Huutiin haleellaa doonirratti raawwatu akka dhaabu akeekkachiifame

Finciltoonni Huutii Yaman dooniiwwan daldalaa Galaana Diimaa keessa qaxxaamuran yoo haleeluu itti fufan balaan akka isaan mudachuuf jiru US, Ingilizii fi biyyoonni biroo kudhan akeekkachiisan.

Gareen irra caalaan isaanii biyyoota Lixaa ta'an kun ibsa waloo baasaniin haleellaan kun atattamaan akka dhaabbatu gaafatan.

Finciltoonni Huutii Iraan deeggaraman lola Hamaas Onkololessa darbe Israa'elirratti bane akka deeggaran ibsaniiru.

Sadaasa darberraa eegalee finciltoonni kun dooniiwwan daldalaa Galaana Diimaarra qaxxaamuran yeroo 20 ol haleelaniiru.

Huutiin misaa'ela, diroonii, bidiruu saffisaa fi helikooptarootaan haleellaa raawwatu.

Huutiin - yeroo baayyee sobaan - dooniiwwan kunneen Israa'el waliin hidhata qabu jedhu.

Doonii waraanaa Ameerikaa fi Ingilizii naannicha keessa jiran misaa'ela muraasa rukutanii kuffisuurra darbanii hidhattoota kana Yaman keessatti haleeluurraa of qusatanii turan.

Haalli sun geeddaramuuf jira.

Gareen biyyoota 12 - Awustiraaliyaa, Baahireen, Beeljiyeem, Kaanaadaa, Deenmaark, Jarman, Xaaliyaanii, Jaappaan, Nezerlaand, Niwuu Ziilaand, Ingilizii fi Ameerikaa of keessaa qabu kun Huutii ifatti akeekkachisan.

Biyyoonni kunneen haleellaa Huutiin Galaana Diimaarratti raawwatu ''seeraan alaa, fudhatama kan hin qabnee fi tasgabbii dhabinsa kan hordofsiisu'' jechuun ibsan.

Itti dabaluun biyyoonni kun akkas jedhu; ''dooniiwwan siiviilii fi dooniiwwan humna galaanaarratti itti yaadanii xiyyeeffachuuf sababni seera qabeessa ta'e hin jiru'' jedhan.

Huutiin dooniiwwan haleelu yoo itti fufe ''balaan mudachuuf deema’’ jechuunis himan.

Akkeekachisi kun iddowwan Huutiin misaa’elota itti kuufatanii fi furguggisan dabalatee Yaman tarkaanfii waraanaa irratti fudhatamuu akka danda’u doorsisutti hiikama.

Biyyoonni waliif michuu ta’an kun haleellaan kun ''atattamaan akka dhaabatu'' gaafatan, haleellaan kun karaa galaanarraa daldalli addunyaa %15 keessa darburratti yaaddoo kallattiin uumu ibsuun bilisummaan qaama bishaanirra dooniwwan akka hin imalle danqeera jedhan.

Yaaddoon amma jiru gatiin boba’aa dabaluu, dhiyeessiin meeshaalee hubamuu mala.

Manni Maree Geejjiba Doonii Idil-addunyaa akka jedhetti, dooniiwwan konteenara baatan % 20 Galaana Diimaarraa fagaachuun gama Afrikaa kibbaan imalaa jiru.

Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti Roobii darbe haleellaa Huutii balaaleffachuun, daran akka hin hammaanne akeekkachiifame.

Dhaabbatichatti Ambaasaaddarri Ameerikaa damee bulchiinsaafi haaromsaa Kiriis Luu, haleellaan kun ''nageenya galaanaarratti yaaddoo hamaa uumuu agarsiisa, geejjiba fi daldala idil-addunyaarratti dhiibbaa guddaa qaba'' jedhan.

Ambaasaaddarri Ameerikaa Kiriis, qoodni Iraan ''hundee rakkoo kanaati'' jedhan.

''Iraan haleellaa Huutii dheeressite,'' jedhan.

Iraan haleellaa kana deeggaruu haalte. Kun haala kanaan osoo jiruu, haleellaan xiyyaaraa biyyoota Lixaa Huutii Yamanirratti yoo baname deebii Iraan kennitu maal akka ta’uu danda’u ifa miti.

Huutiin dooniiwwan karaa ulaa Bab al-Mandab imalanirratti qiyyaafatte.