Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa hanga Kamisaatti Maqalee seenuuf jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa hanga Kamisa Mudde 29, 2022tti magaalaa guddoo naannoo Tigraay kan taate Maqalee seenuun ittigaafatamummaa irraa eegamu akka bahuu eegalu ibsame.
Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa MM Abiy Ambaasaadar Reediwwan Huseen akka jedhaniitti, raayyaan ittisa biyyaa torban kana keessa Maqalee ni seena jedhamee eegama.
Haaluma waliigaltee nagaa yeroo lammaffaaf Naayiroobii irratti taa’ameen, loltoonni TPLF meeshaa waraanaa gurguddaa hiikkachuu akka eegalan Ambaasaaddar Reediwaan ibsaniiru.
Mudde 26, 2022 yeroo jalqabaatiif jilli aanga’oota mootummaa Af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota uummataatiin durfame erga Maqalee gahee deebi’een booda, Ambaasaaddar Reediwaan Huseen karaa toora miidiyaa hawaasaa isaanitiin dhimmoota ittaanuun raawwataman himan.
Jilli aanga’oota mootummaa federaalaa dureewwan dhaabbilee tajaajilawwan bu’uuraa dhiyeessan of keessatti hammatees magaalaa Maqaleetti aanga’oota TPLF waliin haala hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa irratti mari’achunsaanii gabaafameera.
Ambaasaaddar Reediwaan akka jedhaniitti, jilichi erga Maqaleedhaa deebii’een booda Ministira Mummee Abiyiif ibsa kennuu eeruun, MM Abiyis tajaajilwwan bu’uuraa naannicha keessatti deebiisanii eegalchiisuun cimee akka itti fufuuf ajaja kennaniiru jedhan.
Haaluma kanaanis Daandiin Qilleensaa itoophiyaa Muddee 28, 2022 irraa kaasee tajaajila geejiba qilleensaa kennuu akka eegalu beeksiiseera.
Itiyoo-Telekoomis gamasaatiin hojiiwwan isaa naannicha keessatti hojjataa jiru ilaalchisuun ibsa akka kennuu eegamaa jira.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Marii Maqaleetti miseensoota jilla aanga’ota federaalaafi bakka bu’oota TPLF jidduutti taasifame irratti, dursaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa’eel waliigalteen taasifamee guutummaan hojiirra akka oolfamuuf, humnootiin Eritraafi naannoo Amaaraa naannicha keessaa akka bahaniif gaafataniiru.
Kana malees imalli aanga’oota mootummaa federaalaatiin gara Maqaleetti taasifame kunis waraanaa Tigraayitti gaggeeffamee xumura itti gochuuf waliigaltee irra gahameef tarkaanfii murteessaa akka ta’e qondaallii olaanaan TPLF Obbo Geetaachaw Raddaa karaa midiyaa hawaasaatiin barreessanii ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama Tigraayiin waliigaltee nagaa taasifamee hojiirra oolchuuf kutannoon jiraachu ibsuun, gama lamaaniinuu wal amantaan uumamuu ibsaniiru Obbo Geetaachoon.
Wal amantaan umamuu isaatiin ammoo agarsiiftuun jilli aanga’oota federaalaa gara Tigraay yoo imalaniitti tokkoonsaanii akka eegumsii cimaan taasifamuuf akka hin barbaannee eeraniiru.
Waraanni kaabaa Itoophiyaa waggoota lamaaf gaaga’ama olaanaa qaqabsiisee ture dhaabuuf jaarsummaa Gamtaa Afriikaatiin Afriikaa Kibbaa Piritotiyaatti qaamoolee lamaan jidduutti waliigalteen nagaa yeroo jalqabaatiif mallattaa’uun ni yaadatama.
Isaan booda qaamooleen lamaanu dhimmoota tarree waliigaltee irra gahame hojiirra oolchuuf kan isaan dandeessisuu irratti mari’achuuf hajajjoonni waraanaa Keeniyaa Naayiroobiitti wal agaruun mari’atanii ture.
Isaan booda yeroo lammaffaaf torba darbe keessaa bakka bu’oonni mootummaa federaalaafi TPLF erga Naayiroobiitti wal agranii deebii’aniin booda, jilli aanga’oota olaanoo mootummaa federaalaa kaleessa Maqalee dowwachuun yeroo jalqabaatiif fuldura marii taasisuun deebi’an.












