Leenjisaan Niwukasil Isaakiin garechatti akka hin daballe himaniiru, akkam ta'a?

Madda suuraa, Getty Images
Leenjisaan Niwukasil Yunaayitid Edii Haaw jifataa kilabichaa kan ta'e Aleksaandar Isaak garecha keessatti akka hin hirmaachisne ifatti dubbataniiru.
Taphatichi carraa jiru akka barbaaddatu erga ibsee booda Liiverpuul paawondii miiliyoona 110 Niwukasiliif dhiheessus hin milkoofne.
Isaak tapha dorgommii idileen dura taasifamu (pre-season) biyyoota Eeshiyaatti gaggeeffamaa ture irratti hin hirmaanne.
Akka sababaatti kan ka'u ''xiqqoo sarbaa isaarra akka miidhamedha.''
Taphataan umrii waggaa 25 kun garuu kilabasaa duraa Riyaal Soseedaad keessatti addatti shaakallii taasisaa ture.
Edii Haaw duratti amala dhibaahummaa taphataa kamirraayyuu akka hin eegnee fi taphattoonni hundinuu bakka tokkotti gareedhaan shaakala hojjechuu akka qaban akeekkachiisanii turan.
Leenjisaan kun tapha Jimaata kaleessaa Ispaanyol waliin goolii lama walqixa ba'an booda wayita yaada kennan ''marii gaggeessineen haala amma jiruun garee waliin akka hin hirmaanne beekameera. Murteen kun hangam akka turu hin beeku, garuu ammaaf kanatu jira,'' jedhan.
Yeroo ammaa rakkoo ga'umsaa fi qaamaa kan hin qabne Isaak adabamee akka hin jirre dubbatan Haaw.
Garuu taphataan lammii Siwiidiin kun taphattoota Niwukasil hafan waliin boodarra akka shaakala hojjetu taasifamuu himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ganni kun Niwukasil Yunaayitidiif gaarii hin turre. Gabaa taphattootaan hin milkoofne. Beenjaamiin Sheeskoo, Huugoo Ekitiikee, Jaawoo Peedroo fi Jeemsi Tiraafoord tokkoonsaaniiyyuu of harka galfachuu hin dandeenye.
Amma ammoo inumaa taphataan kilabichi akkaan abdatu madda rakkoo ta'eera.
Haalli Aleksaandar Isaak Niwukasilitti qormaata guddaa ta'eera.
Amma hojii guddaan Wiiliyaam Osuulaa irratti kufeera. Kilabicha yaaddoo keessa kan galche dhimma Isaak qofa miti.
Kilabichi gooli eegaa Raamsideel Saawuzhampitan irraa ergisaan fudhatus gidduurratti qaawwa qaba.
Akkasumas Sewuung-suu Paark kilaba Suwon Samsung Bluewings jedhamurraa mallatteessiifatus ammallee ga'aa miti.
Taphataan Kooriyaa Kibbaa kun garee jalqaba hiriiranii taphatan waliin hiriiree faana deemuuf ga'umsa isa dandeessisurra hin geenye.
Kilabichi sarara gidduurraa Siyaan Loongistaaf ji'a darbe Liidsi Yunaayitiditti gurgureera.
Jooyi Wilook ammoo miidhama qaba. Torban afur hanga ja'aa tapharraa tursiisuu danda'a.
Jooyilintan fi Saandiroo Tonaalii tapha Atileetikoo Maadiriid waliin taphachuuf deemaniif kaa'aman. Kanaafuu hojii guddaan Targett fi dursaa garee taphattoota kilabichaa Biruunoo Gimareezh irratti kufe jechuudha.
Kun kan agarsiisu Niwukasil Yunaayitid jifataa qofa osoo hin taane utubaallee akka isa barbaachisudha.
Yeroo ammoo deemaa jira. Jijjiirraan taphattootaa Fulbaana 1 cufama.












