Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sigiga lafaa Godiina Walaayittaatti mudateen namoonni 11 du'an
Naannoo Kibba Itoophiyaa Godiina Walaayittaa Aanaa Kaawwoo Kaayishaa keessatti balaa sigiga lafaa mudateen namoonni 11 du'uu bulchiinsi aanichaa beeksise.
Balaan kun guyyaa kaleessaa Hagayya 5, 2024 ganama kan mudate yoo ta'u rooba cimaa sa'aatii dheeraf rooben booda sigigni lafaa mudatee lubbuu namaa kan gaaga'e.
Bulchaa Anaa Kaawoo Kaayishaa kan ta'an Obbo Hisqi'eel Gootoroo BBCtti akka himanitti, namoota balaa sigiga lafaa kanaan du'an keessaa reeffi namoota jahaa yoo argamu, kanneen hafan ammayyuu akka hin baan.
Roobi cimaan itti fufee roobuu irraa kan ka'e sigigni lafaa biraa mudachuun ammoo barbaacha reeffa namoota hafanii akka danqe himan Obbo Hisqi'eel.
"Jiraattonni reeffa hafe baasuf yeroo bakkicha seenan sigigni lafaa biraa mudachuurraa kan ka'e [barbacha reeffaa] danqeera. Balaa biraa mudachuu mala sodaa jedhuufi gaddi dabalataa akka hin mudanneef jecha barbacha goonu addaan kunneera," jedhan.
Reeffa namoota hin argamanin hafanii har'a Hagayya 6 barbaachi akka taasifamu himan bulchaan aanichaa.
Torbee lamaan dura achuma naannoo Kibba Itoophiyaa Godiina Goofaa Aana Gazzee Goofaa keessatti sigiga lafaa mudateen namoonni 250 ol du'uunsaanii ni yaadatama.
Namoota shan sigiga lafaan du'an baasuf jecha jiraattonni naannichaa birmatanii isaan irratti sigigni lafaa biraa mudateen lubbuun namoota hedduu darbuu danda'e.
Yeroo ammaa godiinichatti gandoota garaa garaa bakkeewwan yaaddon balaa sigiga lafa jira jedhamee yaadame keessatti namooni heddu manneen barnootaa, dhaabbilee amantiifi firootansaanii bira akka qubatan godhamuu himu bulchaan aanichaa.
Hanga ammaatti maatin 153 qe'eesaanirraa buqqa'uun qubsiifamanii akka jiranis himan Obbo Hisqi'eel.
Godiinichatti sigigni lafaa yeroo garaa garaatti kan mudatu yoo ta'u, kan jiran yoo taa'u, Hagayya 3, 2024 balaa sigiga laga mudateen manni tokko jigee daa'imni waggaa 11 duutee haatishee ammoo miidhamtee waldhaansarra akka jirtu himan.
Bifuma wal-fakkaatun bara 2013 ALItti sigiga lafaa godiinichatti mudateen namoonni 4 du'anii ture. Bara 2005 ALItti balaa sigiga lafaa mudateen namoommi 11 yoo du'an bara 1998 ALItti Itoophiyaatti godiinichatti namoonni 15 balaa sigiga lafaan du'uu ibsan.