Kooriyaan Kaabaa boombii nikularaa qabaachuu agarsiifte

Kooriyaan Kaabaa yeroo boombii nikularaa misaa'ela fageenya gabaabatti hidhamee dhukaafamuu danda'u agarsiiftee jirti.

Biyyattiin yeroo dheeraf boombii nikularaa bakkeewwan waraanaa Kooriyaa Kibbaa rukutuu danda'an akka qabdu dubbataa turte. Suuran gaazexaa biyyattii irratti gaafa Kibxataa bahes Kooriyaan Kaabaa boombii nikularaa qabaachuu yeroo jalqabaaf ifatti kan mirkaneessedha.

Haa ta'u garuu, hanga Kooriyaan Kaabaa boombiwwan nikularaa kana keessaa tokkoo isaa dhukaastee yaaltutti dhugaa ykn soba ta'uu isaa adda baasun rakkisaadha.

Ameerikaafi Kooriyaan Kibbaa shaakala waraanaa guddaa waliin taasisuu isaanif akka isaan adabdu Kooriyaan Kaabaa beeksifte. Kooriyaan Kaabaa tarii yoo haleellaa bante akkamitti to'achuu akka danda'an irratti biyyoonni lamaan shaakala waraanaa taasisaa turan.

Kuni ammoo gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un waan gammachiisu miti.

Shaakala Ameerikaafi Kooriyaan Kibbaa taasisan mormuu ishee agarsiisuf jecha Kooriyaan Kaabaa misaa'ela fageenya gabaabaa, giddu galeessafi dheeratti dhuka'uu danda'an furguggisaa turte.

Torbee lamaan darbe keessa Kooriyaan Kaabaa misaa'ela baalistikii ardii qaxxaamuruun Ameerikaa bakka barbaade rukutuu danda'u dhukaaftee jirti.

Misaa'elota kana ammoo doonii waraanaa galaana jala deemufi kuusaa lafa jalaa irraa dhukaaste. Akkasumas waraanni biyyattii boombii nikularaan buufata xayyaara waraanaa Kooriyaa Kibbaa akkamitti rukutuu akka danda'u irratti shaakala gaggeessera.

Dabalataan ammoo Kiim Joong Un diroonii galaana jalaa boombii nikularaa furguggisuu danda'u ifa godheera. Kuni ammoo dambalii galaanaa dooniwwan waraana diinaa mancaasuu akka danda'u ibsite biyyattiin.

Amma immoo boombiwwan nikularaa misaa'elatti hidhuun furguggifaman addunyaatti agarsiiftee jirti.

Qorattuu Centre for Strategic and International Studies kan taate Elan Kiim agarsiisa meeshaa nikularaa Kooriyaa Kaabaa kana "agarsiisa faashiniitin" tokko akka ta'e ibsiti.

Elan Kiim dabalatee xinxaaltonni biraa gosoota meeshaalee waraanaa Kiim Joong Un agarsiisaa jiru irratti yaaddoo akka qaban ibsu.

Kooriyaan boombii nikularaa dabalatee meeshaalee waraanaa ammayyaa galaanafi lafoo irraa dhukaafamuun biyyoota akka Kooriyaa Kibbaa, USfi Jaappan haleeluu danda'an addunyaatti agarsiisaa jirti.

"Duraan, doonii waraanaa galaana jala deemurraaykn lafa jalaa misaa'ela dhukaasuu akka danda'an hin barre. Meeshaalen waraanaa ishee [Kooriyaa Kaabaa] qolachuuf hamma rakkisaa ta'anitti gahaa jiru," jetti Elan Kiim.

Kuni yaaddoo nikularaa Kooriyaan Kaabaa geessistu agarsiisa. Misaa'elli Kiruuzii doonii waraanaa galaana jalaa irraa dhuka'e qolachuun baay'ee rakkisaa akka ta'e hima Asan Institute tti xinxaalaa meeshaalee waraanaa kan ta'e Yaang Uuk.

Sababni isaa ammoo misa'elonni galaana jalaa dhukaafaman kun gadi siqanii kan deemaniifi farra ittisa misaa'elatin qolachuuf rakkisaa akka ta'e hima.

Kiim Joong Un guyyaa tokko US dursitee haleelun meeshaalee waraanaa kanatti akka hin fayyadamne gochuu akka dandeessu yaadda'a.

Agarsiisa boombii nikularaafi dhukaasa misaa'ela gosa garaa garaa taasisaa jiruun amma haleellaa irratti banamu kamuu qolachuu akka danda'u ergaa dabarsuu barbaada Kiim Joong.

Kooriyaan Kaabaa yaalii nikularaa akka hin taasifneef gara mariitti akka deebituuf USfi hawaasni addunyaa dhiibbaa guddaa gochuu qabu kanneen jedhanis jiru.

Chaayinaafi Raashiyaan Mana Maree Nageenyaa UN keessatti sagalee qabaniin Kooriyaa Kaabaa irratti garaa waan hin jabaannef, biyyattiin dhorkaa malee meeshaalee waraanaa barbaadde gabbifataa jirti.

Yaang Uuk akka jedhutti Kiim Joong Un haala biyya keessa jiruunis abdii kutatee jiraachuu hima.

Kufaatii diinagdee biyyattii mudateefi beela lammiilee biyyattii mudatu irraa kan ka'e, sagantaa meeshaa waraanaa nikularaa gabbisuu "kaardii tokkittii inni ittiin taphachuu danda'uudha" jechuun ibsa Yaang.