Mucaan ganna 13 bishaan km4 daakee maatiisaa 'lubbuun baase' jajamaa jira

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ol adeemaan umrii 13 haadhasaafi obbolaasaa lamaan qarqara galaana Awustiraaliyaatti bishaan fudhate oolchuuf garba dambali'u daakaa gargaartota yeroo balaatti eeruusaaf jajamaa jira.

Maatiin kuni hamma bubbeen dhufee miya isaanii dhiibuutti qarqara galaanaa Ji'oogiraaf Beey jedhamutti bidiruuwwan sasalphaadhaan bishaanirra asiifi achi yabalaa turan.

Mucaan ganna 13 kuni bidiruusaa pilaastiikaan yabale gargaartota yeroo balaatti beeksisuuf jedhu bidiruunsaa keessa bishaan seene jennaan km4 daakaan kute.

''Jabinaafi gootummaan maatiin kuni agarsiisan addadha. Keessumaa mucaan km4 daakee ''nuu birmadhaa'' jedhe...'' jechuun tola oolaan dhaabbata Maariin Reeskiwu Giruup hime.

Hogganaan dhaabbatichaa Pool Bireeslaand tattaaffi mucaan kuni taasise ''waan sammuu namaan olii'' jechuun ibseera.

''Sa'aatii lamaan jalqabaa jaakkeettii yeroo daakaa lubbuu baraaruun daakaa akka ture yaadata,'' jechuun ABCtti hime.

''Mucaan gootni kuni jaakkeettii kana uffachuun 'boodatti na hambisaa jira' jedhee yaadda'uun ofirraa gatee sa'atii lamaaf akkasumaan daake,''

Mucaan kuni gaafa Jimaataa sa'atii 12:00 warra lubbuu baraarutti beeksifnaan maatiisaa badan barbaaduuttii duulli jalqabame jedhe poolisiin Wiixata bahe.

Haati gurbaa kanaa dubartii ganna 47 ilmashee biraa kan ganna 12 fi intallishee kan ganna saddeetii barbaacha sa'atii lamaan booda maatiinsaa bidiruu isaaniitti maxxananii qarqara galaanaarraa km14 jiranitti heelikooptaraaan baraaraman.

''Bidiruun lubbuu baraartuu gara iddoo isaanii adeemuun sadan isaaniyyuu lubbuun hafanii deebi'aniiru,'' jedhe dhaabbanni Maariin Reeskiwu Giruup

Inspeektara Jeems Biraadlii taateen kuni bishaan galaanaa akkatti daddafee geeddaramuusaaf akeektuu dha jedhan.

''Gaarummaansaa sadan isaaniyyuu jaakkeettii lubbuu baraaru uffatanii ture, kunis lubbuun akka hafan sababa taheera,'' jechuun miidiyaa biyya keessaatti himan.

''Gochaan daa'ima ganna 13 kanaa waan dubbattee fixxu miti, kutannoofi cichoomisaa haadhaafi obbolaasaa oolche,'' jedhaniiru.

Maatiin ogeeyyii lubbuu baraartotaan erga ilaalamanii booda gara hospitaala dhihoo jirutti geeffamaniiru.

Boodarra maatiin kuni hospitaalaa bahanii garee tola oolaa lubbuu isaan oolche daawwataniiru.