Balaa Chaayinaatti mudate booda xiyyaaronni Boeing 'xiyyeeffannaan hordofamu' eegalan

Madda suuraa, AirTeamImages.com
Abbaan Taayitaa Aviyeeshinii Indiyaa erga balaan xiyyaaraa Baha Chaayinaatti mudatee booda nageenyummaan xiyyaara 737 'akkaan fooyya'uu' akka qabu gaafate.
Gareewwan ''adeemsa balali'uu, ga'umsa qilleensa keessaa fi oppireeshinii'' xiyyaarichaa hordofu erguus himeera.
Wiixata darbe namoota 132 qabatee Kibba Chaayinaatti kan kufe xiyyaarri Daandii Qilleensaa Baha Chaayinaa, hanga ammaatti namni lubbuun ba'e tokkollee hin argamne.
Lubbuu baraartonni guyyaa balaan kun mudaterraa eegalanii hojiitti jiru, garuu ammallee sababa balaa kanaa hin barre.
Balaa mudate booda Daandiin Qilleensaa Baha Chaayinaa xiyyaarota 737-800 qabu hunda akka hin balaliine dhorkeera.
"Balaliinsa xiyyaaraa keessatti nageenyummaan dhimma ijoodha, haala ture xiyyeeffannaan hordofaa jirra,'' jedha qondaalli Waldaalee Siivilii Indiyaa Arun Kumar.
Gama kaaniin Ejensiin Nageenyummaa Aviyeeshinii Gamtaa Awurooppaa ''hanga ammaatti xiyyaarri 737-800 rakkoo nageenyummaa qabaachuusaa odeeffannoo quubsaa hin arganne,'' jedheera.
Dubbi himaan ejensii kanaa bu'aa qorannoo erga hordofnee booda nageenyummaa balaliinsa xiyyaarichaaf waan tarkaanfii barbaachisu hunda ni fudhanna jedha.
BBCn to'attoota US fi Chaayinaa irraa yaada argachuuf yaaleera.
Dhaabbati US xiyyaara oomishu-Boeing- balaa Chaayinaatti mudate booda qorannoo gaggeeffamaa jiru tumsaa akka jiruu fi dhimma kanarratti Boordii Nageenyummaa Geejjibaa Biyyaalessaa US waliin dubbachaa akka jiru hime.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Hoogganaan Boeing David Calhoun "maamiloota keenya waliin walitti dhiyaannee hojjetaa jirra, akkasumas jaarmiyaalee to'attootaa waliinis. Qorannoo Bulchiinsi Siivil Aviyeeshinii Chaayinaa gaggeessu hundaaf deeggarsa kennaa jirra,'' jedhe.
Akka ragaa jaarmiyaa dhimma aviyeeshinii xiinxaluu Cirium jedhamuutti xiyyaaronni Boeing 737-800 jedhaman 4,208 kan ta'an tajaajila kennaa jiru.
Kanneen keessaa tokko afraffaan Chaayinaa keessatti argamu.
Jalqaba bara 1990oota keessa oomishamuu kan eegale xiyyaarri Boeing 737-800s, nageenyummaadhaan rikoordii jabaa qaba jedhama.
Xiyyaarri Wiixata darbe Chaayinaatti kufee caccabe umrii waggaa torbaa kan qabuudha.
Kubbaaniyyaan Boeing xiyyaaronni isaa 737 MAX jedhaman yeroo lama Itoophiyaa fi Indooneezhiyaa keessatti kufuun lubbuu namoota 346 erga galaafatee booda miidhaa irra ga'e jalaa dandamachuuf osoo ifaajaa jiruuti balaan kun kan mudate.

Madda suuraa, Reuters
Baankii Investimantii Cowen jedhamutti xiinxalaa kan ta'e Cai von Rumohr "Rakkoon Boeing kan xiyyaarota 737 MAX irratti dabalataan kan Chaayinaatti kufe kunis sababi isaa qixa sirrii ta'een hin ibsamu taanaan carraan maamiloonni ittiin imaluu dhabamaa deema,'' jedhe.
"Kanaafuu sababa balaa kanaa adda baasuun dhimma ijoodha.''
Wiixata darbe qofa galiin Boeing dhibbeentaa 3.5n hir'ateera.
Daandiin Qilleensaa Baha Chaayinaa akkaataa namoonni ittiin odeeffannoo namoota xiyyaaricharra turanii argatan diriisruu himeera, hojjettootaa fi imaltoota lubbuunsaanii darbeef gadduus ibse.













