ogeessa qorannoo ilbiisotaa kan tahe.

''Sababni isaa ji’a Adoolessaa fi Hagayya keessa namootni baay’een waan imalaniif yeroo bonaa manatti deebi’an bakka tahee uffata isaanii keessatti qabatanii deebi’u,'' jedhe.

''Wagga waggaan hammi facaatii isaa dabalu, isa kan bara darbee caala.''

Magaalaa Paarisitti, namootni gamoowwan keessa jiraatan kudhan keessaa tokko waggoota shanan darbaniif geergoon rakkachaa turan, amma immoo haaraan itti dabalame.

Gabaasni geergoon tibbanaa kun galma siniimaa keessatti argame jedhu hin mirkanoofne, garuu xiyyeeffannoon itti kennamee ilaalamaa jira.

Akkasumas namootni baabura keessattis geergoon nyataaman jedhu jira.

Amma manni qopheessaa Paarisii fi bulchiinsi pirezidaanti Imaanu’eel Maakiroon tarkaanfii gahaa akka fudhatamuuf waamicha gochaa jiru.

Kun hammam akka xiyyeeffannoon ilaalaa akka jiranii fi dorgommii Olompikii Paaris bara 2024 dhufaa jiru irratti maqaa Paaris egsisuuf akka hojjetan agarsiisa.

Weerara tukaanii kana oduu miidiyaa hawwaasaa godhanii bira hin darbine.

Oduun nama sodaachisu miidiyaa hawwaasaan akka malee dafee tamsa’uun isaa, isa dur oduun gaazexaadhaan suuta dhagahamaa ture gara dhimma biyyaalessaa tarkaanfii hatattamaa barbaaduutti ceesise.

Namootni mana siniimaa qaban lakkoofsi maamiloota isaanii hir’achaa jiraachuutti yaaddoo qabu.

Kunis erga viidiyoon tokko mana siniimaa tokko keessaa ilbiisni tahe teessoo (barcuma) irra jiraachuu agarsiisu haalaan qoodameeti.

Kana booda namuu mana mana isaatii ilaaluu jalqabe.

''Akkasitti dammaquun waan gaariidha, sababni isaas hammuma daftee tarkaanfii fudhattu daftee balleessuuf gaarii taha,'' jedhe Berenger.

''Garuu rakkoo inni guddaan akka malee arbeessamuu isaati.''

Rakkoo guddaan geergoon deebi’ee ka’uu isaafi waggoota 20 hanga 30 tahaniif turuu isaati.

Kun ammoo Faransaay keessatti qofa miti. Bakka hundumaattidha.

Weerarichaaf sababoota hedduutu jira.

Addunyaan walitti hidhamuu ishee, daldala konteneraan gaggeeffamu, turizimii fi godaansatu weerarichi akka dabalu taasise jedhan.

GeergooN ‘cimex lectularius’ maqaa Laatiniin beekamu, uumama madaqfamedha.

Bakkuma dhalli namaa deemu deema, haalli qilleensaa isa hin balleessu.

Yeroo Waraana Adunyaa Lammaffaa babal’inni geergoo sababa keemikaalli DDT jedhamu hojiirra ooleef xiqqaatee ture.

Haa tahu malee waggootaan booda dhiibbaa nama irraan gahan irraa kan ka’e DDT fayyadamuun dhorkame.

Warra DDT sana irraa hafantu har’a wal horuun adunyaa rakkisaa jira.

Sabbani biraan ammoo bararoon badaa adeemuu isheeti jedhan ogeessi kun.

Namni kamiyyuu Bararoo mana keessa akka jiraattu barbaaduu baatus, tukaanii balleessuuf garuu gahee guddaa qabdi.

Miidhaan tukaanii qaama caalaa miidhaa xiinsammuuti jedhan ogeessichi.

GeergooN osoo homaa hin nyaatiin hamma waggaa tokkootti turuu dandeessi.

Kaampaaniin ilbiisota mana keessaa balleessuu irratti hojjetu jira.

Faransaay keessatti kaampaanotni kunneen manaa manarra deemuun balleessu.

Keemikaalota qofa osoo hin taane, saree foolii fuudhuun bakka geergoon jirtu adda baasuu danda’us qabu.

Berenger ''geergoo mana keessa jiraachuun waan nama kofalsiisu miti'' jedhe.

Rakkoo hamaan bakka bakkatti salphaatti darbuu danda’u isaaniiti jedhe.