Pirezidantiin Iraan yoo mataa haguuggatte malee jechuun gaazexeessituu CNN'tti dubbachuu didan

Pirezidaantin Iraan Ibraahim Raa’isiin Niwuyoorkitti gaazexeessituu CNN Kiristaan Amaanpur wajjin gaaffif deebii gochuuf beellamatanii mataa kee yoo haguuggatte malee si wajjin hin taa’u jedhanii didan.

Kanarraa ka’uun Kiristaan Amaanpur gaaffiifi deebicha haquu beeksiste.

Pirezidantota Iraan kanaan dura isheen Iraanin alatti gaaffif deebii wajjin gaggeessite keessaa namni mataa ishee akka haguuggattu ishee gaafate akka hin turre dubbatte Amaanpur.

Gargaaran pirezidant Ibraahim Raa’isii sababa haala yeroo ammaa Iraan keessa jiru irraa kan ka’e mataa ishee haguuggattee pirezidaantichaaf gaaffiif deebii akka dhiyeessitu akka isheetti hime dubbatti gaazexeessituun buleettin CNN kun.

Iraan keessatti dubartiin mataa ishee hin haguugganne jedhamtee hidhamte reebicha irra gaheen of wallaaluun boodarra du'uu hordofee biyyattii keessatti mormii ka’een namoonni hedduu du’anii jiru.

Mahaasa Aminii, dubartii ganna 22, torbee darbe mataa ishee hin haguugganne jedhamtee poolisiin erga qabamtee booda hospitaala galtee du’uun dhagahame.

Yeroo qabamtu sana poolisiin mataa ishee uleen akka reebe fi mataa ishee konkolaataa poolisitti buusanii miidhaa akka irraan gahan namoonni ijaan argan himanii turan.

Poolisiin garuu reebamuu ishee haalun “dhiibbaa onnee tasaatin” duute jedhe.

Du’a ishee hordofee mormiin Iraan keessatti ka’e har’a guyyaa torbaffaa qabatee jira.

Mormiin kun ittuma fufee magaalota biyyattii 80 keessatti gaheera. Sababa mormii kanaan namoonni 17 ajjeefamaniiru.

Gaaffiifi deebiin pirezidantii Iraan wajjiin taasifamuuf ture kun yeroo jalqabaaf yeroo isaan Yaa'ii Walii Galaa UN irratti hirmaachuf gara US dhufanittidha.

Kiristaan Amaanpur akka jettetti osoo isheen Ibraahim Raa’isii wajjin gaaffiif deebii gochuuf qophooftee teessee eegaa jirtuu gargaaraan pirezidantichaa dhufee akka isheen rifeensa mataa ishee haguuggattuufi pirezidaantichi yoo isheen mataa ishee haguuggatte malee akka hin dhufne itti hime.

“Kanan jiruu Niwu Yoork bakka seerri ykn aadan mataa kee akka haguuggattu si hin dirqisiifnedha,”jechuun fuula tiwiitara ishee irratti barreessite Amaanpur.

Ibraahim Raa’isiin bara darbe pirezidantii Iraan ta’uun filataman.

Iraan keessatti dubartiin rifeensa mataa ishee haguuggachuun dirqama ta’us dubartoonni baay’een mormii dhageessisaa jiru.

Hedduun isaanii rifeensa duwwaa suuraa fi viidiyoo miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaa jiru.