Kooriyaa Kaabaa misaa'ela hanga har'aatti argamee hin beekneefi ardiirra qaxxamuru dhukaaste

Kooriyaan Kaabaa misaa'ela hunda caalaa humna guddaa qabuu fi akkaan ammayyaawaa jettu furguggisuun milkaa'uu ibsite.

Misaa'elli biyyattiin dhukaaste kun fageenya dheeraa imaluun daangaa ardiilee kan qaxxaamuru yoo ta'u, misaa'elota jiran keessaa salphatati fayyadamuun kan danda'amuu fi hatattamaan kan dhuka'uu danda'uudha.

Gosti misaa'elaa Kooriyaa Kaabaa humnaa fi saffisa guddaa qabu-Solid-fuel intercontinental ballistic missile jedhamu kun, karoora misooma meeshaa waraanaa waggaa shanii Kim Jong un bara 2021 labse keessaati.

Misaa'elli kun salphaatti qilleensarratti kan hin ugguramne ta'uu Kooriyaan Kaabaa ibsiti, Kooriyaan Kibbaa ammoo biyyi kun misaa'ela gosa akkanaa oomishuuf yeroo dheeraa ishee fudhata jechuun qeeqxe.

Kooriyaan Kaabaa gosa misaa'ela kanaa fageenya gabaabaa irratti waggootaaf yaalaa turtee amma fageenya dheeraa irratti shaakaluun yeroo jalqabaaf milkoofte.

Misaa'ela boba'aa gogaa (solid-fuel) dhaan hojjetu yeroo jalqabaaf dhukaastus, Kooriyaan Kaabaa kanaan dura misaa'ela fageemya dheeraa imaluu daangaa ardiilee qaxxaamuran kan boba'aa dhangala'aa (liquid-fuel) dhaan hojjetu hedduu dhukaasteetti.

Ogeeyyiin akka jedhanitti tarkaanfiin kun damee gabbisa meeshaa waraanaa Kooriyaa Kaabaa keessatti boqonnaa haaraa fi murteessaadha.

Kooriyaan Kaabaa misaa'ela kanaan akeekkachiisa muraasaan yookiin akeekachiisa tokko malee US haleeluu dandeessi jedhan.

Ministeerri Ittisaa Kooriyaa Kibbaa teeknooloojiin kun haaraa miti jedhe.

Shaakallii Kooriyaan Kaabaa taasifte kun teeknooloojii misaa'ela boba'aa gogaa fayyadamuuf jalqabbiidha jedhe.

Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un wayita misaa'elli kun furguggifamu intala, haadha warraa fi obboleettii isaa waliin daawwachaa ture.

Shaakalliin misaa'elaa haaraan kun nyaapha isaa boqonnaa dhowwuu fi akkaan rifaasisuu dubbate qondaalli Kooriyaa Kaabaa kun.

Meeshaan waraanaa misaa'elaan dhuka'e, Hwasong-18 jedhamu kun tarsimoo fi imaammata guddina damee waraanaa Kooriyaan Kaabaa qabattee jirtu kan dhugoomsuudha jedhe Kim Jong Un.

Dhaabbati Oduu Kooriyaa Kaabaa- Korean Central News Agency jedhamu akka gabaasetti, misaa'elli Kamisa kaleessaa (Ebla 13, 2023) biyyattiin dhukaaste, kan duraan gara jappaan dhukaafame jedhamee osoo hin mul'atin hafe kan mirkaneesseedha.

Oduun misaa'elli kun gara Jappaan dhukaafamuu wayita dhagahamu biyyattii keessatti goolamaa fi burjaajii hamaa uume.

Bakka misaa'elli kun ni qubata jedhamee shakkamu keessaa namoonni akka kaafaman ajaji darbeera, daqiiqaa 30 booda garuu ajaji kun haqame.

Sababa kanaan yeroon barnooti itti eegalu barfateera, geejjibis gufateera.

Aanga'oonni mootummaa Jappaan, Kooriyaa Kibbaa fi US tarkaanfii Kooriyaa Kaabaa balaaleffataniiru.

Teeknooloojii haaraan kun Kim Jong Un waggaa 11ffaa guyyaa itti aangoo qabate wayita kabaja jirutti hojiirra oole.

Guyyaan kun agarsiisa waraanaa akkaan olaanaa ta'een kabajamee oola.

Kooriyaan Kaabaa meeshaalee waraanaa niwukilaraa fi kaan yeroo gara yerootti fooyyessuun biyyattii teeknooloojii waraanaa ammayyaa hidhachiisaa jiraachuu ibsiti.

Waraana hammeessa maqaa jedhuun shaakallii waraanaa US fi Kooriyaan Kibbaa waliin taasisan irra deddeebiin qeeqxi.

Kooriyaan Kaabaa misaa'ela takkaa mul'atee hin beekne jettu kana kan furguggifte, guyyaan dhalootaa qondaala siyaasaa abbaa biyyattii jedhamuun beekamuu- Kim II Sung kabajamuuf guyyaan lama wayita hafutti.

Ayyaanota biyyattiin kabaju keessa kan hamma kanaa ga'u hin jiru.