Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sheekni beekamaan umurii ganna 96tti boqotan Yusuf Al-Qaradawi eenyu?
Masiriitti dureen amantii Islaamaa- Msulimoota Sunnii gameessi Sheek Yusuf Al-Qaradawi umuriisaanii waggaa 96tti Qataar keessatti du'aan boqochuu marsariitiin isaanii ibseera.
Dureen amantii Islaamaa Yusuf Al-Qaradawi jaarmiyaalee barnoota amantii Islaamaa hedduu addunyaaf gumaachuun maqaan saanii ka'a. keessaa tokko Jaarmiyaa beektota Muslimaa Idil-addunyaa ( International Union of Muslim Scholars) kan jedhamuudha.
Gameessi amantii Islaamaa kun garee warraaqsaa biyya Masrii- Muslim Brotherhood jedhamutti hoogganaa afuuraa turan.
Waggoota hedduuf sagantaa qabiyyee amantiirratti xiyyeeffate kan bilbilaan kallattiin galuun Al jazeera irratti dhiheessaniin beekamu, sagantaan kun namoota miiliyoona kurnaan lakkaa'amantu hordofu.
Deeggartoonni isaanii Al-Qaradawi'n duree amantii yaada qajeelaa fi madaalawaa qabuudah jedhu, warri lixaa fi biyyoonni Galoo galaanaa ammoo mankaraarsaadha jechuun maqaasaa xureessan.
Namni kun haleellaa 9/11 kan US keessatti garee al-Qaa'idaan hidhata qabuun raawwatamuun himamu balaaleffatanii turan.
Akkasumas warraaqsa miira dimokiraasii of keessaa qabu kan Masrii, Liibiyaa fi Siiriyaa keessatti bara Warraaqsa Biyyoota Arabaa (Arab Springs) gaggeeffamaa ture dursummaan deeggaraa turan.
Weerara Ameerikaa bara 2003 hordofee Muslimoonni akka lolan gaafachaa kan turan Yusuf Al-Qaradawi, warraaqsa Intifada lammaffaa jedhamu kan warri Palastaayin warra Israa'el irratti ka'an kan bara 2000 eegale keessatti, haleellaan boombii badanii balleessuu warra Paalsataayiniin raawwtaame amantii Islaamaan ni deeggarama jechuun yaada kennanii ture.
Bara 2004 gaaffii fi deebii BBC walin taasisan keessatti, ''Oppireeshiniin wareegama akkasii of keessaa qabu haqa Rabbiif dhaabbachuu agarsiisa jedheen yaada,'' jedhan.
Garee seeraan ala jedhame- Muslim Brothehood waliin michoomuu fi hooggantoota Masrii qeequun isaanii, osoo bara 1961 gara Qataar hin imalin dura, biyyasaanii keessatti hidhaa fi dararaaf isaan saaxileera.
Hanga bara 2011 mootummaan Hosni Mubaarak warraaqsa uummataan aangoorraa ka'utti Masrii deemanii hin beekan.
Namoota hiriira ba'an akka deeggaran karaa TV ibsaa turan, akkasumas qaamoleen nageenyaa hiriirtota akka hin dararre dura dhaabbachuun mormaa turan.
Hosni Mubaarak aangoorraa kaafamuu torbee tokko dura adda babayii Tahriiritti hiriirtota kumaa kitila dura dhababachuun salaata Jum'aa salaachisaa turan.
''Warraaqsi kun akka isin jalaa hin butmane eenyuufuu hin eeyyaminaa. Abbootiin irree fi sobdoota kunneen fuula jijjiirratanii dhufuu malu,'' jechuun hawaasa hiriiraa ba'eef dhaaman.
Bara 2013 wayita mootummaan karaa dimokiraasii filatame- Mootummaan Mohammad Mursiifonqolchaan aangoorraa kaafamu ammas biyyaa baqatan.
Warraaqsa uummataa booda aangoo kan qabatan Mohaammad Mursii dursaa Muslim Brotherhood turan.
Qaradawi'n garee fonqolcha mootummaa raawwatan mormuun, mootummaan Mursii hatattamaan akka aangootti deebi'u gaafataa turan.
Bara 2015 manni murtii Masrii Qaradawi fi namoota biroo kurnaan lakkaa'aman, warraaqsa bara 2011 irratti namoota hedduu mana hidhaatii cabsanii baasan jechuun bakkasaan hin jirretti adabbii du'aa itti murteessee ture.
Qaradawi adabbiin kun waan hiika hin qabneedha jechuun kuffisaniiru.
Mootummoonni Masrii, Sa’uudii Arabiyaa, Baahireen fi Yunaayitid Arab Emireets Qaradawi'n bara 2017 shororkeessummaadhaan himataniiru, sababa kanaanis Qaxar irra uggura kaa'aniiru.
Dureen amantii kun himannaa shororkessummaa isaanii kuffisaniiru, Qataaris dabarsitee hin kennine.