Yukireen Raashiyaa waliin marii marsaa biraa barbaaddi - Zeleniskii

Yukireen marii nagaa haaraa Raashiyaa waliin taasisuuf yaada dhiheessuun marii ji'a darbe addaan cite deebinee jalqabuuf barbaanna jedhan pirezidantiin biyyattii Volodimiir Zeleniskii.

Qondaalli nageenyaa olaanaan biyyaatti Rustaam Umeerov torbee dhufu gita isaanii Raashiyaa waliin akka wal argan gaafataniiru.

Zeleenskiin haasawa kaleessa galgala taasisaniin marii kana keessatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra ga'uuf wanti hundi godhamuu qaba jedhan.

Zeleeniskiin lammii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliinis fuulaa fuulatti wal arguuf qophii ta'uu isaanii irra deebi'anii mirkaneessaniiru.

"Nageenya dhugaa mirkaneessuuf mariin nagaa sadarkaa hoggansaatti gaggeeffamu barbaachisaa " jedhan.

Yaadni kun kan dhiyaate erga Raashiyaan haleellaa qilleensaa guddaa biraa Yukireen irratti raawwattee lubbuu namoota sadii galaafattee booda.

Zelenskiin akka jedhetti naannoleen Yukireen kudhanii fi magaalonni hedduun Jimaata halkanii hanga Sanbataa gidduutti haleellaa xiyyaaraa Raashiyaan rukutamaniiru.

Waraanni Yukireen boombii fi diroonii xixiqqoo 340 ol, akkasumas misaa'ela kiruuzii fi balistikii 35 fayyadamuun haleellaan irratti raawwatamuu isaa ibsuun, Garuuu irra caalaan isaanii qolachuu ibsite.

Jalqaba torbee kanaa prezidaant Doonaald Tiraamp Ameerikaan karaa biyyoota NATO'n gara Yukireen ''meeshaa waraanaa gurguddaa'' akka ergitu ibsuun, guyyoota 50 keessatti waliigalteen waraana kan hin xumuramne yoo ta'e Raashiyaa irratti qaraxa guddaa akka kaa'u doorsisaniiru.

Tiraamp yeroo xumuraaf Raashiyaan Yukireen waliin waliigaltee nagaa irra yoo hin geenye US michoota daldalaa Raashiyaa hafan irratti xiyyeeffachuun qaraxa sadarkaa lammaffaa 100% akka keessullee akeekkachiisaniiru.

Mariin marsaa lama Moskoo fi Kiyeev Istaanbul keessatti geggeeffame biyyoonni kunneen waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra akka gahan taasisuu hin dandeenye.

Garuu reeffa loltoota waraana keessatti ajjeefaman deebisuu fi hidhamtoota baay'ee wal jijjiiruuf walii galaniiru.

Mariin marsaa lama Moskoo fi Kiyeev Istaanbul keessatti geggeeffame biyyoonni kunneen waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra akka gahan taasisuu hin dandeenye.

Garuu reeffa loltoota waraana keessatti ajjeefaman deebisuu fi hidhamtoota baay'ee wal jijjiiruuf walii galaniiru.

Marii marsaa dhumaa jalqaba baatii Waxabajjii keessa xumurame booda, mariisistoonni Yukireen, Raashiyaan ammas ''dhukaasa dhaabuu haalduree tokko malee'' didde jedhan.

Kiyeev fi michoonni ishee Awurooppaa, akkasumas Ameerikaan haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabuu barbaadu.

Raashiyaan gama isheetiin Yukireen lafti dabalataa akka kennamuu fi deeggarsa waraanaa biyyoota dhihaa hunda akka dhaabdu gaafatteetti.

Yeroo sanatti Zelenskiin, Raashiyaan''mariin itti aanu bu'a qabeessa akka hin taaneef waan danda'amu hunda gooteetti'' jechuun himate.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Guraandhala bara 2022 Yukireen irratti waraanaa eegalan

Raashiyaan amma naannoo Yukireen gara dhibbeentaa 20 kan to'atte yoo ta'u, kibba Kiriimiyaa kan bara 2014 humnaan ofitti dabalte dabalatee jechuudha.