Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Sochii gaaffii ogeessota fayyaa keessatti hirmaachuukootti hospitaala irraa buufata fayyaatti na jijjiiran'- Dr Habtaamuu
Dhiheenya kana ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa keessaa gaaffilee mindaa fi faayidaa 'nuuf deebi'uu qabu' jechuun duula miidiyaa hawaasaa taasisaa jiraachun isaanii ni yaadatama.
Gaaffiin isaanii kun yoo kan yeroo 'baatii tokko' jedhan keessatti hin deebiine ta'e ammoo hanga hojii dhaabuutti tarkaanfii fudhachu akka danda'anilleen kaasanii ture.
Haata'u malee, Dirre Dawaatti hospitaala keessa hojjataa kan turan Dr. Haabtamuu Alamuun, sochii oggeeyyii fayyaa kana keessatti hirmaachusaatiin, hospitaala irraa kaafamuun gara buufata fayyaatti akka jijjirame xalayaan itti barreefamu balaaleeffachuun BBCtti dubbatan.
Xalayichis, ogeessi fayyaa kun ''naamusa ogummaa cabseera'' jechuun hospitaalaarraa gara buufata fayyaatti jijjiiramu ibsuuniidha kan biiroo fayyaa magaalaa Dirree Dawaarraa itti barraa'e.
Ogeessichi Dr. Haabtamuu Alamuu garuu waan ''sochii tibbana ogeeyyiin fayyaa taasisaa jiran keessatti hirmaadheef maqa balleessiidha malee himannichi dhugaa tokkolleen hin qabu'' jechuun BBC'tti himan.
Himanna Dr Habtaamu kana irratti BBC'n aanga'aa Magaalaa Dirree Dawaa fi miseensa koree naamusa hospitaala oggeessi kun keessa hojjatus dubbiseera.
Maaltu mudate?
Dr. Habtaamuu Alamuu, bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaatti Hospitaala Saabbiyaan jedhamu keessatti hakima waliigalaa (GP) ta'uun tajaajilaa jira.
Torbanoota muraasaa as ammoo duula gama miidiyaalee hawaasaatiin ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa taasisaa jiran irratti dammaqinaan hirmaachaa jira.
Fuula miidiyaa hawaasaa oggeessoonni fayyaa irratti yaada garaagaraa waliin qoodan 'Hakim' jedhamu irrattis, tajaajila waldhaansa fayyaatiin "gammaachuun argamu boqonnaa sammuu nuuf kenna. Gammaachuun sammuu garuu nyaata hin ta'u; dhugaatii hin ta'u. Kiraa manaa naaf hin kafalu. Mucaakoo naaf hin barsiisu. Akkan mana dhaabbadhuuf na hin gargaaru" jechuun kanaan dura barreessee ture.
Erga sochii oggeessoota fayyaa kanarratti hirmaachuu jalqabee as garuu hoggantoonni biiroo fayyaa bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa bilbilanii akka inni waan gochaa jiru dhaabuuf gaafachuu kaasa. Inni ammoo mirgaakoo gaafachuu hin dhaabu jechuun akka itti fufe BBC'f ibsa.
Boodarra hoggantuun biiroo fayyaa bilbiltee itti dhaadachuufi sodaachisuu kan kaasaan hakimni kun, guyyootaan booda xalayaan jijjiirraa keessoo jedhuun isa gahe rakkoo naamusa ogummaa waan qabuuf gara buufata fayyaatti akka jijiirame kan ibsudha.
Hakimni kun rakkoo naamusaa akka hin qabneefi itti yaadamee waan sochiicha keessatti hirmaachuu isaatiin qofa akka ta'e fi ''Maqaakoos balleessaniiru'' jedha.
Itti aanaan hogganaa biiroo fayyaa bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa Obbo Yuusuuf Se'iid ammoo Dr Haabtaamuu Amaluu rakkoo naamusaa cimaa waan qabuuf akka jijjiiraman taasifamuu BBCtti himan.
Haata'u malee, barreessaan koree naamusaa hospitaala waliigalaa Saabbiyaan Dr. Wondawasan Taayyee gamasaanitiin, Dr Haabtaamuun rakkoo naamusaa jedhameetiin himatamee ''nu biratti dhiyaatee hin beeku'' jechuun hakima 'ofkennee' hojjetu ta'uun dhugaa bahan.
Xalayaan mata duree 'jijjiirraa keessoo' jechuun gaafa 09/08/2017 (ALI) Dr. Habtaamuu Alamuutiif barreeffame akka ibsutti, hakimichi "bifa naamusa ogummaa faallessuun, kutaa haadhoolii fi daa'immaniitti haadholii dahan salphisuufi arrabsuun, kutaa battalaatti ramadamee yeroo tureettis dhukkubsattoota sirnaan keessummeessuu dhabuu, yeroo haadholiin dahaniifi dhukkubsattoonni biroo gara hospitaalichaatti riifarii ta'anii dhaqaniittis, hojjetoota dhaabbatasaan irraa dhaqaniif bilbiluun akka arrabsu" ibsa.
Sababa kanaan hospitaalicha irraa gara buufata fayyaa Laga Odaa Guduunfataa jedhamutti jijjiiramuusaa ibsa xalayichi.
Itti dabalunis buufanni fayyaa Dr Haabtamuun itti ramadame, "hordoffii cimaa gochuun biiroo isaaniitiif yeroo yeroodhaan" akka gabaasu ajaja xalayichi.
Xalayaan mallattoo hoggantuu biiroo fayyaa bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa, Dr. Tsiggeeradaa Kifileetiin bahe kun miidiyaalee hawaasaa irra naanna'aa kan jiru yoo ta'u, yaaliin BBC'n hoggantuu kana dubbisuuf taasise hin milkoofne.
Dr. Habtamuun ammoo hospitaalichatti, "jaalatamaa fi namaan kan waliigaluu, dhukkubsattoota birrattis jaalataamaafi waanan danda'u hunda gochuunan" beekama jechuun waa'eesaa dubbata.
Sirummaayyuu, ''Namoonni inshuraansii fayyaa hin qabne yoo waan ittiin qoricha bitatan dhabanii rakkatan boorsaa kootii baasee gargaaruurraa gara duubaatti jedhee hin beeku'' jechuun ogummaasaatiin alattilleen namoota yaalamuuf dhaqan akka gargaaru ibsan Dr Haabtaamuun.
Ogummaa isaatiinis dorgomaa ta'uu kan kaasu hakimni kun, namoota waldhaansaaf dhufan waliin hariiroo gaarii akka qabu dabaluun ibsa.
'Jireenya keenya aarsaa goonee osoo hojjennuu rakkachuun nuuf hin malu'
Sochiin ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa tibbana taasisaa jiran, "gaafilee ganna dheeraaf gaafatamaa turuun qaala'umsi jireenyaa amma jiru ittuu hammeesseedha" jechuun kan ibsu hakimni kun, innis akka hakima tokkootti dammaqinaan itti hirmaachaa akka jiru dubbatan.
Dhimma "jiraachuufi jiraachuu dhabuu [ogeeyyii fayyaa] hundaa jedhamuun gaafilee 12 tarreessinee Ministeera Fayyaatiif xalayaadhaan galeera. Garuu hanga yoonaatti deebii homaa hin arganne" jechuun ibsa.
Gaafileen akka ijootti ka'an xiqaachuu mindaa, dhiyeessiin mana jireenyaa, geejibaafi inshuraansii fayyaa dhabamuun, sadarkaan saaxilamummaa isaaniitiin waan argachuuf malan argachuu dhabuu ta'uu ibsa.
Waliigalaan ''xiyyeeffannaan seektara fayyaatiif kenname gadi bu'aadha'' kan jedhu hakimni kun, ogeessi fayyaa lubbuusaa balaarra buusee lubbuu namoota kaanii oolchaa jiraachaa jiru jedhan.
Kanaaf, sochiin tibbanaa kunis oggeeyyiin fayyaa hojiisaan haalaa akka itti fufaniif haala jireenyasaa jijjiiruuf kan kaayyeffate ta'u dubbatan.
''Ogeessi fayyaa tokko yoo hospitaala keessa hojjetutti dhibeewwan kan akka HIV, Heeppataayitas fi TB'f saaxilamaadha. Kafaltiin saaxilamummaa baay'ee xiqqaadha. Ji'aan dhibba afurii hanga kuma tokkootti kafalama; inniyyuu hundaaf miti waanta'eef, yoo saaxilamte dhibbi afur, kumni tokko maal siif godha?'' jechuun gaafatu.
Itti dabalunis, ''Dhiigaan laaqamtee, dhiigniifi dhangalaa'an nama meeqaa otoo sitti faca'uu hojjennee, yeroo baay'ee meeshaaleen of eeggannoof oolanfaa otoo hin fayyadamiin hojjenna. Haala kana keessatti jireenya keenya aarsaa goonee otoo hojjennuu rakkachuun nuuf hin malu'' jedhu oggeessi kun.
Mindaan ji'aa hakimni waliigalaa tokko argatu ji'atti giddu galeessaan kuma sagalii hanga kuma kudha tokkoo ta'uu kan kaasu hakimni kun, ''kun maal nu fayyada? Sababa qaala'insa jireenyaatiin jiraachuu hin dandeenye" jedhu.
"Mana kireeffannee, ijoollee nyaachisaa, barsiisaa, ofii keenyaa nyaannee, huccuu jijjiirrannee, qulqullina keenya eeggannee akkamiin nu gaha? Gaafiin keenya ijoon kanadha. Nuti kaayyoo biraa homaa hin qabu," jechuun sochii ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa taasisaa jiran ibsa Dr. Habtaamuun.
"Hanga yoonaatti dagatamneerra. Hayyoota gumaacha guddaa taasisnudha. Dagatamuun nuuf hin malu. Ummataaf, dhalootaaf kan yaadan yoo ta'e, xiyyeeffannoon nuuf kennamuu qaba" jedhu Dr Haabtaamun.
Sochiin ogeeyyiin fayyaa miidiyaalee hawaasaa irratti taasisaa jiran torban lama hafuu kaasuun, yoo torbaanoota hafan keessatti Ministeerri Fayyaa gaafilee isaaniif fudhatama hin kennine gara 'lagannaa hojiitti' akka seenaan dubbata.
Akka Dirre Dawaatti dammaqinaan sochii kanarratti hirmaachaa jiraachuu kan kaasan hakimni waliigalaa kun, "ogeeyyii fayyaa baay'een waanan waliigaluuf namni na jaalata. Kanaaf, [ogeeyyiin fayyaa] hunduu faara na hordofuu qabu. Kana sodaataniitu ka anaan xiyyeeffannoo keessa galchaniif" jechuun ibsa.
Miseensi koree naamusa hospitaalichaa maal jedhan?
Barreessaan koree naamusaa hospitaala waliigalaa Saabbiyaan Dr. Wondawasan Taayyee, Hakimiin Dr. Habtaamuu Alamuu jedhaman kun "hanga ani beekutti, dhimmisaa gara disippiliiniitti dhufee kan koreen ilaalee itti murteesse hin jiru. Nu biraa dhufee waanti itti murteeffame hin jiru" jechuun waa'ee hakima rakkoo naamusaatiin himatamee kanaa BBCtti dubbatan.
"Gara naamusaatti kan dhufan [badii] ulfaataa yoo ta'edha. Adabbii mindaa guyyaa kudhanii ol gaafa ta'u gara disippliliinii [naamusaatt] dhufu" jechuunis dabaluun ibsa Dr. Wondawasan.
"Dhugaa dubbachuudhaaf, Dr Haabtaamuun nama baay'ee ofkennee [hojjetudha]. Hojiidhaaf nama kutataadha. Hojii yeroo itti kennitu nama qajeelummaadhaan hojiisaa hojjetudha. Nama akkas didaa ta'e miti'' jedhan dabaluun.
Kana malees, ''Qindeessitoota hakimootaas ta'ee nan hojjedha. Yeroon ajaja kennuuf hakimoota qajeelummaadhaan fudhatan keessaa isa tokkodha Dr Haabtaamuun" jechuun hakimiin badii naamusaatiin himataman kun ogeessa maqaa gaarii qaban ta'uu dubbatan barreessaan koree naamusaa Dr Wondawasan.
'Kan nuuf malus ta'uu baatu kan nu barbaachisu nuuf haa godhamu'
Dhimma waloo ogeeyyii fayyaa Itoophiyaa miidiyaalee hawaasaarratti akka barreessu kan ibsu hakimni kun, "kan nuuf malus ta'uu baatu kan nu barbaachisu nuuf haa godhamu" jechuun gaafata.
Waldaaleen ogummaa gara garaa jiraachuu kan kaasu Dr. Habtaamuun, waldaaleen kunneen gaafii ogeeyyii fuulduratti fidanii waan hin falmineef sochiin ogeeyyii fayyaa amma deemaa jiru dhalachuu ibsa.
Sochiin kun qaama seerummaa qabaachuu baatus, geggeessitoota qaba. Fuula telegiraamii irratti ogeeyyii fayyaa kuma shantama ta'antu jira. Naannoleefi hospitaalota keessatti qindeessaa jirra. Lagannaa hojichaatiif guyyaan nu hanqachuu mala. Yoo nu hanqateef tarii torban tokko, lamaaf dheeressuu dandeenya" jechuun haala sochii ogeeyyii fayyaa Itoophiyaa ibsa.
Tarkaanfiin amma biiroon fayyaa irratti fudhates sochii inni taasisaa jiruun akka walqabatu hima. "Duula maqa balleessii waan taa'eef naaf haa himataman" jechuun xalayaa komii akka galche kan ibsu hakimni kun, "kun guutummaatti sobadha. Dhugaa tokko hin qabu" jechuun rakkoo naamuusaa ittiin himatame akka hin qabne dubbata.
"Yeroon kutaa dahumsaa haadholiittis ta'ee kan daa'immanii hojjechaa turaniitti, seenaa hospitaalichaa keessattuu akkan ani hojjedhetti hakimni hojjete akka hin jirre natti himamee galateeffameera" jechuunis kutaa itti rakkoo naamusaa qaba jedhametti hojii guddaa hojjechuu dubbata.
'Waan kana ni dhaabdamoo hin dhaabdu? naan jette'
Tarkaanfii kana fudhachuun dura "al lama sadii bilbilanii akkan dhaabuuf of eeggannoo naaf kennan. Of eeggannaan jalqabaa Sanbata xiqqaa darbe [Ebla 19/2025] karaa itti aanaa hogganaa biiroo fayyaa, Yusuuf Se'iid natti kenname'' jedhan.
''Daqiiqaa digdama na waliin haasa'e. Guutummaatti dhimmi sochii [ogeyyii fayyaa] irrattidha. Kun sirrii miti. Kan ka'e bakka biraati; Tigraay irraati, Faannoo irratti. Harka keessan deeffadhaa! Maaltu sinitti hira'ate? Dirre Dawaa irratti waan kana tasuma siniif hin hayyamnu; dhaabaa!" jechuun haasaa hogganicha waliin taasisan yaadachiisa.
"Akka Dirre Dawaatti gaafiin gaafanne hin jiru. Kan gaafanne akka biyyaatti. Gaafii kana gaafachuurraa kan duubatti nu deebisu hin jiru" jechuun deebiii kennaniifii akka turan dubbata hakimni kun.
Guyyoota lamaan booda ammoo, hoggantuun biiroo fayyaa bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa, Dr. Tsiggeeradaan akka bilbilteef himuun, "ishee ammoo guutummaatti dorsisaafi arrabsoodha. Ati maal abbaakee ta'uu barbaaddeetu, of hin kabajjuu? Wanti hundumtuu otoo siniif kafalamuu, maaltu sinitti hir'ateetu kan akkas of nyaattu?" jechuun bilbilaan darbaa itti dubbachu himu.
"Hundaafuu 'waan kana ni dhaabdamoo hin dhaabdu?' naan jette. Mirgaakoo gaafachuu hin dhaabu; hamma dhumaattan deeman jedheeniin. Achiin gurrakoo irratti cufte" jechuun haasaa bilbilaan hoggantuu biiroo fayyaa waliin taasisan kaasu.
Haala kanaan hoggantuu biiroo fayyaa waliin haasa'anii guyyaa tokkoon booda "gaafa Kibxata waaree booda hojiikoorra otoon jiruu, sa'aatii kudhan irratti naaf bilbilame" kan jedhu Dr. Habtaamuun, biiroo fayyaa irraa xalayaan jijjiirraa keessoo jedhuun isaaf dhufe rakkoo naamusaa waan qabuuf hospitaalicharraa gara buufata fayyaatti akka jijjiirame kan ibsu ta'uu dubbatan.
Xalayichi gaafa Ebla 9 akka bahe kan kaasu hakimni kun, kan isa gahe garuu gaafa 14 ta'uu dubbata.
Kunis itti yaadamee bilbilaan otoo isan waliin hin haasa'iin dura barraa'e akka jedhamuuf ta'uu dabalee ibsa. Xalayicha yeroo argu "nan kolfe, nan nahes" kan jedhu Dr. Habtaamuun, erga xalayaan sun isaan gahee hiriyoota isaas akka dallansiise kan kaasan.
Hiriyoonnisaa xalayicha gara miidiyaalee hawaasaatti fiduudhaan dhimmichi ijoo dubbii akka ta'es himan.
Hiriyisaa ammatti hospitala Xiqur Ambassaatii ispeeshaalitii isaa barachaa jiru kan dhimmicha yeroo jalqabaaf gara Feesbuukiitti fidee maxxanse irra doorsisni gara garaa biiroo fayyaa Dirre Dawaa irraa akka irra gahe hima.
Maxxansi miidiyaalee hawaasaa dhimma kanaan walqabatan "nama baay'eetu qooddate" jedha. "Maaliif tarkaanfii [Dr. Habtaamuu] irratti hin fadhanne jedhamuudhaan hoji geggeessituun Hospitaala keenyaa 'har'aa qabdee hojiirraa kaafamteetta' jechuun" itti aanaan hogganaa biiroo fayyaa Dirre Dawaa miseensota boordii kaan waliin ta'uun tarkaanfii fudhachuus dabaluun ibsa hakimni kun.
BBC'n odeeffannoo dabalataa argachuuf, hoji geggeessituu hospitaalichaa Siistar Maskaram Asaffaa biratti bilbilus dubbachuuf hayyamamoo waan hin taaneef yaada ishee gabaasa kana keessatti dabaluu hin dandeenye.
Rakkoon naamusaa Dr. Habtaamuu sochii ogeeyyiin fayyaa taasisaa jiraniin dura akka ture hima, itti aanaan hogganaa biiroo fayyaa bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaa Obbo Yusuuf Se'iid.
"Nama biiroodhaa erginee [rakkoo] isa bira ture irratti haasofnee, inni akka sirreessu itti amanee akka sirreessu [taasifame]. Altokko galma Dilcorraa jedhamutti, lammata biiroo fayyaatti waamamuun akka gorfaame" hojiisaa itti fufee ture dubbatu Obbo Yusuuf .
Sana boodas "haalonni sirrachuu dinnaan gaafa ALI guyyaa 27 ji'a Onkoloolessaa bara 2016tti hospitaalichi [isaan] hojjechiisuu waan hin dandeenyeef akka irraa jijjiiramuuf xalayaa" biiroo isaaniitiif barreessee akka ture ibsu aanga'aan kun.
"Otoo kanarra jirruu sochiin biyyaalessaa kun dhufe. Nuti inni bakka buufamuus quba hin qabnu. Asitti isatu bakka bu'eera. Hakimni kan ramadame hawaasa tajaajiluufidha. Tajaajila kana dhiisee kutaa biraa deemuudhaan, otoo [ogeeyyiin] tajaajila kennan gufachiisuun suuraa kaasuu eegale. Sana booda hospitalli guutummaatti jeeqame" jechuun kan himatan hogganaan kun, bilbilanii akka gorsan himu.
Hakimichis, "hin fudhadhu, kun mirga kooti jedhee hojiisaa itti fufe. Ijoollee inni suura isaanii maxxanse hayyama keenya malee maaliif suura keenya maxxanse jechuun himatani. Hoji geggeessituu hospitaalichaa biratti dhiyaachuun" balleessaa qabaachuu amanee ture jechuun dabaluun himataniiru.
"Hamma tajaajila kennuu dhaabsisutti nama dhuunfaa tokkoof obsuu hin qabnu" kan jedhan hogganaan kun "hawaasni murtaa'e gara jirutti deemee tajaajila akka kennuuf" jecha gara buufata fayyaatti akka jijjiiran ibsa.
"Rakkoo naamusaa qabaachuusaa kan agarsiisu ammoo akkuma [tarkaanfichi fudhatameen] erga gabaabaa doorsisa qabu gara shantamaa ol hoggantuu biiroo fi anattis ergamee ture" jedhu.
Qabiyyeewwan "maatii waliinaan si balleessa" jedhanii fi "arrabsoowwan dubbachuu hin dandeenye" akka hakimni kun bilbilasaanii irratti erge kan ibsan hogganaan kun, ergaa jedhame kana BBC'n addatti mirkaneeffachuu hin dandeenye.
"Dursinee hoji geggeessituu hospitaalichaa waamuun koree naamusaatti dhiyeessuun tarrkaanfii akka irratti fudhattuuf waliigallee qaboo yaa'ii qabannee turre. [Hoji gaggeessituun kun] hin raawwanne. Silaa dhimmi har'aa hin ka'u ture" jechuun, hoji gaggeessituun hospitaalichaa aangoorraa ka'uun garuu dhimma hakima kanaa waliin akka wal hin qabanne himu ObboYusuuf.
Akka hoggantuu tokkootti hospitaala keessatti raafamni gara garaa yoo uumamu hojjetoota mariisisuun tasgabbeessuu otoo qabduu gochuu dhabuun hir'ina ta'uu kan kaasu Obbo Yusuuf, tarkaanfiin fudhatames hojmaata biiroo isaanii hordofee akka ta'e himu.
Hojjetaan mirga gaafachuu qabaachuu kan kaasu Obbo Yusuuf, namoonni gaaficha gara biraatti maqsan jiru jechuun yaada 'hiriira nagaa bahuu fi lagannaa hojii' ogeeyyii fayyaatiin haasa'amaa jiru "sirrii miti" jechuun mormaniiru.
Itti aanaan biiroo fayyaa kun, tarkaanfiin Dr. Habtaamuu irratti fudhatame sochii ogeeyyiin fayyaa akka biyyaalessaatti taasisaniin akka wal hin qabanne himanis, "carraa kana fayyadamuun nama dhukkubsatee taa'u dhiisuun, qaama [ogeessa] qoricha kennu harkisuun koottu suura ka'i jedhu callisnee ilaaluu qabnaa?" jechuun tarkaanfiin fudhatame sochii amma jiruun hariiroo qabaachuu fuulchaniiru.