Miisaa'elli Kooriyaan Kaabaa dhukaafte Jappaanitti burjaajii uume

Miisaa'lli Kooriyaa Kaabaatti dhukaafame Kaaba Jappaan keessatti bujaajii uumee akka ture himame. Kanaan wal qabatee namoonni gadhiisanii akka bahaniif erga ajajni darbee booda daqiiqaa 30n booda ammoo deebiisanii dhiisan.

Kamisa ganama Hoka'idoo guutuutti erga akeekkachiiftuun iyyisiifamee jiraattoonni gadhiisanii battalatti akka bahaniif itti himame.

Booda ammoo aanga'oonni misaa'elichi dhihenya odolichaa waan hin buuneef ajajichi kaafame.

Kooriyaan Kaabaa bara kana keessa misaa'eloota 27 kan dhukaafte yoo ta'u, naannnichatti muddamni cimeera.

Dhukaasichi fageenya km 1,000 kan deemu yoo ta'u, gocha kana Waraanni Kooriyaa Kibbaa ''dubbii barbaacha cimaa'' jedheeniira.

Misaa'eliichi kan fageenya dheeraa ykn jidduu galeeessaa ta'unsaa kan amanamu yoo ta'u, haata'u malee meeshaa waraanaa akkamii akka yaalame ilaalchisee amma yoonaatti kan himamee hin jiru.

Eegdoonni qarqara galaanaa Jappaan misaa'elichi baha Kooriyaa Kaabaatti bishaan keessatti dhidhimuu himan. Haata'u malee, misaa'elichi zoonii dinagdee Jappaan addaa irra balali'uu mirkanneessuu akka hin dandeenye dubbatan Haamaadaan.

Manneen barnootaa Odola Hoka'idoo keessaa sa'atii itti eegalan akka guyyaafatan yoo taasifamu, tajaajilli baabuura muraasaa dhaabsiifamuu miidiyaan Jappaan NHKn gabaaseera.

Ministirri Dhimma Alaa Jappaan, Yoshimaasaa Haayaashii, dhukaasni misaa'elii Piyoongiyaang irra deeddeebiin taasiftu nageenya Jappaaniif ''yaaddoo cimaafi kan hin oolleedha'' jedhan.

Dubbi-himaan Mana-maree Nageenyaa Biyyaaleessaa US, Adreenee Waatsoon, dhukaasni haaraan ''muddama umuusaatiin alatti haala nageenyaa naannichaa balaarra kan buusuudha,'' jedhan.

Furguggeessuun misaa'elii dhiheenyaa kun erga hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong un waraannii isaa akka haala waraana dhorkuutti ''caalaa qabatamaafi tarkaanfii dabalataaf'' akka qabaatan ajajaniin boodadha.

Torban darbeef, Kooriyaan Kaabaa bilbila Kooriyaa Kibbaa irraa bilbilamuuf guyyaatti yeroo lamaaf hin deebiistu turte. Kunis Mootummaa See'ul keessaa yaaddeeseera.

Kooriyaanoonni lamaan garuu karaa bilbila waraanaatiin akka sa'aatii biyyaattii 09:00 fi 15:00 (00:00 fi 06:00 GMT) irratti waliif bilbilaa turan. Bilbilli tibbanaa garuu daangaa biyyootaa irratti walitti bu'insi akka hin uumamneef ittisuuf kan karoorfame ture.

Jalqaba bara kanaatti, Ministeerri Tokkummaa Kooriyaa Kibbaa, Kwon Young -se guyyaa Kibxataa Kooriyaan Kaabaa waliin dubbachuu dhaabuun ishee ''itti gaafatamummaa dhabuudha'' jedhan.

Torbeen kun ammoo yeroo dureen Kooriyaan Kaabaa, Kim waggaa 11ffaa aangoo isaa itti kabaju waan ta'eef baayyee barbaachisaadha.

Biyyattiin guyyaa kana fooyya'insawwan waraana keessatti mul'atan agarsiisuun kabajaa turte.

Kooriyaan Kaabaa hidhannoo nukilaaraashee dabaluudhaa fi meeshaalee waraanaa baayyee hammayyaa'oo ijaarachuuf hojjataa turte. Akkasumas, shaakala waraanaa Ameerikaafi Kooriyaa Kibbaa muddama cimsaniiru jechuun qeeqaa turte.

Misaa'eliin amma dhukaafame kun guyyaa dhaloota hundeessaa hogganaa Kooriyaa Kaabaa, Kim II Sung'n guyyaa lama boodadha. Guyyaan kun kaalaandara biyyattii keessatti guyyaa ayyaana isa guddichaati.

Onkolooleessaa 2022 keessas erga Kooriyaa Kaabaa Jappaan irraan misaa'ela balaastikii dhukaafteen booda, akkasuma jiraattoonni kaaba Jappaan akeekkachiiftuufi ergaa walfakaatuun irribaa ka'anii ture.

Misaa'elichis fageenya Jappaan irraa Galaanaa Paasfik keessatti osoo hin dhidhimiin dura fageenya km 4,500 imalee ture.

Haata'u malee, hanga ammaatti miidhaan qaqqabee jiraachuu kan gabaafame hin jiru.