Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Labsiin yeroo muddamaa dheerachuun na yaaddessa - KMNI
Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa labsiin yeroo muddamaa ji'a jahaan dura labsame dheereffamuunsaa akka isa yaaddessu hime.
Koomishinichatti koomishinara olaanaa kan tahan Dr Daani'el Baqqala mootummaan labsii yeroo muddamaa kana kan dheeressu yoo taheef mirgoota namoomaa irratti dhiibbaan qaqqabsiisuu danda'u yaaddessaa dha jedhaniiru.
Manni maree bakka bu'oota uummataa yaa'ii addaa Amajji 24/2016 A.L.I taasiseen sagalee caalmaan labsiin yeroo muddamaa ji'a jaha dura kaa'ame ji'oota dabalataa afuriin akka dheeratu murteesseera.
Dr Daani'el murtoon kuni darbuun dura yaada kennaniin kanneen rakkoo namoomaaf saaxilamaniifi mana murtiitti otoo hin dhiyaatiin yeroo dheeraaf kanneen mana hidhaa dabarsan irratti dhiibbaa uumaa jedhaniiru.
Koomishinarichi yaada X irratti kennaniin, ''manni maree bakka bu'oota ummataa fi mootummaan labsii yeroo muddamaa dheeressuun dura barbaachisummaa, seera-qabeessummaa fi madaalawaa tahuusaa akkaan qorachuu qabu,'' jedhaniiru.
Labsii yeroo muddamaa kuni dirqamaa akka tahuuf rakkoo mudateef ''mariin furmaata ijoo dha,'' jechuun gorsaniiru.
Naannoo Amaaraatti walitti bu'insa humnoota mootummaa fi hidhattoota gidduutti hammaachaa deeme hordofee naannichi mootummaan federaalaa gidduu akka seenu gaaffii dhiyeesseeni labsiin kuni kan kaa'ame.
Naannoo Amaaraa keessatti akkasumas ''naannolee biroo keessatti akka barbaachisummaa isaatti,'' hojiirra akka oolu labsiin bahe ji'a afuriin dheereffameera.
Koomishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa Onkolooleessa 19/2016 A.L.I baaseen Naannoo Amaaraa iddoo labsiin yeroo muddamaa hojii irra ooletti sarbamni mirgaa bal'aan raawwatamaa jira jedhee ture.
Koomishinichi naannichatti ajjeechaa fi gudeeddii dabalatee sarbamni mirgaa bal'aa raawwatamuu ibsee ture.
''Lolli kuni naannolee tokko tokko keessatti meeshaa waraanaa gurguddaa fi darbee darbee immoo haleellaa qilleensarraan kan deeggarame dha,'' jechuun ibsee ture.
Walitti bu'insa adeemaa jiruufi labsii yeroo muddamaan miseensoti mana maree naannoofi federaalaa mirga himatamuu dhabuu qaban baayyeen Naannoo Amaaraatii alattillee humnoota nageenyaan qabamanii hidhaa jiru.
Koomishinichi Naannoo Amaaraatti qabiinsa mirga namoomaa ilaalchisee gabaasa baaseen ''odeeffannoo qabatamaa fi madaalawaa irratti kan hin hundoofne,'' jechuun mootummaan komatee ture.
Mootummaan labsii yeroo muddamaa keessatti lammiileen buqqa'an gara jireenya isaanii idleetti deebi'uu akka danda'an, ''mirgi isaanii bu'uuraa haala fooyya'aa taheen akka eegamuuf,'' hojii seera kabachiisuu akka hojjetuu qabu hima.
Naannoo Amaaraatti humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti lola dhalatetu labsii yeroo muddamaa kanaaf sababa tahe ammallee iddoowwan naannichaa garagaraatti kan itti fufe yoo tahu raayyaan mootumma federaalaas bobba'ee jira.