Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Beela hamaa Madagaaskaaritti mudateen namootni ilbiisota nyaachaa jiru
Madagaaskaar fiixee ''beela jijjiirama qilleensaan'' adunyaa jalqabaa mudachurratti argamti akka gabaasa UN jedhuutti. Kumaatamni sababa roobni waggoota afuriif hin roobiin tureef beelaa fi hanqina nyaataa sadarkaa ''suukaneessaa'' irratti argamu jedhe.
Goginsi waggoota kurnan afur darban keessatti mudate, qonnaan bultoota biyyattii gara Kibbaatti adda bahuun jiraatan akka malee miidhuun, maatiin lubbuun hafuun jecha ilbiisota funaanuun nyaachaa jiru jedhe gabaasichi.
''Kunnenis hongee haalota agarsiisanidha. Jijjiirama qilleensaan malee sababa balaa nam-tolcheen kan dhufe miti,'' jedhe Sheelii Taakiraal, UNtti Sagantaan wabii Nyaataa irraa.
UN namoonni 30,000 tahan hanqina nyaataa sadarkaa idil-adunyaatti beekame sadarkaa shan keessatti ramadamuuf saaxilamaniiru.
Ammas Madagaaskaar akka aadaatti waktii ''midhaan fixan'' yookaan ammoo waan qaban facaasanii hanga gahuufiitti eeggatan keessa galanii waan jiraniif lakkoofsi namoota beela'anii dabaluu akka danda'u UN himeera.
''Kun waan hin baratamne. Uummatni kunneen jijjiirama qilleensaa akka dhufuuf waan godhan hin qaban jette Taakiraal.
''Aannisaaf dhagaa cilee guban hin qaban. Garuu jijjiirama qilleensaaf saaxilaman,'' jette.
Ganda fageenya irratti argamu Fandiyovaa, kan kutaa bulchiinsa Ambosarii keessatti argamu keessatti maatiin tokko garee WFPtti awwaannisa nyaachaa turan itti agarsiisan.
Ilbiisota kanneen hamman danda'e nan qulquulleessa. Garuu bishaan hin jiru jechuun danda'ama,'' Tamaria, haadha ijoollee afurii kan maquma kana himatte.
''Ijoolleekoo fi ani guyyaa hundaa ji'oota saddetiif kana nyaanna. Sababni isaas waan nyaannu tokkoyyuu waan biraa waan hin qabneefi. Akka hin facaafanneef roobni hin jiru,'' jette.
''Har'a homaa waan nyaannu hin qabnu, baala adaamii [cactus] yoo tahe malee,'' jette haati ijoollee sadii Booleen lafa gogaa irra teessee.
Akka jettetti abbaan warraa ishee dhiyeenya sababa beelaan du'e. Ollaanshees ijoollee biroo lama akka soortuuf itti dhiisteetti.
'' Maal jechuun danda'a? Jireenyi keenya lubbuun jiraachuuf ammas ammas baala adaamii [cactus] ilaaluudha.
Itti fayyadama bishaanii fooyyessuu
Madagaaskaar irra deddeebiin goginsaaf saaxilamuun jijjiirama qilleensaa El Ninoon dhufeef saaxilamte.
Ogeessotni ammoo jijjiiramni qilleensaa kallatummaan jeequmsa ammaa waliin wal qabata jedhu.
Akka gabaasa IPCCtti madagaaskaar qilleensa gogaaf saaxilamteetti. Yoo haalli jijjiirama qilleensaa kun itti fufe goginsi qilleensa keessaa dabalaa deema.''
Dhiibbaan goginsa kanaa magaalota gurguddaa gara Kibba Madagaaskaar keessattis mul'achaa jira.
Ijoollee baay'een daandiitti bahuun nyaata kadhachuuf dirqamaniiru.
Gatiin gabaa keessaa dabalaa jira. Dachaa sadii yookaan afuriin. Uummatni maallaqa argatee nyaata bitachuuf jecha lafa isaa gurguraa jira,'' Tsinaa Endoor, dhaabbata tola ooltummaa 'Seed' jedhamuuf kan hojjettu.
Miiltoon hojiishee biraan Loombaa Hsovana isaa fi namootni kaan baay'een lafa qonnaa isaanii dhaquun achi bulanii oomisha isaanii eeguuf yaaluu hime. Garuu uummata nyaata barbaadu irraa dhowwuun baay'ee ulfaataa akka tahe dubbate.
''Lubbuukee balaarra buusuu dandeessa. Baay'ee baay'ee ulfaataadha. Yeroo hundumaa waa'ee maatiikoo fi of sooruu yaaduun qaba,'' jedhe.
Haala qilleensaa tilmaamuun nama rakkisa jedhe. Bor maaltu taha kan jedhu gaaffii guddaadhadha jedhe.