'Mana hin turre malee silaa akkuma Abbootii Gadaa Karrayyuutti na ajjeesuuf turan' - Abbaa Gadaa Goobana Holaa

Abbaa Gadaa Tuulamaafi Barreessaa Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo kan ta'an Goobana Hoolaa Kamisa Mudde 22 halkan gara barii manni isaanii saamamuufi maatii isaanii keessaa ilmi isaanii qaamolee nageenyaa mootummaatiin qabamee hidhamuu BBCtti himan.
Haala biyyattiifi Oromiyaan keessa jirturratti dubbachuu isaaniif hordofamaafi doorsifamaa akka turan kan himaan Abbaan Gadaa Goobanaan, "halkan sa’aatii shanii hanga barii sa’aatii 12tti saamichi mana isaanii magaala Maqii jiru irratti raawwatamuu ibsan.
Hoogganaan Qajeelcha Poolisii Aanaa Dugdaa Inispektar Mohaammad Nashaa gama isaanitiin, maatii ijoollee Abbaa Gadaa hidhattoota waliin jiran to'achuun alatti saamichi qe'eesaaniitti humna nageenyaatiin raawwate akak hin jirre himan.
Abbaa Gadaa Goobanaan qe’eensanii magaalaa Maqiitti argamu qaamolee nageenyaan wayita sakatta’ametti mana akka hin turre himan.
‘’Mana hin turre malee silaa akkuma Abbootii Gadaa Karrayyuutti na ajjeesuuf turan,’’ jedhan.
Abbaa Gadaa Goobanaan ilmi isaanii umrii wagga 32 hidhattota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan Shanee jedhuun hoggana jedhamuun qaamolee nageenyaatiin akka himatamu ibsan.
Ilma isaanii hidhattootatti hidhata qabaachuun shakkamu waliin ganna afuriif wal quba hin qabu jedhu.
Qaamoleen nageenyaa mootummaa opporeshiiniin waraanaa hidhattoonni WBO Godina Shawaa Bahaa keessatti gaggeessaan hoggaana jedhanii himatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ilmasaanii ganna 32 kun to'annoosaaanii jalaa bahuu qaama mootummaattillee beeksisuu eeran.
Qaamoleen nageenyaa isaan himaatan kunneen ilma isaanii kan biraa iddo biraa jiraata jedhan tokko qabanii adeemuu fi waardiyyaasaanii reebu himatu.
Gama biraan qaamoleen nageenyaa mana isaanii yommuu sakatta'an alatti qabeenyasaaniis saamuu himatu.
"Mana kiyya seenanii kilaashii lama tokko kan kooti, tokko kan mootummaati, raasasa 115 kaartaa waliin, shugguxii tokko, birrii 200,000, warqii kiyyaa fi kan haadha warraa kiyyaa akkasuma moobaayilii lama na saaman’’ jedhan.
Waan isaan mudate Komishinii Poolisii Oromiyaa fi waajiraa Pirezedantii mootummaa naannoo Oromiyaatti dabalatee, waajjiraalee sadarkaan jiranitti iyyatanis qaamni furmaata kenneef akka hin jiree BBCtti himan.
Kanaan duras ji’oota lamaan darban qaamolee nageenyaatiin hordofamaa turuufi sababa kanaaf qe’eerraa baqachuu eeran. Ammas magaalaa Finfinneetti baqachuun haala qe'een isaanii keessa jiru quba akka hin qabne dubbatan.
Abbaa Gadaa Goobaanaan 'nageenyaa lallabaa akka turanii fi addatti paartiii siyaasaa deeggaran akka hin qabne dubbatu.
Hoogganaan Qajeelcha Poolisii Aanaa Dugdaa Inispektar Mohammad Nashaa,
‘’Nuti poolisii uummataati malee nama hin saamnu, ilmi isaa Foollee Goobanaa jedhamu obbooleessa isaa waliin caakkaadhaa bahee manatti galuu odeeffannoo argannee manasaa deemne,’’ jedhan.
Ilmi Abbaa Gadaa Goobaanaa to’achuuf akka barbaadan eeran garuu miliquu dubbatan.
"Ilmi isaa kun seelii diinaati, nyaata deddeebisaaf kanaaf ilma isaa to’anne,’’ jedhan Inispektar Mohammad.
Qabeenya Abbaa Gadaa Goobaanaan saamame jedhan ilaalchisee, ‘’Ayyaanni Oromoo isaatti haa ilaalu’’ jechuun waakkatan.
Inispektar Mohammad, ijoolleen Abbaa Gadaa Goobaanaa lama hidhattoota WBOtti makkamuu dubbatu .
‘’Ijolleen isaa lama diinatti makkaman. Ittigaafataman isaanii kan Godina Shawaa Bahaa ilmasaatii,’’ jedhan.
Abbaa Gadaa Goobaanaan ilmi isaanii kan of-danda'ee fi to'annaa isaanii jala akka hin jirre ta'uu qaama mootummaa akka beeksisan himanis Inispektar Mohammad garuu ''nu biratti hin himanne'' jedhan.












