Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaa fi Somaaliyaan waliigalteerra gahuuf Ankaaraatti marii teeknikaa gaggeessan
Waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaa fi Somaaliilaandi mallatteessan hordofee muddama keessa kan galanii turan Itoophiyaa fi Somaaliyaan marii teeknikaa marsaa jalqabaa Turki magaalaa Ankaaraatti gaggeessan.
Itoophiyaa fi Somaaliyaan wal dhabdee dhimma hulaa galaanaa ilaalchisee gidduu isaaniitti uumame karaa marii nagaa akka xumuraniif jaarsumummaan kan walitti fidde Turkiidha.
Waliigaltee Ankaaraa hojiirra oolchuuf mariin dhimmoota teeknikaa marsaa jalqabaa taa'amus ibsa Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii baase ni agarsiisa.
Somaaliyaan walabummaankoo sarbiteeti jechuun Itoophiyaa erga himachaa turtee pirezidaantiin Turkii Resib taayib Erdohaan gaggeessitoonni biyyoota lameenii akka mariin hiikan haala mijeessan.
MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimadii fi pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Turkiitti yeroo wal argan waliigaltee ''tokkummaa daangaa Somaaliyaa kabajuu fi Itoophiyaan hulaa galaanaa akka argattu mijeessu irratti waliigaluun marii teeknikaa jalqabuuf waliin dubbataniiru.
Marii teekinikaa ministirri dhimma alaa Turkii Hakaan Fiidaan gaggeessan kana Itoophiyaa bakka bu'anii ammoo Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos, akkasumas gama Somaaliyaatiin Deetaan Ministira Dhimma Alaa Alii Mohaammad Omaar argamaniiru.
Marii teekinikaa marsaa duraatiin jilli lachuu waliigalteen Ankaaraa hojiirra ooluurratti murannoo qaban ibsataniiru jedhameera.
Jilli kunneen gaggeessonni biyyootasaanii mul'ata waliigaltee Ankaaraa irra kaa'an gara hojii qabatamaatti jijjiiruuf, akkasumas faayidaa walitti fufinsa qabuuf bu'uura kaa'uudhaaf hojii qabatamaa jalqabuusaanii ministeerri dhimma alaa ibsa isaa kanaan mul'iseera.
Mariin teekinikaa itti aanu ammoo Bitootessa keessaa akka gaggeeffamu beellamni qabamuu ibsameera.
Itoophiyaan kan akka biyya walabaatti of ilaaltuufi sadarkaa idil-addunyaatti garuu fudhatama kan hin arganne Somaaliilaand waliin andaara galaanaa kiiloomeetira 20 bal'atu argachuudhaaf waliigalteen mallatteessite Somaaliyaa akka malee dheekkamsiisuun naannicha keessatti muddamni jabaan akka uumamu taasisuun isa ani yaadatama.
Itoophiyaafi Somaaliyaan wal dhibdee waggaa guutuuf deemu jaarsummaa Tarkiitiin marii Ankaaraatti taasifameen rakkoo jiru furachuu waliigalteerra gahuun isaanii ni yaadatama.
Haaluma waliigaltee Ankaaraa Ministirri Mummee Abiy Ahimad fi pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad kan waliin mallatteessaniitti, ''Somaaliyaan aarsaa loltoota Itoophiyaa ergama Gamtaa Afriikaa jalatti biyyashee keessatti bobbaafamaniif beekkamtii ni kenniti.''
Kana malees, waliigaltichi ''haala tokkummaa daangaa Somaaliyaa kabajeetiin Itoophiyaa ulaa galaanaa argachuunshee faayidaa damee hedduu biyyoonni lamaan argataniif beekkamtii ni kenna'' jechuun ibsa.
Waldhabdeen Somaaliyaafi Itoophiyaa jidduu jiru waliigaltee Ankaaraatiin furamusaa hordofee Somaaliyaan loltoota Itoophiyaa Ergama Tasgabbiifi Deeggarsa Gamtaa Afrikaa haaraa keessatti akka hin hirmaanneef murtee dabarsee ture kaasuudhaan ergamicha keessatti hammachuuf yaadaa akka jirtu gabaafameera.
Itoophiyaan Somaaliilaand kan Somaaliyaan daangaa kooti jettuufi ishee akka biyya walabaatti of ilaaltu waliin erga waliigaltee wal hubannoo ulaa galaanaa mallatteessiteeti waraanni ishee ergama nagaa kabachiisaa keessatti akka hin hammatamne aanga'oonni Somaaliyaa kanaan dura irra deddebiin akeekkachiisaa turan.
Muddamni Somaaliyaa fi Itoophiyaa jidduu ture kan laaffise waliigaltee Ankaaraa hordofee Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad Ministira Mummee Abiy waliin baatii Amajjii keessa walitti dhufeenyasaanii haaromsuun mari'achuun ni yaadatama.
Dureewwan kunneenis ''walitti dhufeenya isaanii waggaa tokkoof laaffatee ture haaromsuudhaaf magaalaa guddoo biyyoota lamaanii kan argaman karaa bakka bu'oota dippilomaasii biyyoota lamaanii akka jabeessan ibsa waloo baasanii ture.
Pirezidaantii haaraan Somaaliilaandi waliigaltee Itoophiyaa fi Somaaliyaa kana ''kun waliigaltee biyyoota lameeniiti. Kun nu hin ilaallatu. Biyyoonni obbolaa lamaan waliigaltee dhuunfaa isaaniiti kan raawwatan'' jedhan.
Itoophiyaan hula galaanaa karaa Somaaliilaandi yoo argatte bakka isaa ammo beekkamtii biyyummaa Somaaliilaandiif kenniti jedhamee eegamaa ture.