Puutin daangaa qilleensa biyyoota Gamtaa Awurooppaarra balali'uun akkamiin Hangaarii galuu danda'aa?

Puutin Hangaarii Magaalaa Budaapestitti Doonaald Tiraamp waliin torbanoota lamaan dhufan keessatti wal arguun mari'ata kan jedhu akka karooraatti qabameera.

Yoo kan dhugoomu tahe garuu dursee Putin danqaawwan of jalaa qulqulleessuu qabutu jira.

Ji'a Hagayyaa keessa yeroo Putin gara Alaaskaatti Wal gahii Anchoreg jedhamufuu imale Ameerikaan xiyyaara pirezidaantichaaf eeyyama addaa kennitee ture.

Xiyyaarri Putin fayyadamu Illuushiin il-96 ykn ''Flying Kremlin'' jedhamuun beekamti.

Injiinii afur qabdi. Qaamni xiyyaarichaa haleellaa kam akka ofirraa ittisuu danda'utti hojjetameera.

Xiyyaaronni Raashiyaa daangaa qilleensaa Ameerikaa fi biyyoota Gamtaa Awurooppaa keessa akka hin imalleef dhorkamaniiru.

Kanaaf Putin gara Budaapestitti kan balali'u yoo tahe eeyyama addaa biyyoota Gamtaa Awurooppaa irraa barbaada jechuudha.

Putin erga waraanni Yuukireen jalqabees tahu isa durayyuu gara biyyoota Gamtaa Awurooppaatti yeroo baay'ee hin imalu.

Hangariin ammoo biyya hulaa galaanaa hin qabnee fi biyyoota kaaniin marfamtee jirtu waan taateef biyyattii galuun isaaf salphaa miti.

Dubbii himaan Kireemliin Dimitirii Peskoov ''ammaaf waan goonu ifa miti jedhan.

''Ammatti waan beeknu pirezidaantonni lameen maree akkasii taasisuuf fedhii qabaachuu isaaniiti,'' jedhan.

Guyyaa Raashiyaan Yuukireen weerartee jalqabee Biyyoonni Gmataa Awurooppaa qabeenya Putinii fi Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Sergee Laavroov ugguran.

Xiyyaaronni Raashiyaa daangaa qilleensa biyyoota Gamataa Awurooppaa 27 keessa akka hin balaliine dhorkan. Hangariin mataan ishee miseensa NATOti.

Putin ijoollee Yuukireen seeraan ala biyyaa baasuun gara raashiyaatti galchuun yakka waraanaanis Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa irratti himatameera.

Kun imala Putin kana wal xaxaa taasisa. Hangariin marii kanaaf rakkoo jiru furuun danda'ama jettee amanti. Waan hundaafuu Hangariin miseensummaa ICC keessaa bahuuf adeemsa irra jirti.

Pirezidaantiin Hangarii Viiktar Orbaan gaggeessitoota Gamtaa Awurooppaa keessaa michuu dhiyoo Putinidha. Haalatti marii kana gaggeessan irrattis Putin waliin bilbilaan mari'ataniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Hangarii, Putin nagaan gara biyya isaanii seenuun marii isaanii gaggeessuun nagaan gara biyyaatti deebi'uu akka danda'an himaniiru.

Biyyoonni Gamta Awurooppaas mariin kun Tiraamp waliin waan gaggeeffamuuf waan danqaa itti tahan miti.

Koree olaanaan Komishinichaa mariin ''haqa qabeessaa fi Yuukireeniif nagaa waaraa fidu'' akka gaggeeffamu yaada Tiraamp ni deeggarra jedhan.

Qoqqobbii gurguddaa 19 dhiyeenya Raashiyaa irratti darbe akka gara mariitti dhuftuuf akka tahes ibse.

Ammoo qabeenya isaa uggurame malee Putin akka hin daangaa qilleensa isaanii keessa hin balaliine dhorkaan irratti hin dabarre jedhe.

Amma karaa kam goree imala isa jedhutu gaaffii tahe. Tikkeettii daandii Qilleensaa Sarbiyaa bitachuun Belgireed keessa erga gahee baaburaan gara Hangarii kallattumaan galuu danda'a. Kana ammoo Putin waan godhu miti.

Nageenya isaaf eyyama addaa xiyyaara isaa IL-96 jedhamtu fayyadamuu barbaada.

Kana gochuuf ammoo dhorkaa xiyyaarota Raashiyaa irratti biyyoonni Gamtaa Awurooppaa dabarsan cabsuu waan taheef eeyyama isaanii gaafata.

Dubbii Himtuun Komishinii Gamtaa Awurooppaa Anitaa Hiipper, ''kallattii imala isaa ilaalchisee, eeyyamni akka dhuunfaatti biyyoota miseensa Gamtichaa taheen kennamuu danda'a'' jette.

NATO ammoo Tiraamp dhimmicha keessa waan jiruuf qondaalota biyyoota gamtichaaf dhimmicha kan beeksisu taha.

Kaartaa Hangarii fi Raashiyaa yoo ilaalle Yuukireenii fi Poolaandi keessa kallattiin qaxxaamuruun hin danda'amu.

Carraan jiru gara Bahaatti imaluun karaa Galaana Gurraacha ykn 'Black Sea' imaluun karaa Tarkii goruun, Bulgaariyaa keessa bahuun Hangarii deemuudha.

Ykn ammoo Sarbiyaa fi Roomaaniyaa fayyadamuun Hangarii galuu danda'u.

Bulgaariyaa ykn Roomaaniyaan miseensa Gmataa Awurooppaa waan tahaniif eeyyama kennuu gaafata. Sarbiyaan miseensa Gamtichaa tahuuf kaadhimamteetti. Ammatti garuu miseensa waan hin taaneef balaliin kallattii gara Moskootti gaggeeffamu jira.

Yoo akaks tahe ammoo xiyyaara Putin kana daangaa qilleensa isaanii keessatti gaggeessuu qabu. Hulaa nagaa qabu yoo barbaade Putin gara Tarkii- Kibba Giriik-ol gara Moontenegirootti balali'uun osoo sarbiyaa keessa hin darbiin Hangarii galuu danda'a. Garuu baay'ee dheeraadha.