Biyyoota Afrikaa shan AIDS balleessuuf karaa sirriirra jiran

Akka gabaasni UN jedhutti, sagantaawwan fayyaa murteessoo ta’an guutummaatti maallaqaan deeggaramnaan addunyaan bara 2030tti AIDS balleessuuf daandii sirrii qabattee jirti.

Namoota addunyaa irratti HIV waliin jiraatan keessaa %65 keessatti kan argamu Afrikaan Sahaaraa gadii dhibee kana balleessuudhaaf tarkaanfii guddaa fudhachaa jira.

Akka UNAIDS jedhetti taanaan Botiswaanaa, Eswaatiinii, Ruwaandaa, Taanzaaniyaa fi Zimbaabuween galma '95-95-95' jedhamee kaa'ame kanumaan durayyu milkeessaniiru.

Kana jechuun namoota HIV waliin jiraatan keessaa %95 kan ta'an haala HIV ofiisaanii beeku; namoota haala HIV ofiisaanii beekan keessaa %95 qoricha farra dhibee kanaa fudhachaa jiru; namoota warra qoricha farra AIDs fudhatan keessaa ammoo %95 kan ta'an ammoo vaayirasiin kun akka hin dadaddabarre gochuu danda'uu isaaniiti.

Biyyoota biroo 16 galma kana milkeessuutti dhiyaatan keessaas saddeet Afrikaa Sahaaraa gadii keessatti warra argamanidha.

"Dhumni AIDS gaggeessitoota har'aatiif legaasii guddaa isaan kaa'anii darbaniif carraa gaariidha," jedhan daarektarri olaanaa UNAIDS Wiinii Biyaanimaa.

Lubbuu miliyoonaan lakkaa'amu oolchuufi fayyaa nama kamiyyuu eeguu ni danda'u. Kana gochuunis gaggeessaan maal gochuu akka danda'u agarsiisuullee ni danda'u."

Haata'u malee, UNAIDS hanga 2015tti baajata biyyoota galii gadi aanaafi giddu-galeessa qabaniif taasisuuf hanqinni dolaara biliyoona 8.5 isa mudateera.

Jijjiiramni bara 2022 keessa daqiiqaa tokko keessatti namni tokko HIVn du'urraa kaasee foyya'aa dhufe gufachuu danda'a sodaan jedhu jira.

"Ragaawwaniifi lakkoofsi gabaasa kana keessatti qoodaman akka addunyaatti qaata karaa sirrii qabanneerra kan jedhu hin agarsiisan; karaa sirrii qabachuu akka dandeenyudha kan agarsiisan," jedhu Aadde Biyaaniimaan.

"Karaan isaa sirriitti ifaadha."

Yaaddoo ijoollee durbaa

Ammas taanaan garuu gufuuwwan mo'atamuu qabanitu jiru. Torban torbaniin ijoollee durbaa ol-adeemoofi dubartoonni 4,000 haaraa HIVn qabamaa jiru.

Kanaaf, Afrikaa Sahaaraan gadii keessatti jijjiiramni abdachiisaa jiraatus bara 2022 keessa namoota haaraa HIVn qabaman keessaa % 63 kan ta'an dubartootaafi ijoollee durbaadha akka UN jedhutti.

Biyya Afrikaa gama kibbaatti argamtu Botiswaanaa keessatti ijoolleen durbaa baayyee saaxilamoodha. Biyyattii keessatti dhiirota jaarsoman barmaatii 'saal-qunnamtii dhaloota gidduutti' jedhuun ijoollee durbaa adamsu.

Gaahoneen dubartii umuriin ishee waggaa 32 ta'e yoo taatu, ijoollee durbaa taatee osoo mana-barumsaa jirtuu HIVn qabamte.

"Firoota koo natti dhiyoo ta'an keessaa tokko baayyee na gargaara ture. Umuriin isaa waggaa soddomman gara jalqabaa keessa ture, dachaa umurii koo yeroo sanaa jchuudha. Isa amanan ture. Haala kanatti fayyadamee ana waliin saal-qunnamtii raawwate," jetti.

Gaahoneen bara 2012 irraa kaastee qoricha farra HIV fudhachuu kan eegalte yoo ta'u, haadha ijoollee lamaati. Ijoolleen ishee lamaanuu HIV irraa bilisadha. Isheen ammoo duula hubannoo cimsuurratti hojjetti.

Waa'ee 'dirqamaan gudeeduu' fi 'saal-qunnamtiif namatti gargaaramuu ilaalchisee hawaasichi ammallee ifatti haasa'uudhaaf qopha'aa miti jetti dubartiin kun.

"Guyyoota tokko tokko dubartoota shan ta'anirraa akka namoota jaarsolii ta'an, harki caalaan isaanii firoottan isaanii ta'anirraa HIVn akka isaan qabate ergaan na qaqqaba. Dhiironni kan hin dhaggeeffanne yoo ta'e, maal gochuu dandeenya?" jechuun gaafatti.

Humna kadhannaa

Ragaan hunduu akka agarsiisutti, dhiironni HIVn qabaman gargaarsa fayyaa barbaaddachuuf dubartoota caalaa duubatti jedhu.

Botiswaanaan yeroo ammaa ilaalchawwan dhiiraa jijjiiruufi tatamsa'ina HIV ittisuudhaaf gaggeessitoota amantaa hirmaachisaa jiru.

"Botiswaanaa keessatti, namoota HIV waliin jiraatan keessaa %95 kan ta'an haala keessa jiran ni beeku. Namoota haala keessa jiran hin beekne keessaa harki caalaan dhiirotadha," jedha Lubi Mmachakga Mpho Moruakgomo.

Lubni kun gaggeessaa Kiristaanaa garee amantooota danuu dhibee kana ittisuuf hojjetaniiti.

"Namoonni gaggeessitoota amantaa waan kabajaniif, namootatti waa'ee barbaachisummaa qoratamuufi erga qoratamanii haala ofii baranii ammoo qoricha jalqabuu himuudhaaf isaan gargaaramna."

Lubi Moruakgomo akka jedhutti, gaggeessitoonni Musliimaa, Hinduu fi Baahii, akkasumas warreen qoricha aadaa fayyadamanis keessatti hirmaatu. Abbootii amantaafi aadaa kanneen keessaa tokko tokko ammoo manarra deemanii ergaa dabarsu.

Duula hubannoo cimsuu 'Brothers Arise - Nanogang', jedhamus qabu. Maqaa duula kanaa ammoo faaruu alaabaa biyyattii keessaa gaalee fudhatameen moggaasan.

"HIV ilaalchisuun loogiifi qoollifannaa guddaatu jira. Kanaaf nuti abbootiin amantaa itti-gaafatamummaa qabna," jedha paastariin Waldaa African Methodist Episcopal.

"Warra dhibee kana qaban itti murteessina, qubas itti qabna. Saal-qunnamtiifi dhimmoonni saal-qunnamtiin walqabatan jiraachuu keenyaaf bu'uuradha. Ilaalcha namoota dhibee kana waliin jiraataniif qabnuuf dhiifama gaafannee akka dogongorreerru amanuus qabna."

Hogganaan Ejensii Dhimma AIDS fi Fayyaa Cimsuu Biyyaalessaa (NAPHA) akka jedhanitti, Botiswaanaan bara 2030 irratti AIDS dhabamsiisuudhaaf daandii sirriirra jirti. Gaggeessitoonni amantaas kana galmaan geessisuu keessatti tumsa akka taasisan ni abdatamu.

"Dhimmi ijoon carraaqqii loogiifi qoollifannaa HIV waliin walqabsiisee jiru kan akka namoonni of beekanii ifatti gara dhaabbileen fayyaa deemanii wallaansa hin arganne godhu hambisuuf taasifamu baballisuudha."

Addunyaa biroo

Haalli kutaa addunyaa biroo keessa jiru ammoo badaa abdachiisaa miti. Akka gabaasa UN baasetti, bara 2022 keessa namoota HIVn haaraa qabaman harka afur keessaa tokko Esshiyaafi Paasfik keessatti argamu.

Awurooppaa bahaafi Eeshiyaa giddu-galeessaa keessatti namoonni haaraa qabaman dabalaa jira (bara 2010 irraa kaasee %49n dabaleera). Akkuma kana, Baha Giddu-galeessaafi Afrikaa Kibbaattis dabaleera (bara 2010 irraa kaasee %61n) dabaleera.