Atileetiin Yugaandaa Keeniyaatti waraanamee ajjeefame - gabaasota

Madda suuraa, AFP
Atileetiin Yugaandaa biyyasaa dorgommiiwwan Olompikii sadiirratti bakka bu'ee dorgome Keeniyaa keessatti du'ee argame.
Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti atileetiin kun waraanamee du’e.
Benjaamin Kiplaagaat, ganna 34, Olompikii Landanirratti fiigicha 3,000m’n sadarkaa walakkaa maayiirra gahee ture.
Atileetiin kuni magaalaa giddugala leenjii atileetota Keeniyaa kan taate Eldoreetitti lapheefi morma keessa waraanamee konkolaataa keessa akka argame gabaafame.
Poolisiin Keeniyaa haala ajjeechaa isaa baruuf qorannoo eegaluu beeksiseera.
Atileetiksiin Addunyaa du’a Kiplaagaatiin ‘’gudda rifachuufi gadduu,’’ beeksise.











