Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bulchiinsi Niiw Yoork reeffa namarraa dikee tolchuu eeyyamte
Bulchiinsi Ameerikaa Niiw Yoork reeffa namaa dikee (kompostiitti) akka jijjiiramu eeyyamte. Kana dura bulchiinsonni kaan eeyyamanii turan.
Kana jechuun reeffi namaa owwaalamuu yookiin gubachuurra yeroo gabaabaa keessatti biyyootti jijjiiramee abbaatti kennama jechaadha.
Adeemsi kuni owwaalchaafi reeffa gubuurra naannoof mijataadha jedhamee fudhatameera.
Adeemsa kana "natural organic reduction", jedhaniis waamu. Reeffi nama tokkoo sanduuqa keessa erga itti cufamee torban muraasa booda akka biyyeetti jijjiiramu gochuudha.
Bara 2019, Bulchiinsi Waashingitan yeroo jalqabaaf adeemsa kana seera qabeessa erga goote booda Koloraadoo, Oregoon, Vermoontiifi Kaaliforniyaan faana bu’ani.
Akkamiin reeffi kompostii ta’a?
Adeemsi kuni mana addatti qophaa’e keessatti raawwatama.
Reeffi namaa marga, hafaa qola midhaanii (galabaa), akkasumas caccabaa mukaa waliin konteenara keessa akka kaa’amu ta’a. Yeroo keessa baakteeriyaan nyaatamee biyyoo ta’a.
Ji’a tokko booda, akkasumas sirna ho’aa infekshinii akka hin babal’anne dhorku keessa erga darbe booda baakteeriyaan nyaatamee biyyoo ta’a. Biyyoonis maatiif ni kennama.
Biyyoo kanas abaaboo, biqiltuu yookiin ashaakiltii ittiin dhaabu.
Dhaabbati US tajaajila kana kennu, Recompose, reeffa gubuufi owwaalcha waliin yeroo wal bira qabamu kaarbonii toonii tokko hanqisa jedha.
Jijjiirama qilleensaaf wantoota sababa ta’an keessaa tokko hamma kaarbon daayoksaayidii qilleensatti gadhiifamu dabaluudha.
Owwaalchi aadaan nami sanduuqa keessa akka owwaalamu taasifamu muka, lafa, akkasumas qabeenyota uumamaa kaan barbaada.
Kanneen reeffa kompostii akka ta‘u leellisan faayidaan isaa naannoof qofa osoo hin taane, magaalota lafa owwaalchi dhibeetti yaada filmaata ta’edha jedhu.
Adeemsa kana kan jajan akkuma jiran kanneen mormaniis jiru.
Hoogganaan amantii Kaatolikii Niiw Yoork tokko adeemsa kana mormuun isaanii gabaafameera.
Yaadi dhiheessaniis qaamni namaa akka ‚‘‘meeshaa manaa gatametti‘‘ ilaalamuu hin qabu jedhaniiru.
Gatii reeffa kompostii gochuuf gaafatame irrattis gaaffiin ka’eera.
Dhaabbati buufata isaa Siyaatil godhateefi yeroo jalqabaaf tajaajila kana eegale, Recompose, dolaarri 7,000 gatii ol ka’aa miti jedhe.
Ameerikaa keessatti bara 2021 owwaalcha reeffaaf giddugaleessaan $7,848 yookiin reeffa gubuuf $6,971 akka gaafatamu dhaabbati US National Funeral Directors Association (NFDA) ibseera.
Reeffa namaa kompostiitti jijjiiruun Siwiidin keessas seera qabeessa ta’eera.
UK keessattimmoo reeffi sanduuqa malee yookiin sanduuqa biyyootti jijjiiramuun owwaaluun ni eeyyamama.