Roodiriin miidhama irra turerraa hangam dandamateera, yoom deebiya?

Roodirii Gaardiyoolaa waliin

Madda suuraa, Getty Images

Taphataan sarara gidduu Maanchester Siitii, Roodiriin bara darbe (2024) keessa gara caalu sababa miidhamaatiin osoo dirree seenee hin taphatiin xumure.

Sababa miidhama isaatiinis, Maanchester Siitiin kan bara kaan dabalatee walitti aansuun shaampiyoonaa ta'aa ture, qaawwan bakka taphataa lammii Ispeen Kanaan mullateen ga'umsa duraan qaburraa sigigaatee dabarse.

Leenjisaan kilabichaa Peep Gaardiyoolaan akka jedhetti taanaan, Roodiriin ammallee miidhaa isaarraa sirriitti waan hin dandamanneef gahumsa isaa sirriitti hin deebiyiin jira.

Kanaaf, akka leenjisaan kun jedhutti taphataan bara darbe badhaasa kubbaa miilaa addunyaarratti guddaa ta'e Ballon d'Or mo'ate kun hanga boqonnaa idil-addunyaa Fulbaanaatti "sirriitti gahumsa isaatti" deebiyuun isaa shakkisiisaadha.

Miidhaan Roodirii bara 2024-25 gara caalu osoo hin taphatiin akka dabarsu taasise ribuun (ligament) isaa miila isaa jilbaa oliifi jilbaa gadi jiru walitti hidhu ciccituu Fulbaana keessa isa mudate ture.

Tapha Piriimer Liigii bara darbee Maanchester Siitiin Bornimaawoz waliin taphatrerratti daqiiqaa dhumaa deebiyee taphachuuf yaalee ture.

Taphataan umuriin isaa wagga 29 ta'e kun dorgommii Waancaa Kilaboota Addunyaa Ameerikaatti ganna kana gaggeeffamerrattis Roodiriin taphattoota garee Peep Gaardiyoolaa keessaa tokko ture.

Tapha kanarratti garuu Maanchester Siitiin dhuma sadarkaa 16 irratti kilaba Sa'ud Arabiyaa Al-Hilaaliin mo'amee keessaa gaggeeffame

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Roodiriin Waancaa Kilaboota Addunyaarratti tapha Al-Hilaal waliin turerratti boqonnaan booda jijjiiramee seenee ture, haata'u malee osoo hin turiin yeroo daqiiqaa dabalataarratti deebi'ee bahe. Kun ammoo miidhaa duraan keessa turerraa osoo hin taane, miidhamahaaraa mudaammuddii isaarra isa mudate ta'a jedhamee yaadama.

"Roodiriin foyyaa'aa jira, garuu tapha dhumaa Al-Hilaal waliin turerratti miidhame," jedhe Gaardiyoolaan.

"Guyyoota muraasa darban keessa haala foyyaa'aa ta'een leenjiirra ture. Boqonnaa iddil-addunyaa Fulbaanaan booda, sirriitti gahumsa isaatti ni deebiya jedheen abdadha."

Maanchester Siitiin tapha Piriimer Liigii kan bara 2025-26 Wolviis waliin Hagayya 16 jalqabuun, osoo boqonnaan idil-addunyaa Fulbaanaa hin gahiin Tootenhaam fi Biraayiten waliin taphata.

"Taphoota kanneen keessatti daqiiqaawwan muraasa ni taphata jedheen abdii qaba. Haata'u malee, wanti gaariin amma dhukkubbiin itti dhaga'amaa jiru hin jiru. Nutis Roodiriin miidhama isaa qabatee akka deebiyu hin barbaadnu. Hanga dandeenyu obsinee eegna malee osoo sirriitti hin fayyiin akka deebiyu gochuu hin barbaadnu," jedhe Peep Gaardiyoolaan.

"Yeroo darbe marsaa lama nu waliin leenji'eera, kun ammoo oduu gaariidha."

Taphataan Maanchister Siitii Roodiriin badhaasa Ballon d'Or bara 2024 kan mo'ate yeroo jalqabaaf ture.

Bara dorgommii darbe kilaba isaa Maanchister Siitiif tapha tokko qofa osoo hin taphatiin kan hafe Roodiriin biyyi isaa Ispeen waancaa Awurooppaa akka mo'attuuf shoora olaanaa bahateera.

Dabalataan waancaa Piriimer Liigii, Suupper Kaappii Awurooppaa fi Kilab Woorlid Kaappi [Club World Cup] Maanchister Siitii waliin mo'ateera.

Seenaa kilaba Maanchister Siitii keessatti taphataa yeroo jalqabaaf badhaasicha mo'ates taheera.

''Anaaf, maatiikoo fi kilaba koof guyyaa addaati'' jechuun miira keessa galee kan dubbate Rodiriin miidhama irra waan jiruuf Diroogbaatu gargaaree gara wal-tajjiitti baase.

''Har'a guyyaa injifannookoo osoo hin taane kun kubba miilaa Ispeeniifidha, taphattoota hedduu osoo badhaasichi isaaniif maluu dhabaniif taha. Isaan keessaa kan akka Andires Ineshtaa, Zhaavii Hernaandez, Iker kaasiyaas, Serjiyo Buskeet, taphattoota baay'ee.

Kun kubba miilaa Ispeenii fi taphattoota sarara gidduu hedduufidha'' jedhe.