Masfin Xaasawu hogganaa olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa ta'uun muudaman

Masfin Xaasawu

Madda suuraa, FBC

Ibsa waa'ee suuraa, Masfin Xaasawu hogganaa olaanaa ET ta'uun muudaman

Hogganaa Olaanaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa waggoota dheeraaf gaggeessaa turan, Tawalda Gabramaariyaam Roobii darbe aangoosaanii gadhiisuun booda Masfin Xaasawu hogganaa olaanaa dhaabbatichaa ta'uun muudaman.

Obbo Tawalde Gabramaariyaam itti gaafatamummaa isaanii gadhiisuuf akka sababaatti kan eerame haala fayyaasaanii ta'uu ergaa iimeelii hojjettoota dhaabbatichaaf barreessaniin eeraniiru.

Kana hordofee Obbo Tawalde dura waggoota dheeraaf Daandii Qileensa Itoophiyaa kan hogganaa turan Obbo Girmaa Waaqee, Obbo Abbaaduulaa Gammadaa bakka bu'uun dura taa'aa boordii manaajimantii Daandii Qileensa Itoophiyaa ta'uun muudamuun dhagaahame.

Kamisa ammoo Obbo Masfin Xaasawu hogganaa olaanaa Daandii Qileensa Itoophiyaa ta'uun muudamuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Obbo Masfiin Daandii Qilleensaa Itoophiyaa keessa waggoota 38 oliif kan tajaajilan yoota'u hogganaa olaanaa dhaabbatichaa ta'uun muudamuun dura daandii qilleensaa 'ASKY' hogganaa turan.

Daandiin Qilleensaa ASKY Toogoo magaalaa Loomee buufata kan godhatee fi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qooda (sheerii) dhibbeentaa 40 kan keessaa qabudha.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa miseensota boordii haarawas kan muude yoota'u, Obbo Takilawaldi Axinaafuu, Obbo Tamasgen Xiruneh, Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa fi Obbo Taaddasaa Xilaahun kanneen muudaman keessa jiru.

Obboo Tawaldan ji'oota jahaaf biyya Ameerikaatti wal'aansa fayyaa irraa akka turanii fi hojiisaaniis achumaa hojjechaa akka turan himameera.

Amma garuu haaluma gaaffii dafanii soorama bahuuf Obbo Tawaldan Boordii Garee Bulchiinsa Daandii Qilleensa Itoophoyaatiif dhiyyeessaniin, akka guutummaan haala fayyaa isaanii irratti xiyyeefataniif, gaaffii isaanii fudhachu ibsichi dhaabbaticha dabaluun himeera.

Obboo Tawaldan waggoota 35'f Daandii Qilleensaa Itoophiyaa keessa kan tajaajilan wayita tahu, waggoota 10 oliif ammoo Gaggeessaa Olaanaa (CEO) tahuun dhaabbaticha milkaa'inaan hooggananiiru.

Daandii Qilleensa Itoophiyaa bulchiinsa Obbo Tawalda jalatti

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa dorgomtoota isaa Afriikaa caalaa waggaadhaa gara waggaatti milkaa'inaafi bu'aa qabeessaa ta'uun sadarkaa olaanaa qabachuu danda'eera.

Waggoottan kurnan darban keessa daandiiwwan qilleensaa Afriikaa hedduun yoo kasaaraan mudachuun motummootaafi dhaabbilee biraa irraa deeggarsa gaafatan, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa garuu bu'aa olaanaa galmeessudhaan Afriikaa irra darbuun ardiiwwan biraa keessattiillee milkaa'ina gonfachuu danda'eera.

Dhaabbanni kun muxannoo waggoota 75 keessatti argateen Afriikaatti dursaa ta'uu kan danda'e yoo ta'u, milkaa'ina kanaanis Obbo Tawaldan hojjattoota dhaabbatichaa adda duraan gumaata taasisan keessaa akka ta'an waahillisaanii BBCn dubbise ibseera.

Keessattuu waggoottan lamaan darban wayita weerarri koronaavaayirasii damee imala qilleensaa haalaan miidheetti, daandiiwwan qilleensaa maqaa gaarii qaban osoo hin hafin rakkoo olaanaan mudatee ture.

Daandiiwwan muraasa hojjattoota isaanii yoo hir'isaniifi kaan ammoo yoo tajaajjila dhaabuuf dirqaman, Obbo Tawaldan ammoo Daandii Qilleensaa Itoophiyaa milkaa'inaan hogganuun tibba sanas bu'aa qabeessummaan akka itti fufan taasiisanii ture.

Tawalda Gabramaariyaam eenyu?

Obbo Tawaldan Hojii Gaggeessaa Olaanaa Dhaabbata Daandii Qilleensa Itoophiyaa ta'un hojii kan eegalan bara 2011tti.

Dhaabbaticha keessatti hojii kan eegalan ammoo bara 1985 gahee hojii geejjibaatti bakka bu'aa (Agent) ta'un ture.

Ittaansees daandii qilleensichaa keessatti itti gaafatamummaan eddoowwan adda addaa irra tajaajilaniiru. Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessatti Fe'umsaa (Cargo), Ofisara naannoo (Areal officer) akkasumas dameewwan beeksiisa gurgurtaa irratti hoggansa olaanaarra tajaajilaniiru.

Kana malees Obbo Tawaldan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) keessatti damee geejiba walitti fufiinsa qabuu keessa miseensa garee gorsiitootaa ta'uun hojjataniiru.

Akkasumas Dhaabbata Star Alliance keessatti miseensa boordii muummee ta'un, Waldaa Geejiba Idil-addunyaa (IAT) keessatti miseensa boordii ta'un alatti Waldaa Daandiiwwan Qilleensa Afriikaa (AFRAA) keessattis miseensa koree muummee ta'un tajaajilaniiru.

Kana malees Waldaa Imala Afriikaa (ATA) keessatti miseensa boordii fi Daareektaroota Dhaabbata Turizimii Itoophiyaa (ETO) keessatti miseensa boordii ta'un tajaajilaniiru.

Obbo Tawalda waggoota Hojii gaggeessaa daandii Qilleensa Itoophiyaa ta'uun tajaajila keessattis badhaasota hedduu argataniiru.

Badhaasawwan argatan kanneen keessaayis, hojii gaggeessaa mummee cimaa barichaa, Hogganaa daldalaa Afriikaa cimaa, badhaasa hoggansa daandii qilleensa qaxanichaa akkasumas hojii gaggeessaa cimaa kornayaa jidduu-galeessa taasisuun hojjatu kan jedhan isaan eeraman keessaayi.

Gama barnootaatinis Obbo Tawaldan digriisaanii jalqabaa Yunivarsitii Finfinnee irraa damee barnoota diinagdeen (Economics) argataniiru.

Digriisaanii lammaffaa ammoo Yunivarsitii Yunaayitid Kingdamiitti argamu Open University irraa Bulchiinsa daldalaa (Business Administration) argataniiru.

Kana malees bara 2019tti Yunivarsitii Finfinnee irraa doktarri kabajaa kennameeraaf.