Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Geetaachoo Raddaa waa'ee 'yaalii ajjeechaa al lama irratti aggaamamee' maal jedhan?
Obbo Geetaachoo Raddaa pirezidantii bulchiinsa yeroo Tigraay kan tureefi Wiixata kaleessaa ifatti aangorraa ka'uun kan ibsame, yaaliin ajjeechaa si'a lama irratti karoorfamee akka ture miidiyaaleetti himan.
Waldhabdee siyaasaa fi nageenyaa Tigraay keessatti mudate hordofuun Finfinneetti kan argaman Obbo Geetaachoon gaaffii fi deebii miidiyaalee adda adda waliin taasisaniin, yaaliin ajjeechaan wal fakkaatu jiraachuusaa odeeffannoo akka qabu dubbataniiru.
Obbo Geetaachoon akka jedhaniitti, Maqalee buufata xiyyaara Aluulaa Abbaanaggaatti wayita gara Finfinnee dhufaniitti, akka hin imalleef eegdota buufaticha eeganiin dhorkamanii akka turan himataniiru.
''Eegduun akkuma nu argeen 'akka seentan isiniif hin hayyamu, jalqaba bilbileen gaafadha jedhe.'
Hidhattoonni kunkolaataa loltuutiin gara buufata daandii qilleensaatti isaan hordofaa turuuf poolisoonni federaalaa (buufata xiyyaarichaa eegaa turan) akka isaan biraa dhaabsiisan kaasan.
''Ajajaan garichaa'' xiyyaara keessa seenuuf yaalee ture garuu akka ol hin seenneef dhorkame. Achiinis hogganaa tika buufata xiyyaaraatiif bilbiluudhaan ''Geetaachoon seeneeraa? Qofaa jira immoo namoonni biraa waliin jiru?'' akka gaafataa ture himan.
Biiroon Nageenyaa Naannoo Tigraay himannaa Obbo Geetaachoo kana ilaalchiisuun gaaffii dhiyaateef deebii kenneen cimsee balaaleeffachuun himannichi ''waan bu'uura hin qabne qofa osoo hin taanee ta'e jedhamuun kan umameedha'' jechuun BBC Tigriffaatti hime.
Biiriichi buufata xiyyaaraatti eegumsa nageenyaa baramaa tureen alatti Getaachoo ajjeessuuf ykn miidhuudhaan wanti addaa taasifame akka hin jirre beeksiise.
Bulchiinsa yeroo keessatti ittaanaan pirezidantiifi hogganaan nageenyaa naannichaa kan ta'an Leetanaal Janaraal Taaddasa Worradaa dhimma Obbo Geetaachoon ''yaalii ajjeechaa'' jechuun ibsan akka qoratamuuf gaafatan.
''Qaamaa walabaatiin wanti hundi qoratamee bu'aansaa ummataaf ibsamuu akka qabaatuun yaada,'' jedhan Janaraalichi.
Dameen TPLF kan Dr. Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu namoota hidhatan waliin ta'uun kantiibaa magaalota Mekellee fi Adigraat dabalatee, akkasumas waajjiraalee bulchiinsaa hedduu to'achuunsaanii gabafameera.
Obbo Getaachoon sababii fayyaan walqabateen Itoophiyaan ala erga turanii booda amma gara Finfinneetti deebii'aniiru.
Ministirri Mummee Abiy ibsa gabaabaa Afaan Tigriffaatiin kaleeaa Wiixata Ebla 7, 2025 fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti baasaniin, Obbo Geetaachoon pirezidantii bulchiinsa yeroo ta'u irraa ka'usaanii ifatti beeksiisaniiru.
Ibsichis ''Obbo Getaachaw 'nageenya argame itti fufsiisuuf of eeggannoo olaanaa taasisaniiru. Hooggansa isaanii kanaafis mootummaan federaalaa beekamtii kenna'' jedheera.
'Eenyuu akka isaan ta'an nan beeka'
Naannoo Tigraay kan miseensoota hidhattootaa kuma hedduun lakka'aman keessatti argamuutti rakkoon nageenyaafi tasgabbii dhabiinsi siyaasaa dhimmoota jiraattoota naannichaatti yaaddoo ta'e keessaayi.
Obbo Getaachoonis ''ergan ani Maqalee baheen booda bahuukootti namoonni 'ani miliquutti' aaran akka jiran dhagaheera. Namoonni ani beekuufi kabajus jiru'' jedhan.
"Akka Tigreetti, namoonni qaamaan namoota dhabamsiisuuf yaadan olaantummaa seeraa beekuu jedhee gonkumaa hin shakku'' jedhan Obbo Geetaachaan.
Obbo Gaataachoon akka jedhaniitti yaalii ajjeechaa gara biraa Muddee 27 tibba qophii cuphaatti karoorfamee akka ture dubbatu.
Abbaan qabeenyaa Finfinnee irraa eegduu nageenyaa waliin dhufe tokko isa ajjeessuuf yaaluufi jalaa fashalaa'uufi shakkamaan to'atamuu dubbatan.
''Yakka shororkeessummaa waan ta'ef sadarkaa federaalaatti ilaalamuu qabaata. Qoranno taatee Tigraay kana keessatti mootummaan federaalaa akka jiraatuuf gaafanneerra,'' jedhan.
Namoonni muraasnisi namni to'atame kun akka wabiidhaan gadhi dhiifamuuf fiigaa turan jedhan.
Obbo Geetaachoon taateen kun maaliif akka ummataaf ifa hin taasifame wayita gaafatamaniitti, ummata yaaddoo keessa galchuu sababii hin barbaadneef ta'u himan.
''Karoorri ajjeechaa bakka cubbaatti raawwatamuuf ture. Ummanni akka rakkoo keessa seenuu hin barbaanne. Ani ofii kiyyaaf eegumsa gahaa qaba... bakka ayyaanichaa turuu dhiisuuf murteessine'' jechuun haalicha ibsan.
Boodarra garuu yaaliin ajjeechaa fashalaa'ee sun ummataaf ifa taasifamuu Obbo Geetaachoon ibsaniiru.
''Wantiin ani gadi fageenyaan beeku tokko, karoora ajjeechaa jiraachuu nan beeka. Dhimmi ani hin eegneefi kan baayyee na gaddisisee ammoo, sadarkaa akkasii irra gahuu qabna turree ? kan jedhuudha'' jedhan Obbo Geetaachoon.
''Fedhiin pirezidatii danquu qofaa osoo hin taanee qaamaan balleessuuf yaalii taasisaa jiraachuu baruun waan nama naasiisuudha. Waan akkasii Tigraay keessatti ni mudata jedhee hin yaadneen ture.''
Itti dabaluunis bulchiinsi yeroo naannoo Tigraay waggaa lamaan dura hundeefame kaayyoowwan isaa ijoo galmaan gahuu dadhabuu isaatti akka gaabban dubbachuun, ''naannichaa deebiisanii ijaaruu fi namoota buqqa'an bakka jireenyaasaaniitti deebiisuun'' akka dadhabame kaasan.
Qoodinsi hooggantoota TPLF jidduutti uumame cimaa adeemuun gara muddaman ammaan tana naannicha keessatti dhagahamuutti guddate.