Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yaaddoo biraa agarsiisaa meeshaa waraanaa duuba Kooriyaa Kaabaa qunname
Kooriyaan Kaabaa rakkoo nyaataa hamaa keessa jirti jedhu ogeeyyiin.
Biyyattiin hanqina nyaataa yeroo dheeraaf itti haaraa miti, garuu to’annoon daangaa, haala qilleensaa gaarii hin taanee fi qoqqobbiin haala kana hammeessee jira.
Qondaaltonni olaanoon dhuma baatii Fulbaanaatti walgahuun imaammata qonnaa irratti ''jijjiirama bu'uuraa'' irratti mari'atu jedhamee eegama jechuun miidiyaaleen mootummaa beeksisaniiru.
Kun dhimma qonnaa baayyee ‘barbaachisaa fi ariifachiisaadha’ jechuun walitti qabaan oduu KCNA Watch gabaaseera.
Oduun kun kan dhufe yeroo Piyoongiyaang humna waraanaa agarsiisuu itti fufteetti.
Gaazexaan mootummaa tokko gargaarsa biyya alaa fayyadamuu "karameellaa summii qabuun" wal fakkeesse.
Ministeerri tokkummaa Kooriyaa Kibbaas hanqina nyaataa kana irratti akeekkachiisa dhageessisuun Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) gargaarsa gaafachuu isaatu himama.
Suuraan saatalaayitii aangawoota Kooriyaa Kibbaa irraa argame akka agarsiisutti, Kooriyaan Kaabaa bara 2022tti kan bara 2021tin yoo wal bira qabamu nyaata toonii kuma 180 gadi oomishte.
Ji’a Waxabajjii keessa Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) haalli qilleensaa hamaan kan akka gogiinsaafi lolaa oomisha midhaan qorraa fi birraa hir’isuu danda’a jechuun yaaddoo qaba ture.
Miidiyaaleen mootummaas dhuma bara darbee gogiinsi "hamaa lammaffaa" galmee irratti galmaa'e biyyattii mudachaa akka jirtu gabaaseera.
Akkuma tilmaamame, oomisha nyaataa gaarii hin taane gidduutti bara kana gatiin nyaataa dabaleera.
Amma namoonni gara filannoo gatii xiqqaatti garagalaa jiraachu hima Beenjamiin Kaatzeef, kan maxxansa Kooriyaa Kaabaa 38North.org jedhamu waliin hojjetu.
Gatiin boqqolloo jalqaba bara 2023tti dhibbeentaa 20n dabaleera, fedhiin nyaata hin filatamne guddachaa dhufeera- ruuzii wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu.
Garuu boqqolloon nyaata ijoo gatii madaalawaa ta'e guddachaa dhufeera, jechuun barruun Kooriyaa Kaabaa kan Jaappaan keessatti argamu Rimjin-gang jedhamu gabaaseera.
"Namoonni boqqolloo baay'ee yoo bitachaa jiran nyaanni walumaa galatti qaala'aa jira jechuudha, keessumaa immoo nyaanni ijoon akka ruuzii qaala'aa jira jechuudha."
Gatiin midhaan kiiloo tokko amma gara woon Kooriyaa Kaabaa 3,400 (£3.10; $3.80) dha.
Kooriyaan Kaabaa biyyoota hiyyeeyyii addunyaa keessaa tokkoodha.
Tilmaamni dhiheenya kanaa baay’ee xiqqaadha, garuu 'CIA World Factbook' oomishni waliigalaa biyya keessaa nama tokkoof bara 2015 naannoo doolaara 1,700 akka ta’u tilmaama.
Kana jechuun, dinagdee Kooriyaa Kaabaa ifa ta’u dhbauun haalli qabatamaa fi lakkoofsi isaa ifa miti.
"Tarkaanfii COVID-19 cimaa daangaa Kooriyaan Kaabaa meeshaalee fi namoota irratti fudhatte irraa kan ka'e, namni alaa kamiyyuu biyya keessa seenee haalli maal akka ta'e ofumaan sakatta'uuf karaan hin jiru." jedhan xiinxalaan NK News James Fretwell
Tarkaanfiiwwan kunneenis dhaabbileen Kooriyaa Kaabaatiin ala jiran yeroo rakkoo gargaarsa erguuf rakkisaa ta’uus dabalaniiru.
Kooriyaan Kaabaas Guraandhala bara 2020 irraa eegalee daldala daangaa qaxxaamuraa fi tiraafikaa cimsitee daangessiteetti.
Daayreektarri dhaabbata Liberty kan ta’e Sokeel Paark, deebiin sirnichi weerara vaayirasii kanaaf kenne ''garmalee fi kan hin barbaachifne'' jechuun ibsaniiru.
Dhaabbanni isaanii baqattoota Kooriyaa Kaabaa Kooriyaa Kibbaa ykn Ameerikaatti deebisanii qubsiisuuf kan gargaaran Paark, erga weerarri vaayrasii koronaa jalqabee kaasee dhiyeessiin meeshaalee bu’uuraa biyya Kaabaa keessatti hir’achaa dhufeera jedhan.
Dhaabbanni isaanii namoota beela’anii du’an gabaasa amanamaa dachaa dhaga’eera jedhan Mr Paark.
Gargaarsi namoomaa hawaasa addunyaa irraa argattus haalaan hir’ateera.
Waajjirri Qindoomina Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka jedhetti Kooriyaan Kaabaa bara darbe dhaabbilee idil-addunyaa fi dhaabbilee biroo irraa doolaara miiliyoona 2.3 (£1.9m) argatte. Bara 2021tti doolaara miiliyoona 14 ture.
Kunis daangaa yeroo dheeraaf cufamuu irraa kan ka’e ta’uu danda’us, qoqqobbiin idil-addunyaa, kaka’umsa waraanaa Kooriyaa Kaabaa kanaaf deebii ta’ee cimsee ture.
Akkasumas dhiyeessiin gargaarsa namoomaas akka hin geessine gufachiiseera jechuun hojjettoonni gargaarsaa tokko tokko BBC’tti himaniiru.
Ammas sochiin dinagdee daangaa qaxxaamuraa deebi’ee jalqabuu isaa mallattoon tokko tokko ni mul’ata.
Nikkei Asia torban darbe akka gabaasetti, daldala Kooriyaa Kaabaa keessaa ol kan qabdu Chaayinaa waliin imalli konkolaattota fe’umsaa tokko tokko deebi’ee jalqabameera.
Garuu sadarkaan jireenyaa lammiilee Kooriyaa Kaabaa idilee ni fooyya'a jechuu miti.
Baasii Kooriyaan Kaabaa baay'een isaa waraanaaf kan ooludha - misaa'eloonni ishee yeroo dhiyootti furguggisan jalqaba baatii Fulbaanaa keessa agarsiifamaniiru
Paarkiin sirnichi qabeenya isaa dandeettii misaa’elaa fi olola isaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, baasii hawaasummaa guddaa kan kaffalu ta’uu ibsaniiru
Piyoongiyaang bara darbe misaa'ela balistikii lakkoofsa galmee ta’e
galmeessiteetti - misaa'ela balistikii ardiilee gidduutti, ykn ICBM dabalatee, kanneen lafa guddittii Ameerikaa gahuu danda'an 70 ol furguggisan.
Jalqaba baatii kanaa agarsiisa waraanaa irratti agarsiisa ICBM isa guddaa agarsiiseera.
Sirnichi ummata Kooriyaa Kaabaa idileef wanti hangam akka ulfaatu beekee jira, garuu maatii Kiim, misaa’ela furguggifamuu fi to’annoo cimaa [ummata irratti] dursa kennuu itti fufeera,” jechuun Mr Paark dabalaniiru.
Ogeeyyiin haalli lafarra jiru daran hammaata, beela hamaa biyyattii walakkeessa hanga dhuma bara 1990moota keessa mudate, yeroo baay'ee sanadoota ofiisaaniitiin "Arduous March" jedhamuun beekamu akka uumamu yaadda'u.
Tilmaamni akka agarsiisutti lakkoofsi namoota du'anii kuma 600 hanga miliyoona tokkoo gidduutti argama.
''Sadarkaa beela bara 1990moota keessa tureetti waan dhihoo jirru hin fakkaatu,'' jedhan Silberstein. "Garuu garaagarummaa haphiidha. Kanaafuu, dhiyeessiin nyaataa xiqqoo hirʼachuun illee buʼaa hamaa geessisuu dandaʼa.”