Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaan Kibbaa fi Ameerikaan dhimma boombii niwukilaraa irratti waliigalan
Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa doorsisa Kooriyaan Kaabaa boombii niwukilaraatiin isaaniirratti uumte qolachuuf waliigaltee ijoorra qaqqaban.
Waashingiten doonii waraanaa boombii niwukilaraa hidhatan(submarines) Kooriyaa Kibbaatti bobbaasti, akkasuma Ameerikaan oppereshinii niwukilaaraa karoorsuu keessatti Kooriyaa Kibbaa hirmaachifti.
Gama biraatiin Kooriyaan Kibbaa ammoo boombii niwukilaaraa kan ofii hojjachuu dhiisuuf waliigalteerra geesse.
Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayiden waliigateen kun biyyoonni michuu haleellaa Kooriyaa Kaabaa qolachuu cimsuuf gargaara jedhan.
Kooriyaan Kibbaa fi Ameerikaan yaaddoo Kooriyaan Kaabaa uumte cimaa adeemu himatu.
Kooriyaan Kaabaa boombii niwukilaraa tarsimoowaa Kooriyaa Kibbaarratti qiyyaafachuuf gargaaru hojjataa jirti.
Kana qofaan hin dhiifne, Kooriyaan Kaabaa misaayiloota fageenya dheeraa furguggifamuun Ameerikaa qaqqaban hojjachuutti jirti.
Ameerikaan duraanuu Kooriyaa Kibbaa haleellaarraa ittisuuf waliigaltee mallatteesite qabdi ture.
Sana bu'uureffachuun Ameerikaan yoo barbaachisaa ta’e boombii niwukilaraa fayyadamuuf waadaa seentetti.
Haata’u malee, Kooriyaan Kibbaa hojiirra oolmaa waliigaltichaa shakkaa turuun, sagantaa gabbisa niwukilaraa ishee ittifufuuf waamicha dhiyeessite.
Pirezedantiin Kooriyaa Kibbaa Yoon Suk-Yehol daawwannaaf Waayit Haawus wayita dhaqan akka himanitti, Ameerikaan haleellaa biyyoota michuurraa haleellaa qolachuu, boombii niwukilaraatiin biyyoota michuu tiksuuf ‘’kutannoo kanaan dura ta’ee hin beekne’’ agarsiifte.
Qondaalli olaanaan biyyatti akka himanitti, waligaltee haaraan kun firii marii ji’oota dheeraaf gaggeeffamaa tureti.
Akka waliigaltee haaraa kanaatti Ameerikaan dooniiwwan waraanaa(submarine) boombii niwukilaraa hidhatan waggoota 40 keessatti yeroo jalqabaatiif ergiti.
Biyyoonni lamaan gartuu dhimma niwukilaraa irratti gorsa kennan waloon hundeessuuf jiru.
Qondaaltonni siyaasa Kooriyaa Kibbaa yeroo dheeraaf Ameerikaan boombii niwukilaaraatiin Kooriyaa Kaabaa yoomi fi eessatti haleeluu akka dandeessu karoorsuurratti nu hirmaachisuu qabdi jechuun gaafachaa turan.
Yoon Suk-Yehol, yeroo Pirezedantiin Kooriyaa Kibbaa ta’uun muudaman seera baastota Ameerikaa dhimma kana seera baastota Ameerikaa akeekkachiisanii turan.
Kooriyaa Kibbaa yoo Ameerikaan eegumsa hin gooneef boombii niwukilaraa kan ofii ishee ijaarrachuu akka barbaaddu ibsiti.
Yoon Suk-Yehol wayita gara Kooriyaa Kibbaatti deebi’an ejjannoo ‘’qabatamaa’’ ta’e qabatanii deebi’uu barbaadan.
Giddugaleessa’ Centre for a New American Security’ jedhamu kan hojjattu Duyehon Kiim, Kooriyaan kibbaa haleellaa niwukilaraa karoorsuu keessaatti hirmaachuun’’injifannoo guddaadha’’ jedhan.