Xiyyaarri Itoophiyaa kufuun dura dhiphina imaltootarra gaheef maatiin beenyaa akka gaafatan murtaa'e

Maatii miidhamtoota balaa xayyaaraa

Madda suuraa, AFP

Xiyyaarri 737Maaks qabeenya Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ta'e kufee caccabuun dura imaltoonni keessa turan naasuudhaan dhiphina arganiif maatiin isaanii beenyaa akka gaafatan murtaa'e.

Abbaan seeraa murtoo 22/2015 A.L.I dabarsaniin maatiin dhiphina firoottan isaanii du'uun dura irra gaheef Booyingiin beenyaa gaafachuu danda'u jedhan.

''Imaltoonni xiyyaaricha keessa turan gara du'aa akka deemaa turan sababaan deeggaruun himuun danda'ama,'' jedhan Ameerikaatti abbaan murtii Ilinooyi, Jorji Aloons.

Booying gamasaaatiin imaltoonni otoo hin dhiphatiin dha kan lubbuu isaanii dhaban jedhe falmaa ture.

Lakkoofsa balalii ETH302 imaltoonni yaabbatanii turan xiyyaarri kufee caccabuuf akka tahe akka beekan ''ragaa sababaan deeggarametu'' jira jechuun abbaan seeraa murtoo isaanii dabarsaniiru.

Murtoo kanaanis maatiin miidhamtootaa Booyingiin beenyaa gaafachuu danda'u.

Abukaatonni miidhamtootaa gama isaaniin hojjettonnii xayyaarichaas tahe imaltoonni yeroo sanatti xayyaarichi kufee akka caccabuuf jedhu beekuun isaanii shakkii hin qabu jechuun mana murticha hubachiisaniiru.

A.L.I 2011 gaafa Bitootessa 01 xiyyaarri buufata xayyaaraa Boolee irraa ka'ee gara Naayiroobiitti balalii eegaluun daqiiqaa ja'a booda dha balaan kuni kan qaqqabe.

Balaa kanaan imaltoonni 157 biyyoota garaagaraa 35 irraa walitti dhufan lubbuun isaanii darbeera.

Booying balaa xayyaarota Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa fi kan Indoonezhiyaa irraa qaqqabe sababnisaa gahumsa balalistootaati jechuuN balleessaa qaamota biraatti qabachuunsaa qeeqa irratti kaasaa ture.

Waggaan lamaan dura oomishaan xiyyaaraa Booying kanneen du'aniif itti gaafatamummaa akka fudhatu beeksisee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gama biraan dhaabbatichi balaa qaqqabsiiseef mana murtiidhaan adabbiin akka irra hin kaa'amne gaafachuu dhiisuuf waliigalteerra ga'amee ture.

Bara darbe abbaan seeeraa Teeksaas balaa xiyyaara Booying 737 imaltoonni 346 lubbuu isaanii itti dhaban ija seeraan ''saaxilamtoota yakkaati'' jechuun isaanii Rooyitars gabaasee ture.

''Yakki Booying seenaa Ameerikaa keessatti warra sukaneessoo keessaati jedhamee fudhatamuu danda'a,'' jechuunis murtoo isaanii irratti barreessuu gabaasni kuni himee ture.

Waajirri Haqaa Ameerikaa Booying waliin waggaa lama dura waliigaltee taasiseen dhaabbatichi rakkoo dizaayinii keessoo xayyaaraan wal-qabatee akka hin himatmneef gaaddisa taheeraafi.

Kanaaf deebii akka tahuufis Booying mootummaa Ameerikaafi daandiiwwan xiyyaaraa balaan irra gaheefi miidhamtootaaf qarshii biiliyoona 2.5 adabamuuf waliigaleera.

Balaa waggaa afuriin dura qaqqabeef rakkonsaa kan sirna xayyaara Booying balalii to'atu tahuusaa Ministeerri Geejibaa fi Loojistiksii Itoophiyaa ji'ootaan dura ibsee ture.

Ministeerichi qorannoo balaa xiyyaara lakkoofsa balalii ETH302 ilaalchisee gochaa ture irratti gabaasa dhumaa Mudde 14/2015 baase irratti dha kana kan hime.

Balaa xiyyaaronni lamaan qaqqabsiisaniin booda biyyootni baayyee xiyyaara booyingiin balalii taasisuu dhaabanii turan.

Booying sirreeffama erga taasiseen booda garuu qorannoon barbaachisaa taasifamee erga yaaliin godhameen booda Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaara dhaabbata kanaan tajaajilamuu eegaleera.