Haalli guyyaa jalqabaa itti lagannaan hojii hakiimotaa waamame raawwataa jiru maal fakkaata?

Yeroo hakiimonni Itoophiyaa kutaalee adda addaa keessa jiran daballii miindaa fi faayidaalee adda addaa irratti mormii gaggeessaa jiranitti hakiimoonni Aarbaa Minchi sadii kana dura hidhamanii turan gadhiifamuu maatiin BBCtti hime.

Hakiimonni maqaansaanii Dr. Barnaabaas Saamu'eel, Dr. Malaakuu Aalmaaw fi Dr. Habtaamuu Geetaachoo jedhaman, Jimaata Caamsaa 9, 2025 erga ogeeyyii fayyaa biroo waliin ta'uun gareedhaan suura ka'anii miidiyaalee hawaasaarratti qoodanii poolisii godina Gaamootiin hidhamuu BBC'n maatii waabeffatee gabaasee ture.

Hakiimoonni kunneen sadan turtii guyyaa afuriin booda Wixata Caamsaa 12 tokkoo tokkoon isaanii wabii qarshii 10,000 kafalanii, yeroo barbaadamanitti akka dhiyaatan waadaa seenuun gadhiifamuu maatiin BBC'tti himan.

"Gaafa himannaan isin irratti baname dhuftu" jedhamuun akka gadhiifaman kan kaasan miseensi maatii BBC'n dubbise kun eenyu akka isaan himatuu fi maaliin akka himatamuuf jedhan garuu ifatti akka hin beeknes ibsu.

Hakiimoonni lama barsiisota Yunivarsiitii Aarbaamiinci yoo ta'an, tokko ammoo hakiima Hospitaala Waliigalaa Aarbaamiinci ta'uus miseensi maatii himanii turan. Kanaan dura dhimmicha irratti yaada kan kennan hoji-gaggeessaan Hospitaala Waliigalaa Aarbaamiinc Dr. Ambaachaw Dumaa "namni hidhame tokkollee" akka hin jirre dubbatanii turan.

Sochii ogeessonni fayyaa tibba kana taasisaniif deeggarsa qabu kan ibse pirezidantiin Waldaa Ogeessota Fayyaa Itoophiyaa Obbo Yonaataan Daanyaaw Dilbata gaafa Caamsaa 11, 2025 hidhamuu pirezidantiin itti-aanaa Waldichaa Obbo Mallas Baataa BBC'tti himanii turan.

Amanestii Intarnaashinaal pirezidantiin Waldaa Ogeessota Fayyaa Itoophiyaa Obbo Yonaataan hatattamaan akka gadhiisu mootummaa Itoophiyaa gaafateera.

Sochii ogeeyyiin fayyaa taasisaa jiran hordofee naannolee akka Oromiyaa, Amaaraa, Kibba Itoophiyaa, magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaatti ogeeyyiin fayyaa bakka hojjatanirraa jijjiramuu, akkasumas doorsisnii fi hidhaan mudachuun gabaafamaa jira.

Wixata Caamsaa 12 sochii ogeeyyiin fayyaa taasisaa jiran keessatti hirmaachuu isaaniitiin naannoo Amaaraa Walloottis, ogeeyyiin hospitaala waliigalaa Booruu Meedaa poolisootaadhaan hidhamuu BBC'n odeeffateera.

Ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa sochii tibbana taasisaaniin mootummaan yoo gaaffilee ijoo kaasaniif deebii hin kennine lagannaa hojii akka godhan miidiyaalee hawaasaa irratti bal'inaan qoodamaa ture.

Kibxata Caamsaa 13, 2025 ammoo guyyaa itti kutaalee akka tajaajila waldhaansa hatattamaa, dahumsaa fi kutaa kunuunsa addaa [ICU] irraa kan hafe tajaajilli kaan itti dhaabatu akka ta'e himamaa ture.

Hakiimonni Itoophiyaa daballii miindaa fi faayidaalee adda addaa mootummaan nuuf taasisuu qaba jechuun ji'a tokkoo oliif gaafataa turan har'a lagannaa hojii gaggeessaa akka jiran gabaafameera.

Hakimni hospitaala Meedikaalaa Miliniyeemii Paawuloos nageenya isaaf jecha eenyummaansaa akka hin beekamne gaafate akkanaan taajjabiisaa BBC'f qoodeera.

Ganama bariidhaan hospitalaa Paawuloos seenuun dhukkubsattoonni lakkoofsaan muraasni moora keessa jiraachu.

Hakimoonni ispeeshaalistummaa barataa jiran kan duraan waldhaansa kennan guutummaatti mooraa keessa hin jiran. Hakimoota buleeyyii qofatu dhiibbaa warra maaneejimantiitiin waan muraasa hojjetaa jira jechuun waan arge BBC'tti hima hakimni kun.

"Kutaa general surgery warri rezidantoonni tokko dallaa keessa hin jirani. Kutaa muraasa keessaa kan hojjechaa jiru warra [hakimoota buleeyyiidha]. Isayyuu warra maaneejimantiirra jirantu naanna'ee dirqisiisaa ture.

Namoota seensanii akka hojjetaniif isaantu [dhiibbaa uumaa] ture. Waldhaansa battalaa irraa kan hafe kutaa waldhaansa baqaqsanii yaaluu daa'immanii [paediatric surgery] guutummaa tajaajillii hin jiru" jechuun waan arge dubbata.

'Dhukkubsattoonni garuu tajaajila argachaa hin jiran'

Sochii deemaa ture irraa kan ka'e, kutaa hundumatti dhukkubsattoonni muraasni kan hojjetamuuf akka karoorfaman kan kaasu hakimni kun, "namni hojjetu waan hin jirreef, hundi isaaniituu haqamanii jiru" jechuun sababa ogeeyyiin fayyaa hojii dhaabaniif waldhaansi karoorfamee ture haqamuu dabalee ibsa.

Hamma duriis ta'uu baatu dhukkubsataan mooraa keessa jiraachuu kan kaasu hakimni kun, "dhukkubsattoonni garuu tajaajila argachaa hin jiran. Rezidantoonni kutaa hatattamaa [emergency] irraan kan hafe [kaan] namni seene hin jiru" jechuun waan arge dubbata hakimni kun.

Waldhaansa akka addaan hin cinneef karoorfamaniin ala tajaajilli muraasni darbee darbee kennamaa jiraachuu kan dubbatu hakimni kun, "yeroo biraa senior [hakimoonni buleeyyiin] ni hordofu malee galanii ofii hin hojjetan. Isaan akka seenanii hojjetaniif [dhiibbaa uumaa] kan jiran maaneejimantiidha" jechuun ibsa.

Hospitaala Paawuloosiin alattis "hospitaalonni akka Yunivarsiitii Gondar, Tiqur Ambassaa fi Alart dhibbantaa dhibba jedhamuun akka karoorfameen hojiin dhaabachuu" waan odeeffate BBC'f qoodeera hakimni kun.

Mootummaan gaaffiilee ogeeyyiin fayyaa gaafataa jiraniif deebii otoo hin kenniin hafee lagannaan hojii har'a jalqabame haala kanaan itti fufnaan miidhaa guddaa akka geesisus dubbata hakimni kun.

Lagannaan kun "gaarummaa qabaata jennee hin yaannu. Dhiibbaan inni hawaasarratti qabaatu baay'ee guddaadha. Namni tokko gaafa manasaatii bahu karoorseetu baha. Namoota baadiyyaarraa dhufanidha. Balaa gara garaatiif saaxilama. Waldhaansa hatattamaatiin alayyuu dhukkubsattoonni manaa deddeebi'anis qoricha addaan kutuu kan hin qabne jiru" jechuun balaa waldhaansi fayyaa hawaasa irraan gahu ibsa.

Hospitaalli Yunivarsiitii Gondarii fi Hospitaalli Riifaraalii Baalee Gobbaa ogeeyyii fayyaa har'a hojii isaanii irratti hin argamneef xalayaa barreessaniin har'a waaree boodarraa eegaalee hojii idileesaanii irratti kan hin argamne yoo ta'e tarkaanfii cimaa akka fudhatu akeekkachiisera.

Ogeessonni fayyaa kutaalee Itoophiyaa jiran kaffaltii fi faayidaaleen argachaa jiran hojii keenyaan wal hin madaalu jechuun ji'a tokkoof mormii dhageessisaa turan.

Ji'a tokko keessatti mootummaan gaaffii isaanii yoo hin deebisnemmoo guutumatti hojii dhaabuufis dhaadatanii ture.

Yeroon ji'a tokko jedhame guyyaa kaleessaa kan xumurame yoo ta'u duulli hojii dhaabuu jedhames Kibxata ganama irraa akka hojiirra oolu himamaa ture.

Jala bultii duula hojii dhaabuu jedhame kanarratti Ministirri Fayaya Itoophiyaa Dr Maqdas Dhaabaa Ibsa miidiyaa biyya keessaa irratti kennaniin mootummaan gaaffii ogeessonni fayyaa gaafachaa jiran sududaan furuuf hojjechaa jiraachuu himan.

Duulli hojii dhaabuu ogeessonni Fayyaa labsan jedhame kana ilaaluuf Gaazexeessaan BBC Hospitaalaa Meedikaalaa fi Koolleejjii Fayyaa Adaamaa seenuun haala jiru taajjabeera.

Mooraan hospitaalichaa sochii idilee fakkaatu irra jira. Kutaaleen simannaa, qorannoo fi yaalaa keessas tajaajilamtoonni bifuma idileetiin tajaajilamaa jiru.

Mooraan Hospitaalichaa tajaajilli idilee kennamaa jiraachuu fi sochiin hojii dhaabuu fakkaatu kan irraa hin mul'anneedha.

Hospitala shaashamannee irraa kan dubbisne ogeessi fayyaa maqaan isaanii akka hin ibsamne nugaafatan Hospitaalichatti har'a ganamarraa kaasee tajaajilli yaalaa idilee ittuma fufee jiraachuu hime.

"Hojjetaan seeneera. Tajaajila kennaa jirra. Garuu miira gammachuu hin qabnu. Hojjetaan kaan sodaatetuma hojii seene. Kaan osoo namni rakkatu hojii hin hafu jedhee hojiisaa itti fufe" jedhan.

Hospitaalcha keessatti duulli hojii dhaabuu jedhame qabatamaan kan hin jirree fi ogeessi hojii idileesaarra jiraachuus himan.

Ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa keessaa gaaffilee mindaa fi faayidaa 'nuuf deebi'uu qabu' jedhan ilaalchisee duula miidiyaa hawaasaa taasisaa turaniiru, hiriiras ba'anii dhaadannoo isaanii dhageessisaa turan.

Waggoota lama dura gaaffilee ogeeyyiin fayyaa kaasaniifi furamuu qaban jedhan, Waajjira Ministira Mummee, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa, Ministeera Fayyaa fi Komishinii Siivil Sarvisiif dhiyeessun himamaa ture

Gaaffileen dhiyaatanis gaaffii mindaa, mana jireenyaa, kaffaltii saaxilamummaa (risk pay) fi kunneen biroo ofkeessatti kan qabate ta'us mootummaa biraa ga'uu fi garuu deebiin quubsaa akka itti hinkennamne kaasu

"Gaafii ogeeyyii fayyaa bu'urarraa yoo deebi'e malee akkasumaan salphaatti daballii mindaa birrii 1,000 gochuun ni deebi'a jennee hin amannu" jechuunis gaafiin ka'e gadi fageenyaan ilaalamuu akka qabu ogeeyyiin kunneen kan ibsaa turan

Gama biraatiin ogeeyyiin fayyaa baay'een sababa kaffaltii gahaa argachuu dhabuutiin karaa seera qabeessas ta'e seeran alaatiin biyyaa bahaa jiraachuu kan himan ogeeyyotni haalli kun itti fufnaan sirna fayyaa biyyattiirratti rakkoo kan uumu akka ta'e yaaddoo qabanis himu.

Dabalataan dhaloonni itti aanus damee fayyaa keessatti hojjechuuf fedhii akka dhabu kan taasisu ta'uu himan.

Gaafii ogeeyyiin fayyaa kaasaniif mootummaan xiyyeeffannoo gahaa akka hin kennine kan himan ogeeyyiin fayyaa kunneen haalli jiru haala kanaan itti fufnaan hawaasaaf tajaajila kennuuf ulfaataa akka itti ta'u himanii ture.

Sochii kana hordofee garuu ogeeyyiin fayyaa muraasni hidshamuu BBC'n gabaasaa turera.