Daandii Fifinnee - Salaalee: Imala lubbuu qabsiisanii deemamu

Karra shanan Finfinneen qabdu keessaa karri gama Sulultaatiin baasuu fi daandiin guddaan naannoo Amaaraatiin hanga daangaa Sudaanitti fulla'u godina Oromiyaa, Shawaa Kaabaa keessa qaxxaamura.

Shawaan Kaabaa erga nagaan dhibee dirree hidhattoonni keessa socho'anii fi hawaasni saamichaa fi dararaa himachuu eegalee amma waggoonni shanii ol lakkaa'amaa jira.

Finfinneetti dhiheenyarratti argamulleen haalli nageenya godinichaa garuu godinoota Oromiyaa kaan kan fageenyarra jiranii fi bakka hidhattoonni keessa socho'u jedhaman caalaa gochoonni sukaneessoon irra deddeebiin bakka itti raawwatamudha.

Waggoota darban kana keessa erga hidhattoonni naannawa sanatti sochii eegalanii namoota halkan mana jireenyaasaanitii ukkaamsanii fudhachuun, kanneen butamanii maallaqa kanfalan hin qabne hedduun ajjeechaaf saaxilamuu BBCn namoota rakkoon kun irra qaqqaberraa iyyaafachuun gabaasaa tureera.

Manneen qonnaan bultootaa akkasumas mannii fi qabeenyi maatii milishaa hedduus kisaaraa guddaa keessa bu'ee kan magaalotatti godaanee jiruu ammoo, gadadoo tirsaa jiru qorannoon hagasi jedhamee hin beekamne.

Godinichatti waggoota shanan darban kanatti qofa manneen barnootaa dhibbaan lakkaa'aman kaan guutummaan gubatanii, kaan ammoo guutummaan tajaajila baruu fi barsiisuu akka dhaaban waajjirri barnoota Godinichaa himaa ture.

Bara kanas manneen barnootaa hedduun hojii baruu fi barsiisuu dhaabanii ijoolleen qonnaan bulaa kumaatamni egereen isaanii gaaffii keessa galee jiraatus kan bara darbeerra barana fooyyeen akka jiru BBC'n waajjira barnoota godinaa irraa odeeffateera.

Gama kaaniin dhaabbileen fayyaa gandoota Baadiyyaa keessatti hawaasa tajaajilaa turan sababa rakkoo nageenyaa godinicha mudateen hedduun manca'aniiru, kaan ammoo qabeenyi isaanii samamee tajaajilaan ala ta'anii jiru.

Ajjeechaa angaa'otaa gurra hin arganne

Shawaa Kaabaatti erga hidhattoonni godinicha keessa socho'uu jalqabanii fi wal waraansi qaamolee nageenya mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti adeemuu jalqabee angaa'onni mootummaa aanaa fi Godinaa 10 caalan yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti ajjeefamaniiru.

Jalqaba ji'a Sadaasaa bara 2024tti bulchaa Aanaa Waacaalee Obbo Nugusee Kooruu dabalatee, namoota 45 ta'antu hidhattootaan ajjeefame.

Amajjii 6, bara 2024 ammoo gaggeesitoonni godinaa sadii fi namoonni biroo lama aanaa Yaayyaa Gulallee irraa osoo deebi'aa jiranii hidhattoota riphanii eeggataa turaniin haleellaa itti banameen ajjeefaman.

Ajajaa poolisii Aanaa Sulultaa fi kaabinoonni Aanaa Giraar Jaarsoos kanneen ji'ootuma muraasa keessatti hidhataniin lubbuun isaanii darbe keessaayi.

Gaggeesitoota aanaalee godinaa itti gaafatamummaa isaanitti kenname bahachuurra osoo jiranii haleellaa hidhattootaan ajjeefaman kana garuu gama mootummaatiin ibsi gaddaas ta'ee waa'een ajjeechaa isaanii yeroo ibsamu hin mul'atu.

Angaa'aan godinichaa ammaan dura waa'ee kanaarratti dubbisne ''gadda ibsuun faayidaa fidu akka hin qabnee fi injifannoo diinaa ibsuu ta'a yaada jedhu kennanii'' ture.

Haleellaan angaa'ota mootummaa irratti qiyyaafatee fi aanaalee godina Shawaa Kaabaatti raawwatamu kun kanneen sadarkaa aanaa fi godinaa ta'an dhageettii argatuuf malee gandoota baadiyyaatti kanneen caasaa mootummaa keessa hojjetan hedduun aarsaa kanfalaa jiraachuu odeeffanneera.

Butamuu imaltootaafi imala yaaddoon guutame

Namoota mana jireenyaa isaaniitii halkan butanii maallaqa gaafachuun aanaalee akka Warra Jaarsoo, Kuyyuu, Dagam, Hidhabuu Abootee fi Yaayyaa Gullalleetti ta'ii mana nama hedduu onsee fi namni waan qabu gurguree fi liqeeffatee kanfaluun hawaasa hiyyummaaf kan saaxiledha.

Iddoowwan tokko tokkotti ammoo maatii tokko keessaa marsaa tokkoo ol hidhattoonni namoota fudhachuun maallaqni kan itti gaafatame akka jirus himu jiraattonni.

Saamichii fi uggurri namootaa kun irra caalaa halkan kan raawwatamu ta'ulleen yeroo tokko tokko guyyaas daandirraa fi konkolaataa keessaa namoota ukkaamsanii fudhachuun tureera.

Waxabajjii bara 2024 barattoota yunvarsiitii Dabaarq irraa gara Finfinnee deebi'aa turan Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsoo naannoo Tulluu Milkii jedhamutti Otobisii lama keessaa imaltoonni hundi hidhattootaan ukkaamfamanii fudhamuun ni yaadatama.

Bitootessa, bara 2025 ammoo Aanaa Dagam bakka Alii Dooroo jedhamutti otobisii gara naannoo Amaaraa imalaa turerratti haleellaa hidhattootaan banameen imaltoonni 56 ukkaamfamanii fudhatamuun himameera.

Torbee darbe gara dhumaarras bakkuma kanatti haleellaa otobisii geejiba namaarratti raawwatameen imaltoonni hedduun hidhattootaan butamnaii fudhatamuun gabaafamaa ture.

Tulluu Milkii fi Alii Dooroo maaliif bakka buttaa hidhattootaa ta'e?

Haleellaa konkolaattotarratti raawwatamuu fi bakkeewwan godina kanatti imaltoonni itti butaman keessaa iddoowwaan lamaan kun bakka irra deddeebiin maqaan isaanii ka'udha; Tulluu Milkii fi Alii Dooroo.

Iddoowwan kunneen magaalota aanaalee bakka waraanni mootummaa irra hedduu bufatu irraa bahanii bakka argamaniidha.

Alii Dooroo ammoo bakka teessuma lafaa irraan gadee fi tabba qabu waan ta'eef bakka konkolaachistoonni of eeggannoo fi suuta konkolaachisuuf itti dirqamanidha.

Kana malees daandii aspaaltii kanaan duubni lafa gammoojjii waan ta'eef hidhattooni namoota ukkaamsan dafanii miliqsuuf waan mijatuufidha.

Iddoowwan Imaltoonni konkolaataa keessaa buufamanii itti butaman kun Finfinnee irra fageenya Km200 gadi ta'erratti argamu.

Haleellaan imaltootarra gahu kun ammoo irra caalaan otobisootaa fi konkolaattota geejjiba ummataa irratti kan xiyyeefatudha. Kunis namoota hedduu bakka tokkotti ukkaamsanii fudhachuuf mijataa ta'uurraa kan madde fakkaata.

Qiyyaafannaan hidhattoonni konkolaattota otobisii irratti taasisan kun haleellaa sabummaa irratti xiyyeefatedha jedhanii kanneen qeeqanis jiru. Sababnisaa ammoo konkolaattonni otobisii kun irra hedduun gara magaalota naannoo Amaaraa kan imalan waan ta'eefi.

Haata'u malee, hidhattoonni kunneen yeroon imaltootuma geejjiba uummataa magaalota godinichaa irraa imalan ukkaamsanii fudhatanis tureera.

Torbee lamaan dura Aanaa Sulultaa bakka Gorfoo jedhamuun beekamutti konkolaattota minibaasii ugguruun imaltoota hedduun fudhatamanii ture.

Daandiin guddichi Finfinneerraa Shawaa Kaabaa keessa qaxxaamuree gara Naannoo Amaaraa deemu kun daandii sochii guddaa qabuu fi murteessaa kan ta'edha.

Yeroo tokko tokko daandii kanarratti raayyaan ittisaa bakka bakkatti eegumsa yeroo godhu ni mul'ata.

Haata'u malee, eegumsi daandii kanarratti taasifamu yeroo hundaa fi gahaa ta'uu dhabuun haleellaa keessummeessuun daandii imalaaf yaaddessaa ta'e akka ta'u godheera.

Yeroo adda addaatti haleellaa, saamicha, imaltoota ukkaamsanii fudhachuun daandii kanarratti yeroo raawwatamu irra deddeebiin gabaafamus yeroo rakkoon mudatu gama godinichaatiin odeeffannoon ibsamu hin jiru.

Waa'ee namoota dhibbaan lakkaa'aman hanga ammaatti daandii kanarratti butamanii fi rakkoo daandii kanaarratti mootummaan callisaan irra darba. Imalaanis imala dirqamaa yaaddoon guutame daandii kanarra imaluu hin dhiisne.

Qondaalli Godina Shawaa Kaabaa eenyummaan isaanii akka hin ibsamne gaafatanii fi dhimma rakkoo nageenyaa godinichaa irratti ji'oota muraasa dura BBCtti dubbatan.

"Hidhattoonni bakka Finfinneetti dhihoo jiru kanarratti rakkoo yoo geessisne dhageettii argannaa jechuun miidhaa geessisaa jiru. Gama kaaniin ammoo imaltoota naannoo Amaaraa ugguruun waldhibdee sabummaa akka uumamuuf xaaru" jedhanii ture.