Aangawooti Gamtaa Afrikaa, IGAD fi biyyoota adda addaa Maqalee seenan

Madda suuraa, Tigrai Television
Bakka buutonni Gamtaa Afrikaafi aangawaa IGAD waliigaltee nagaa mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti akka mallattaa'u carraaqaa turan akkasumas aambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa Naannoo Tigraay magaalaa Maqalee seenan.
Kaayyoon ijoo aangawoota Gamtaa Afrikaafi IGAD hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa baatii tokko dura mootummaafi TPLF gidduutti raawwate hordofuudha.
Miniseerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa midiyaa hawaasaa isaarratti baaseen, Barreessaa Olaanaan IGAD Dr Warqiinaa Gabayyoon tarsiimoo waloo qaamoleen lamaan irratti waliigalan ifatti eegaluuf Maqalee seenan jedhe.
Itti dabaluunis, waliigalteen taasifamee kana deeggaruuf kutannoo waajjirrisaanii qabu irra deebiin kan mirkanneessan akka ta’e dubbi himaa IGAD eeruun ibse waajjirichi.
Torban darbe bakka buutonni Gamtaa Afrikaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF waliigalteerra akka gahan jaarsummaan gargaaraa turan guyyoota itti aanan gara Naannoo Tigraay Maqalee akka deeman ibsanii turan.
Qaamolee nagaan akka bu'u sochii taasisaa jiran keessaa dhaabbati IGAD tokkodha.
Mootummaa federaalaafi bakka bu’oota TPLF jidduutti baatii darbe erga Afriikaa Kibbaatti waliigalteen nagaa mallattaa’een booda, waluma jalaan tarkaanfiiwwan waliigalticha hojiirra oolchuu fudhamaa jira.
Waliigaltichis humnoota Tigraay hidhannoo hiikkachiisuufi humnoota raayyaa ittisaatiin ala ta’an naannoo Tigraay keessaa baasuu dabalatee, tajaajilawwan hawaasaa waggoota lamaaf naannichatti adda citan deebiisanii eegalchiisuu kan hammatuudha.
Kana malees, ambaasaaddaroonni biyyoota Afrikaa fi Awuroopaa biyyoota 30 ol irraa walitti dhufan Maqalee qubachuun isaanii gabaafameera.
Ministirra Haqaa Itoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiyoos ambaasaaddaroota biyyoota adda addaa waliin Maqalee akka seenan miidiyaan naannichaa gabaaseera.
Gorsaan Nageenya Biyyaaleessaa MM Abiy Ambaasaadar Reediwaan Husseen torban kana keessaa toora tiwitara isaaniirratti akka barreesaniitti, humni nageenyaa federaalaa hanga Kamisa har’aatti Maqalee seenuun itti-gaafatamummaa isaa gutummaan bahu itti fufa jedhaniiru.
Hanga yoonaatti humni nageenyaa federaalaa Maqalee seenuu isaa ilaalchisee gama mootummaa wanti jedhame hin jiru.
Gamtaan Afrikaa waraanni kun dhaabbatee nageenyi bu’uun tajaajiloonni hawaasaa Tigraay keessatti adda citanii turan akka deebi’aniif waliigalteen nagaa kun akka mallattaa’u gochuu keessatti gahee olaanaa baheera.
Jilli qondaalota olaanoo mootummaa Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa Obbo Taaggasa Caafootiin durfamee yeroo jalqabaatiif gaafa Wiixataa gara naannichaatti imaluun daawwachuun isaanii ni yaadatama.
Yeroo kanattis hawaasi akkasumas aangawoonni TPLF tajaajiloonni bu'uuraa akka eegalan gaafatan.
Jila mootummaa federaalaarraa imalan keessaa aangawoonni Baankii Daldalaa, Itiyoo Telekoom, Daandii Qilleensa Itoophiyaafi kaan turani.
Daawwannaa qondaaltoota mootummaa kanaan booda hojiiwwan tajaajilawwan hawaasaa naannichatti adda cite ture deebisanii eegalchiisuun akka raawwatamuuf MM Abiy Ahimad waajjiraalee federaalaa hedduuf ajaja dabarsuu Ambaasaaddar Reediwaan barreessuun ni yaadatama.
Haaluma kanaanis balaliinsi imaltootaa daandii qilleensa Itoophiyaa erga raayyaan ittisa biyyaa Maqalee gadhiisee bahee booda baatiiwwan 18’f adda citee ture guyyaa Roobii yeroo jalqabaatiif gara Maqaleetti eegale.

Madda suuraa, Getty Images
Tajaajilli bilbilaas guyyaa Roobii kaleessa Magaalaa Maqaleetti deebi'eera.
Akkasumas tajaajili intarneetii murtaa’e Magaala Maqaleefi Shireetti deebii’u BBC jiraattoota irraa odeeffateera.
Bu’uraaleen misoomaa kanneen akka tajaajila bilbilaafi baankiiwwanis haaluma waraana duraatti naannichatti deebiisuufi hojjiiwwan balinaan hojjatamaa jiraachun mootummaan himameera.
Waraanni Kaaba biyyattiitti waggoota lamaaf gaggeeffamees lubbuu lammiilee kumaatamaa balleessuun alatti badiinsa qabeenyaa olaanaa qaqqabsiiseera.












