Yirgaacaffeetti misooma koridariif lafti awwaalchaa Muslimaa 'ni ka'a' jedhamuun komii kaase

Madda suuraa, YIRGACHFIE COMM.
Naannoo Kibba Itoophiyaa godina Geediyoo magaalaa Yirgaacaffeetti lafti awwaalchaa warra Musliimaa gariinsaa misooma kooridariif ni ka'a jedhamuun komii akka kaasee jiraattotaa fi walitti qabaan dhimmoota Islaamummaa magaalatti dubbatan.
Lafti awwaalchaa magaalatti Bilaal jedhamu daandii babal'isuufi ''lafa bashannanaa uummataaf,'' meetiriin 15 akka barbaachisu bulchiinsi magaalatti beeksisuu himan.
Lafti awwaalchaa waggaa 50'f ture daandii babal'isuuf meetira shan kan tahu ''biyyaaf'' jechuun eeyyamani kennamus meetirri 10 dabalataa barbaadamuun garuu mufii uume.
Bulchiinsi magaalatti misoomni hojjatamu waan hin hafne jechuun himeera.
Jiraataan dhimma kana dhiyootti hordofan hawaasni Musliimaa ''isa barbaadamuun ol'' hin kenninu jechaa jira'' jechuun komiin ka'e lafa bashannanaaf oola isa jedhameen akka wal-qabatu himaniiru.
Walitti qabaan olaanaa dhimmoota Islaamummaa Yirgaacaffee Hajii Jamaal Daarii hawaasa Musliimaa fi bulchiinsa naannichaa gidduu wal-dhibdeen uumamuu himanii, tattaaffiin garagaraa taasifamaa jiraachuu himan.
''Hawaasni meetira 15 taanaan awwalcha baayyee kaasa, meetira shan garuu ni kennina, isarraa kan hafe nuuf haa jijjiiramu gaaffii jedhu afaanifi xalayaadhaan kaaseera,'' jechuun kanas koreen hawaasni bakka buuse ''irra deddeebiin beeksissaniiru,'' jedhan.
''Mootummaan safarri kuni hin geeddaramu jechuun cufe. Uummata gad bu'aa amaniisaa hojii manaa jedhutu nuu kennamaa ture, uummanni ''isa daandii babal'isuuf kennamuu ala hin eeyyamnu ejjennoo jedhu qabateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hamma godinaattii caasaa ilaallatu hundumaa beeksifneerra,' jechuun garaagarummaa uumame ibsaniiru.
Lafa awwaalcha kanarraa lafti barbaadamu ''faawunteenii, lafa bashannanaa, cinatti ammoo suuqii'' akka ijaaran himuu jiraattonni dhimmichaaf dhiyaatan himaniiru.
''Awwaalchi kuni lafa ulaamaawwaniifi sheekonni itti boqotanii jiraniidha. Lafti awwaalchaa nu biratti kabaja qaba. Amantii keenyaan gamoo biraa ijaaruu dhiisiitii irra ejjechuuniyyuu akkaan dhorkaa dha,'' jechuun kabaja hawaasni lafa awwaalchaaf qaban himaniiru.
Hajii Jamaal lafti awwaalchaa ''bashannanaaf barbaadame awwaalcha baayyee kan kaasu dha. Humna keenyaanis waan danda'amu miti,'' jechuun karoorri kuni akka geeddaramu ummanni gaafachuu dubbataniiru.
Kantiibaan magaalaa Yirgaacaffee Obbo Taaddala Xilaahuun si'a shan walgahii taa'anii awwaalcha kana kaasuuf waliigalteerra gahamee akka ture eeruun guyyaa 10 keessattii lafeen gara iddoo boqonnaa akka ce'u waliigallee ture jechuun BBCtti himan.
Haji Jamaal garuu bulchiinis magaalichaa ''karoorri geeddaramuu hin danda'u'' deebii jedhu akka isaaniif kenne eeruun waliigalteerra otoo hin gahamiin gaafa Sadaasa 4/2015 A.L.I awwaalcha diiguun akka jalqabe himan.
Kanaanis naannicha jeequmsi ka'ee akka ture himan.
Dallaan gaafa jigu ''uummanni bahe'' kan jedhan Hajii Jamaal, keesumaa kanneen manni jalaa jigeefi awwaalchi maatii kan achi jiru ''dheekkamsaan,'' bahanii ture.
Kantiibaan gamasaaniin ''piroojekticha hojiirra oolchuun gatii barbaachiseef dafaa kaasaa jedhamanii, yeroo kennametti waan hin kaasneef, nuti dallaa kaasuuf yeroo deemnu wal-dhibdeen uumamee ture,'' jedhan.
Jiraataan naannichaa tokko yeroo dallaan jigu dargaggootaafi poolisii gidduu ''jeequmsi'' uumamee dargaggoonni 14 hidhaman jedhaniiru.
Walitti qabaan dhimmoota Islaamummaa deebiin kennamuu dhiisuun ''jeequmsi'' ture jechuun sababa kanaan namoonni hidhamuu mirkaneessan.
Booda garuu bulchiinsa magaalichaa waliin dubbachuun nama tokkoon ala kaan hundi hiikamuu himan.
Kantiibaan magaalattii mormiin baayyee kan hawaasa Musliimaa otoo hin taane misoomni kuni kara dogoggoraan akka ilaalamu kan godhan 'ajandaa fiinxaaleyyiiti,'' jedhanii amanu.
''Manni namoota dhuunfaa diigameera, dhaabbannii mootummaa jigeera. Kan amantiiwwan biroos jigeera.
Ajandaa biyyaa waan taheef dhimma karoora eeguuti. Kunimmoo marii kamiifu hin dhiyaatu,'' jechuun tarkaanfiin bulchiinsa isaanii akka hin geeddaramne himan.
Bulchiinsi magaalattii hamma gaafa Sadaasa 7 bakkicha dabarsaa kennaa waan jedhameef Haji Jamaa walgahii isa dhumaa akka godhan himaniiru.
Murtoo uummataas borumtaasaa bulchiinsa magaalattiif akka beeksisan Hajii Jamaal himaniiru.
Bilaal lafa awwaalcha cinati masjiida xiqqoo kan qabu yoo lafti guuturraan kan ka'e tajaajila awwaalchaa kennuu dhaabeera.












