Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gosti Covid JN.1 saffisaan tatamsa'aa waan jiruuf hordoffii feesisa-WHO
Gosti Covid kan kanaan dura jiru Omicron jedhamu keesaa ta'e sababa "saffisa guddaan tatamsa'aa jiruuf" hordofamuu feesisa jedha Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO). Gosti Covid kun JN.1 jedhama.
Gosti Covid JN.1 jedhamu kun guutummaa addunyaarra Indiyaa, Chaayinaafi Yunaayitid Isteet dabalatee biyyoota baayyee keesssatti argameera.
Akka WHO jedhutti, yeroo ammaa kana yaaddoo inni ummatarratti qabu gadi aanaa yoo ta'u, talaalliin amma hojiirra jirus ittisuu ni danda'a.
Haata'u malee, weerarri Covid fi dhukkuboota biroo biyyoota amma waqtii qorraatti seenaa jiran keessa dabaluu danda'a jechuun akeekkachiiseera.
Vaayirasoonni dhibee argansuu fidan kanneen akka flu[qofaa], vaayirasii argansuu RSV jedhamuufi dhibee Nimooniyaa yeroo ijoollummaa addunyaa gara bantii kaabaatti hammaachuuf deema.
Vaayirasiin dhibee Covid fidu yeroodhaa gara yerootti jijjiramaa kan deemu yoo ta'u, kun ammoo yeroo tokko tokko hanga gosti haaraan uumamuutti geessa.
Gosti Covis Omicron jedhamu ammatti guutummaa addunyaarratti bal'inaan kan mul#'ataa jirudha.
Yeroo ammaa kana Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) tokkoon isaanii ammatti kan yaaddessan ta'uu baatanis JN.1 dabalatee gosoota baayyee Omicron waliin walitti dhufeenya qaban hordoffii feesisan duukaa bu'aa jira.
Haata'u malee, JN.1 addunyaa golee baayyee keessa saffisaan tatamsa'aa jira.
Akka Wiirtuu To'annoofi Ittisa Dhibee (CDC) UStti gosti JN.1 kun yeroo ammaa Yunaayitid Isteet keessatti hunda caalaa saffisaan tatamsa'aa kan jiru yoo ta'u, dhibee gosa kaaniin uumaman keessaa %15-%20 qabata.
Ejensiin Wabii Fayyaa UK gama isaatiin JN.1 qorannoo laaboraatoorii Covid poosatiiv ta'e keessaa %7 qabta jedhe. ejensiin kun ragaa kanaafi gosa kaan jiranirratti hordoffii taasisuu akka itti fufu himeera.
Waqtii qorraa hammaachuuf jira
JN.1 bakka hundaatti saffisaan tatamsa'aa jira. Kun ammoo tarii gosa kanaan dura irraa uumame BA.2.86 jedhamu waliin walbira qabameeyeroo ilalamu pirootiina ittiin wal horu dabalataa qabaachuu mala.
Gosti kun shibeen Sars-Cov-2 [Koronaavaayiras] yeroo dhibeewwan vaayrasii biroofi baakteeriyan hammachaa dhufanitti , keessumaa biyyoota waqtii qorraatti seenaa jiran keessatti dabaluu danda'a," jechuun WHOtti dameen dhibee mudachuu danda'u qoratu himeera.
JN.1 humna ittisuu talaalliiwwan kennamaa jiran dadhabsiisu hangam akka qabu ilaachisee odeeffannoo muraasatu jira jedha WHOn.
Gosa Covid duraan ture caalaa isa kanaan namoonni caalaa dhukkubsatu kan jedhu gabaasni hin jiru.
Haata'u malee, lakkoofsi biyyoota ragaa namoota Covidiin qabamanii hospitaala galan gabaasaan haalaan xiqqachaa waan dhufeef, dhiibaa fayyaa inni qabu hubachuuf qorannoon dabalataa hojjetamuu barbaachisa jedheera HO.
Dhibeefi dhukkuboota hamoo ofirraa ittisuuf WHOn kana akka gootan gorsa:
- bakka namni itti baayyatuufi cufaa ta'e keessattimaaksii godhadhaa
- yeroo qufaataniifi axxiffatan namarraa jedhaa/haguuggadhaa
- harka keessan yeroo hunda qulqulleeffadhaa
- talaallii Covid fi flu [qufaa], addatti warri salphaatti saaxilamtan yeroo yerootti fudhadhaa
- dhukkubsannaan mana turaa
- mallattoowwan ofirratti arginaan qoratamaa