Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wixinee bajata Itoophiyaa bara 2016 ija ogeessota diinagdeen
Manni Maree Ministirootaa wixinee baajata Mootummaa Federaalaa isa guddaadha jedhame ALI bara 2016'f qopheessuun torban darbe Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataan irratti mari'atameera.
Baajanni waliigalaa bara 2016’f dhiyaatees birrii biiliyoona 801.65 dha.
Kana keessaayis birrii biliyoona 370.1 baasii idileetiif, birrii biliyoona 203.4 ammoo baasii kaappitaalaaf, birrii biliyoona 214 deeggarsa baajataa naannoleef kennamu, birrii biiliyoona 14 ammoo deeggarsa raawwii galma misooma walitti fufiinsa qabuuf dhiyaatedha.
Baajanni bara dhuftuu gahaadhaa?
Baajanni amma qabame kun yoo gara doolaraatti jijjiiramee ilaalamu gara doolaara biiliyoona 14.5 ta'a. Kun ammoo qaawwa waraanniifi diinagdeen uume guutuuf illeen kan danda'u hin ta'u kan jedhan ogeessa diinagdee fi Yunvarsitii Maqaleetti qorataa kan ta'an Dr Mu'uuz Haddushidha.
Yaada kanaan kan walii galan ogeessi diinagdee kan biraa Dr Guutuu Teessoo, ''Baajatichi kun kan bara darbeerra xiqqoo caalmaa kan qabu ta'ulleen, sababii mancaatii bu’uuraaleen misoomaa fi sochiileen invastimantii qabbanaa'utiif bajatichi gadaanaadha,'' jedhu.
Bajanni mootummaan bara dhufaaf qopheesse kunis qaala'iinsa jireenyaa guyyaa guyyaan biyyattii keessatti dabalaa jiruun wal biratti yoo ilaalamu xiqqaa ta'u kaasu.
Dr Guutuun gabaan kan hogganamu gatii dolaarri gabaa gurraachatti baasuun ta'uu hubannoo keessa galchuun bajatichi doolaara biiliyoona saddeet hin caalu jedhu.
"Kana jechuun ammoo baajata biyyattii waggaa torba fi kudhan dura qabataa tureen walgita jechuudha,'' jedhan.
Baajanni kunis Itiyoophiyaa fuulduratti kan hin tarkaanfachisne ta'u kan ibsan Dr Mu'uuz, "keessattuu waggoota lamaan darban keessa qabeenyaa biyyattiin qabdu nyaataa turre," jechuun ibsan.
Miseensonni paarlaamaas mootummaan akkuma bara darbeetti baajata ijaarsa pirojektootaaf oolu akka hin qabatiin jiru kaasuun gaafataniiru.
Gaaffiin kunis kan gaafatame wayita Ministirri Maallaqaa biyyattii, Obbo Ahimad Shideen baajata bara 2016 ilaalchisuun miseensota mana maree bakka bu’oota uummataaf dhiheessanitti ture.
Mootummaan baajaticha wayita qopheessuutti, "Pirojektoonni kaappitaalaa jalqabamanillee yeroon kaffaltii isaanii dhiibamuun, hir'isa baasii baasisuun akka barbaachisu hubannoo keessa galchuu,'' Obbo Ahimad dubbataniiru.
Bu’uuraalee misoomaa waraanaan barbadaa’an deebiisuu irratti xiyyeeffachuuf yaadamu ibsan.
Dr Mu'uuz ammoo, "maqaadhaaf dinagdee biyya keessaa madde haa jedhamu malee dameewwan akka qonnaa, imaammata baadiyyaa fi magaalaa, indastirii, maayikiroo intarpirayizii xixiqqaa, daldalaa fi faayinaansii irrattis jijjiiramni akka taasifame hin ibsu," jedhu.
Itti dabalunis, waggoota muraasa darban keessatti pirojektoonni gurguddoon biyyattii keessatti jalqabamanii turan kan akka baabuuraa fi jallisii akka hin kaafamneefi wayita hojjatanis akka hin mul'anne himan.
Sababa gatiin shaqaxootaa garmalee dabaleen wal qabatee, gatiin nyaataan hanga %46 dabaleera. Kunis 'hyper inflation' isaa jedhamu %50 tti dhihaata jedhu.
Qaala'iinsi jireenyaa sababoota adda addaatiin mudachu akka danda'u kan ibsan Dr Mu'uuz, sababni ijoon garuu maallaqni callaa baay'een to'annoo baankii biyyaalessaatiin ala baay'inaan gabaarra jiraachuu akka ta'e kaasu.
''Waraanichi dinagdee karaa lamaan hube. Waggoota lamaan darban keessa mi'a caala meeshaalee waraanaatu biyya alaatii galfame. Kunis sharafa alaa biyyattii hubeera.
''Sabii lammaffaan ammoo, invastimantiin biyya alaas ta’e kan biyya keessaa hin jiraatu. Invastimantiin yoo hin jiraanne ammoo guddina yaaduun hin danda'amu," jedhu.
Kallattii kanaatiin, baajanni bara 2016'f raggaasifamuuf yaadame xiqqaa ta'uu kaasuun, "Birrii doolaara wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu baay'ee laafaa adeemuun cittoorratti fanxoo" akka ta'eetti ibsu.
Baajata gibira, liqeessitootaafi arjoomtotaan guutamu
Baajata waliigalaa bara ittaanuuf dhiyaate keessaa birrii biliyoona 281 kan ta'u hanqina baajataa hin qulqulloofne akka ta’e ibsameera.
Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad akka jedhanitti, hanqinni baajataa kunis liqaa biyya keessaa fi biyya alaatii argamuun kan haguugamudha.
Bajata kana keessaayis birriin biiliyoona 39 liqii biyya alaatiin kan uwwifamu ta’uu ibsan. Birriin hafe biliyoonni 242 ammoo liqii biyya keessaatiin haguugama.
Bara darbe sababa waraana Kaabaa biyyattii tureetiin kan ka'e mootummaan gibira barbaachisaa walitti qabuusaa ''nan shakka'' kan jedhan Dr Mu'uuz, maddeen sharafa biyya alaarraas haala gahaa ta'en hin jiru jedhu.
"Hanqinni bajataa hafeeyyuu, mootummaan maallaqa guddaa kazeenaakoo keessaan dhiyeessa jedhe guutummaatti waan qabu natti hin fakkaatu.
''Biyyattiin jeequmsaa fi okkoora keessa jirti. Isaaf osoo furmaanni hin argamiin, 'maallaqa hangasii walitti qabeen baajatakoo guuta, hanqinicha nan guuta' jechuun qabatamaan salphaa hin ta'u,'' jedhu.
Kana dura invarsitimantii biyya alaa irraa kallattiin doolaarri biiliyoona shan ta'u argamaa akka ture kaasuun, ''sun hundi hafaniiru. Kanaafu kanarraa ka'un hanqinichi kan gutamu hin ta'u,'' jedhu.
Kanaan booda deeggarsi alaa dhufus ta'e liiqaan hayyamamu yoo jiraate kan hanqinicha guutuu danda'u akka hin taanee fi yoo dhufees, ''irraa hafaa osoo hin taane baayyee xiqqaatee kan cobu ta'a'' jedhan.
Bara baajataa 2016'tti galiin waliigalaa mootummaan Itoophiyaa nan argadha jedhee karoorse birrii biliyoona 520.6. Kana keessaa dhibbeentaa 84.7 jechuunis birrii biliyoona 440.8 galii taaksii irraa sassaabuuf karoorfame.
Galii taaksirraa sassaabuuf karoorfame kun ammoo kan baajataa bara 2015 irraa dhibbeentaa 26.7'n caala.
Mootummaan Itoophiyaa bara bajataa dhufutti galii taaksirraa argamuuf xiyyeeffannoo guddaa akka kennu beeksisus, madda taaksiin ala ta'an irraas galii walitti qabuuf karoosuu beeksiiseera.
Dr Guutuunis, "maallaqa hamma kanaa walitti qabuun salphaa miti," jechuun, gibira qabeenyaa dabalatee malawwan haaraan maallaqni itti argamu hojiirra oolfamu hubataniiru.
Diinagdeen biyyattii qorruu eeruun, "kana dura yoo hanqinni baajataa mudatuutti mootummaan liqii fi gargaarsaan uwwisa ture. Haala amma jiruun hanqina baajataa guutuu isaarratti shakkiin qaba," jedhan.
Gabaa tasgabbeessuun rakkisaa ta’uusaatiin alatti, liqii Chaayinaa fi biyyoota biroo deebisuun rakkisaa ta’uu kaasan.
Bu'aan kana hundaaas, ''diinagdeen Itoophiyaa yeroo tokko saffisa olaanaan guddachaa ture iddoo turetti tursiisuun illeen rakkisaa ta'eera,'' jedhan.
Baasii mootummaa hir’isuudhaan, gibira sassaabuu fi karaa liqii fi deeggarsa ittiin argachuu danda’uu irratti hojjechuun, dhiibbaa dingadee hir’isuun akka danda’amu amanu.
Bara baajataa kanatti dinagdeen Itoophiyaa dhibbeentaa 7.5'n akka guddatu raagamu kan dubbatan Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, bara bajataa 2016tti guddinni %7.9 akka galmaa'u raagamu himaniiru.
Baajata carraa 'hojii hin uumne'
Gargaarsii fi liqiin adda cituunsaa baranas ta'ee bara darbe dinagdee waliigala biyyattiirratti dhiibbaa guddaa fidusaa kan dubbatan Dr Guutuun, ''dinagdeen biyyattii carraa hojii uumuunsaa hafee, kanneen hojiirra jiran ittifufsiisuuf sadarkaa rakkachuurra gahameera'' jedhan.
Obbo Ahimad wayita mana maree irratti dubbataniitti, bara 2016 keessa mootummaa qaccarrii hojjataa mootummaa kamu akka hin raawwanne beeksiisuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Bara bajataa 2016tti waajjiraalee hundatti caasaa haaraa hubannoo keessa galchuun, haalli fayyadama bajataa qusannaafi bu'aa qabeessuummaa irratti akka xiyyeeffate Ministirichi eeruun, qacarriin hojjettoota mootummaa haaraan akka hin jirre hubannoo keessa galchuun baajata qophaa’e ta’uu ibsan.
Kun Dr Guutuudhaaf, "mootummaan kan hin qacarreef humni namaa na hin barbaachisu jechuu osoo hin taane, kaffaluu hin danda'u jedhee waan yaadeefiidha."
Waggaatti carraan hojii miliyoona 2.5 ta'u umamuun akka qabaatu ibsuun, murteen kun dhiibbaa akka qabaatu hubachuuf ogeessa diinagdee ta’uun hin barbaachisu jedhan.
Rakkoon kun biyyaarraa hanga maatiitti kan fulla'u jechuun, carraan hojii umamuu qabaata, madaalliin al-ergii fi galii wal simuu akkasumas gabaan tasgabbaa'uun diinagdee biyya tokkoo hammayyeessuuf furtuudha jedhan.
''Biyyi tokkoo carraa hojii hin uumuu jechuunshee rakkoo keessa seenaa jiraachu tilmaamuu ni dandeessisa,'' kan jedhan Dr Guutuun, kunis guddinni diinagdee jira jechuuf, bakka oomishitummaan dabaluufi carraan hojii hin jirreetti rakkiisaa ta'u kaasu.
Barana hojjettoonni mindaasaanii hin arganne jiraachuu kan kaasan Dr Mu'uuz, "haalli dinagdee sababa ta'een diigame waan baay'ee fudhatee diigama" jechuun invastimantiin miidhamunsaa daafaawwan hedduu hordofsiisuu himu.
Baajata naannolee
Ministeera Ittisa Biyyaaf bara bajataa 2016tti Birrii biliyoona 50'n ramadamuu wixinee baajata dhiyaate kan agarsiisu. "... Baajanni Raayyaa Ittisa biyyaaf ramadamu hir'achaa adeemuu qaba jedheen yaada.
Garuu biyyattiin rakkoo keessa waan jirtuuf baajatni Raayyaa Ittisa biyyaaf ramadame gahaa natti hin fakkaatu. Baajanni waliigalaa dameelee adda addaatiif ramadame gahaa natti hin fakkaatu." jedhan Dr Guutuun.
Bara baajataa 2015tti baajatni Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatiif ramadame Birrii biiliyoona 84 ture.
Bara baajataa 2014tti ministeerichi birrii biliyoona 22 erga ramadameefi ji'oota muraasa booda Birrii biiliyoona 90 dabalataan kan argate yoo ta'u, yeroo jalqabaatiif baajatni dhaabbatichaa birrii biiliyoona 100 ol ta'e.
Bara baajataa 2016tti deeggarsa naannootiif birrii biliyoona 214 ramadame.
Birriin biliyoonni12.5 naannoo Tigraayif, biliyoonni 71.9 naannoo Oromiyaaf, biliyoonni 45.1 naannoo Amaaraaf, biliyoonni 26.9 naannolee Saboota, saboota fi ummatoota Kibbaaf qabame.
Akkasumas biliyoonni 20.8 biliyoona naannoo Somaaleef, biliyoonni 6.4 naannoo Kibba-Dhiha Itoophiyaaf, biliyoonni 8.5 naannoo Sidaamaaf qabame.
Dabalataan, biliyoonni 6.3 Naannoo Affaar, naannoo Benishaangul Gumuziif birrii biliyoona 3.8, akkasumas Naannoo Gaambeellaaf Birrii biliyoona 2.7 qabame.
Naannoo Harariif birrii biliyoona 1.5, Magaalaa Finfinneef birrii biliyoona 5.2, Magaalaa Diredhawaaf birrii biliyoona 1.8 qabamuu wixineen baajataa dhiyaateera.
Hanga baajata naannoleef kenname kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa lamaa ol akka dabale himama.
Wixinee baajata yaadame kanarraa bu’uuraalee misoomaa waraana kaaba Ityoophiyaa keessatti manca’an deebisuuf birriin biliyoona 20'n ramadameera.
Dr Guutuun akka jedhanitti, wixineen baajata haaraa kanaan bu’uuraalee misoomaa sababa waraana kaabaatiin barbadaa’an deebisanii ijaaruuf baajanni guddaan akka barbaachisu eeruun, wixineen baajataa dhiyaate gahaa akka hin taane dubbatan.
Yaaddoon biraa ammoo nageenyi naannoo adda addaatti dhabamuun rakkoo kana hammeessuu mala jedhan.
Baajata naannoleef ramadame guddaa akka hin taane kan dubbatan Dr Guutuun, ulaagaalee ramaddii baajataaf oolan irra deebiin ilaalamuu akka qabanis eeran.
"Tigraay keessatti kan barbadaa'e bu'uuraalee misoomaa qofa miti. Diinagdeen akkuma jirutti diigame. Tigraayitti manneen daldalaa gara kuma 161 cufamanii turan. . . . Diigama diinagdee, hawaasummaa fi bu’uuraalee misoomaa irra gahe Tigraayiif illee gahaa miti,'' jedhu Mu'uuz.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee baajata bara 2016 irratti erga mari’atee booda bal'inaan akka gamaaggamamuuf Koree Dhaabbii Dhimma Karooraa, Baajata fi Faayinaansiitti erge.