Xaaliyaanitti Paastaan ilbiisotarraa qophaa'u maaliif falmii kaase?

Kaaba Xaaliyaanii naannoo Alpisitti jedhamtutti, kutaa xiqqoo tokko keessatti konteenarootni ilbiisota korophisa (crickets) kan akka malee walitti cafaqaman miliyoonotaan guutamaniiru.

Korophiisaa kunneen asiifi achi utaalanii sagalee guddaadhaan wacaa kan jiran nyaatamuuf kan qophaa’anidha.

Adeemsi itti nyaataaf qophaa’an ammoo salphaadha. Ni cabbeeffamu, san booda affeelamanii gogfamu. Isa booda mi’eesituun itti dabalama.

Bakki horsiisa korophiisaa Xaaliyaan jiru kun biyyatti keessatti lafa ilbiisonni itti horsiifaman isa guddaadha. Guyyaa guyyaadhaanis korophiisonni miiliyoonaan lakkaa’aman bakka kanaa nyaataaf oolu.

Hojii gaggeessaan bakka oomisha ilbiisota kanaa Ivaan Albaanoo konteenaroota kana banuudhaan daakuu boora bifa ifaa qabu kan omisha paastaa, daabboo fi dhugaatiwwaan adda addaa oomishuuf oolu agarsiisan.

Waggoota kumaatamaaf keessumaa biyyoota Eeshiyaatti ilbiisota akka korophiisaa, goondaa fi raammoowwan soorachuun baratamaadha.

Bara kana Gamtaan Awuroopaa gurgurtaa ilbiisota nyaata namaaf oolchuu erga heeyyamee asitti biyyoota Awuroopaattis jijjiiramani ilaalchaa dhufuu malaa laata?

Akka ragaa dhaabbata Yaada Uummattaa idil Addunyaa,YouGov jedhutti, biyyoota Awuroopaa kan akka Xaaliyaanii keessa nyaata ilbiisotaa kan balaaleffatu hin turre. Diddaan akkasii ammoo qondaaltota mootummaa olaanoo biraayyuu jalqaba. Kana dura ilbiisota galtee nyaata piizaa fi Pastaa irratti dhorkii kaa’anii ture.

Ministirri Muummee Itti aanaan Xaaliyaanii Mate’o Salvini “waan kana jabeessinee didan. Haala kamiyyuu keessatti, eessattuu hin fudhannu. Kun maraatummaa aadaa keenya balleessuuf dhufe” jechuun Facebook isaanii irratti barreessanii ture.

Egaa wanti kuni jijjiiramuuf jiraa? Sababni isaa amma omishitoonni biyya Xaaliyaanii hedduun nyaata paastaa fi piizaa korophiisarraa hojjetamu kanatti cimaniiru.

Ivaan akkas jedha, ‘‘wanti amma hojjechaa jirru waan itti fufiinsa qabudha. Daakuu korophiisaa tokko qopheessuuf bishaan liitira 12 qofa fayyadamna. Pirootiinii walqixa ta’e sa’a irraa argachuuf garuu bishaan liitira kumaan lakkaa’amu barbaachisa,” jedha.

Kana maalees ilbiisota horsiisanii foon oomishuun lafa xiqqaa qofa barbaada. Faalama naannoo horsisni beellada aannanii fi foonii geessisan waliin yoo madaalamus saayintistoonni hedduun horsiisni ilbiisotaa kuni faalama naannoo ittisuufis ni gargaara jedhanii amanu.

Nyaataa daakuu korophiisaa irraa qophaa’u kana namoonni hedduun yaaluufuu baayyee jibban. Garuu ana dabalatee namootni nyaata kana yaalan dhandhama isaa dinqisiifataniiru jedhan mana nyaataa naannoo Turin jedhamutti sheefii kan ta’e Simoon Loddo.

Dhandhama gaarii qaba jedhame kanaan alatti daakuun korophiisaa kun viitaaminoota, albuudotaafi amiinoo asiidiidhaan kan badhaadhe.

Nyaanni si’a tokko dhihaatu ayiranii fi maagniziyeemii olaanaa ofkeessaa akka qabutu himama.

Garuu nyaanni Daakuu korophiisaa irraa qophaa’u kuni warreen foon soorataniif filannoo ta’uu danda’aa? Kan jedhu gaaffii ijoodha.

Ivaan akka jedhutti, eeyyee filannoo ta’uu dandaha. Rakkoon waa’ee gatiisaati malee.

“Daakuun korophiisaa kun omisha qananiiti. Kanaaf gatiin isaa ol ka’a. Daakuun kun kiiloon tokko hanga Yuuroo 60 taha. Paastaan korophiisaa tokkommoo hanga yuuroo saddeetiitti gurgurama,” jedha Ivan.

Kana jechuun paastaa idilee suppermaarkeetitti gurguramurraa gatiinsaa dachaa saddeetin caala jechuudha.

Guutummaa biyya Xaaliyaanii keessatti lakkoofsi namoota umurii waggaa 100 fi isaa ol jiraatanii haalan dabalaa jira. Namoonni baayyeen sababa kan jedhanii yaadan ammoo nyaata Galaanaa Meditiriyaanii kan jireenya fayyaa qabeessa nama jiraachisu dha.

Sababa kanaafis lammiileen biyyattii nyaata ilbiisota akka korophiisaa kana ammayyuu hin fudhatin jiru. “Kunneen nyaata Mediteriyaanii miti. Aadaa keenyas miti. Nyaanni ilbiisotaa kun qaama keenyarratti waan inni fidu hin beeknu,” jedhu.

Awurooppaa keessatti qonni oomisha ilbiisotaa kun babbal’achaa kan jiru yoo ta’u, mormiin irratti ka’us akkasuma.

Murtii gamtaan Awuroopaa ilbiisotni nyaataaf akka ooluu danda’aniif dabarses qondaalonni Xaaliyaanii ‘Daangaa maraatummaa’ jechuudhaan ibsan.

Ministirri Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii yeroo filatamanii turanitti aadaa biyyattii nan tiksa jedhanii waadaa seenanii ture.

Viidiyoo miira muffii ofirraa qabuunis “oomishni ilbiisotaa suuta gara suppermaarkeetotaa seenaa jira,’’ jedhanii ture.

Ministirri qonnaa Xaaliyaanii Firaansiskoo Loloborjidaa, “wanti hubatamuu qabu daakuun ilbiisotaa kun nyaata Xaaliyaanii keessatti qophaa’an waliin waan waldhiitu hin qabu,” jedhan.

Dhimmi ilbiisota nyaataaf oolchuu kun Poolaand keessattis filannoodhaan duratti ajandaa ijoo ta’eera. Bitootessa darbe qondaaltonni paartilee ijoo lamaan biyyattii dhimma imaammata ilbiisota soorachuu kanarrati falmanii ture.

Dursaan garee mormituu biyyattii Doonaald Taask, warra mootummaatiin “Jajjabeesitoota shoorbaa raammoo’’ jechuun qeeqe.

Biyyoonni akka Ostiriyaa, Beeljiyeemii fi Neezerlaand garuu ilbiisota nyaataaf oolchuu warra simataniidha. Ta’ulleen ammayyuu ilbiisota soorachuu irratti odeeffannoon dogoggoraa jiraachuu himu kanneen mana nyaataa qaban.

Ilaalchi duraan ture jijjiiramaa waan jiruuf jecha garuu namoonni nyaata korophiisa ofkeessaa qaban ajajatan dabalaa dhufuus himu.

Baayyina uummata addunyaa biliyoona saddeet caale kanaaf addunyaan nyaata gahaa dhiheessuuf rakkachuu dandeessi yaaddoon jedhus jira.

Kana guutuuf yaadamnaan akka addunyaatti omishni qonnaa dhibbeentaa 70 dabaluu qaba jedha tilmaamni Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Addunyaa (WFP).

Kanaaf jechas madda pirootiinotaa akka ilbiisotaa soorachuun filannoo ta’uu mala jedha.

Murtee Gamtaa Awuroopaa kanaan alatti ilbiisota nyaataafi daldalaaf horsiisuun daangeffamaa ta’ulleen adaduma seektarri kun guddachaa dhufu gatii olka’aan amma nyaata ilbiisotaa kuni hir’achuu mala abdiin jedhu jira.